Kitaaba Moototaa ka 1ffaa 8 - Kitaaba Woyyuu

Saanduundhi Waadaa Rabbii Gara Mana Woyyu'uu Gale(Sen. 2ffaa 5:2—6:2)

1Kanaan maayessa mootichi Solomoon saanduuqa waadaa Rabbii Tsiyoonii qachaa Daawitii keessaa haa baasani'iif manguddoota Israa'eliitii fi worra gosa bulchan, abboota murti'ii ka abboota ijoollee Israa'elii bulchan mootichi Solomoon hulee ufii jiru Yerusaalemitti wolitti isaan qabe;

12Hennaa san Solomoon akkana jedhee Rabbiin kadhate,

«Rabbii Waaqa kiyya!

Ati duumessa dukkanaayaa keessa jiraadha jetteerta.

13Kunoo mana woyyuu kee ka gaachena qabu sii ijaareera;

Innillee hulee ati baraa haga bara baraa keessa jiraattu ta'a.»

Dubbii Solomoon Bani'itti Dubbate(Sen. 2ffaa 6:3-11)

14Uduu baniin Israa'elii achi dhaabata'aaran Solomoon fuulaan gara isaanii gara galee isaan eebbise.

15Rabbiin guyyaa banii kiyya Israa'eliin biyya Misirii keessaa baasee jalqabee maqaan kiyya akka achitti waamamuuf mana akka naa ijaaraniif qachaa Israa'elii keessaa qachaa takkallee hin filanne; amma garuu akka maqaan kiyya isii keessatti waamamuuf Yerusaalemiin filadheera,

16‹akka mooyee banii kiyya Israa'eliin bulchuuf Daawitiin filadheera jedhee ka abbaa kiyya Daawititti himee raawwate Rabbii Waaqa Israa'elii galanni haa gawu»› jedhe.

20«Rabbillee waan dubbate hin raawwate; akkuma abdii abbaa kiyyaa inni kenne bikka abbaa kiyya Daawitii teessoo mootummaa Israa'elii irra taa'ee maqaa Rabbii Waaqa Israa'eliitiin mana ijaare.

21Hennaa Rabbi biyya Misiriitii isaan baase, hulee saanduundhi Rabbii ka Rabbi abboota teenna woliin waadaa gale, dhagaan baxxichi ka seerri Rabbii irratti barreeffameeru taa'u mana woyyuu keessatti qopheesseera.»

Kadhaa Solomoon Rabbiin Kadhate(Sen. 2ffaa 6:12-42)

22Achiin maayessa uduma baniin Israa'elii maruu argu Solomoon hulee ciinca'aa afoo dhaabatee harka ufii gara sami'ii badhisee,

23«Yaa Waaqa Israa'elii samii gubba'aa fi lafa irrattillee Waandhi si fakkaatu hin jiru; garboota tee ta yaada guutu'uun si afoo jiraataniif waada'aaf araara kee isaanii eedda.

24Abdii abbaa kiyya Daawitii garbicha keetii kennite, afaan keetiin dubbattee akkanaan adha harka isaatitti raawwatte.

25Ati amma yaa Waaqa Israa'elii akkuma afoo kiyya deemte ijoolleen tee yoo uf eegan nama mootummaa Israa'elii irratti mootii ta'u si hin dhabsiisu jettee abbaa kiyya Daawitii galte waadaa san eegi. Rabbii Waaqa keenna afo'otti ayyaanteffatan.

66Guyyaa saddeetesso'ootitti banii geegesse; isaanillee mooticha eebbisan; waan Rabbi garbicha ufii Daawitii fi banii ufii Israa'elii godhe maraaf garaa ufii keessatti gammadanii gara qe'ee ufii galan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help