Raajii Hisqeelii 48 - Kitaaba Woyyuu

Akkaataa Lafa Itti Qoodan

1Gofti lafa qoodamu'uuf galmaayan kanniin; gofti Daanii lafa gara kaabaatiin jiru tokko argatan; lafti tun karaa seensa Haamaatii gara Heetlooniitiin, achiillee kutaa gara kaabaa Damaasqo'oo fi Hatsari'eerii ka'ee haga daangaa Daanii gara baya biiftu'uutii jalqabee haga dhiya adu'uu gayee ufii argata.

2Gofti Aseerii lafa gosa Daaniititti aanee lafa gara baya biiftu'uutii jalqabee haga dhiya adu'uu jiru gayee ufii argata.

3Gofti Niftaalemii daangaa gosa Aseeriititti aanu baya biiftu'uutii haga dhiya adu'uu gayee ufii argata.

4Gofti Minaase'ee lafa daangaa gosa Niftaalemiititti aanu baya biiftu'uutii jalqabee ka haga dhiya adu'uu jiru gayee ufii argata.

5Gofti Efreemii lafa gosa Minaase'eetitti aanu baya biiftu'uutii jalqabee ka haga dhiya adu'uu jiru gayee ufii argata.

6Gofti Roobeelii lafa daangaa gosa Efreemiititti aanu baya biiftu'uutii jalqabee ka haga dhiya adu'uu jiru gayee ufii argata.

7Gofti Yihuuda'aa lafa daangaa gosa Roobeeliititti aanu baya biiftu'uutii jalqabee ka haga dhiya adu'uu jiru gayee ufii argata.

Hulee Addaa Ka Lafa Wodhakka'aa Daangessu

8Isin hulee lafa Yihuuda'aatiin wol qabate tokko qooddanii keettan; dheerinni hulee sanii ciqilee kuma diddamii shan; lafti kun gayee gosa biraatiinillee bayan biiftu'uutii jalqabee haga dhiya adu'uu wol qixa ta'a; huleen manni woyyu'uu itti argamu wodhakkaa kana.

9Lafa kanniin keessaa lafti takka ta dheerinni isi'ii ciqilee kuma diddamii shaniitii fi dalgi isi'ii ciqilee kuma diddamaa ta Rabbiif woyyoomte taati.

10Worri gadootaa lafa woyyoome kana keessaa lafa argatan; lafti isaan argatan baya biiftu'uutii haga dhiya adu'uu dheerinna ciqilee kuma diddamii shaniitii fi dalga ciqilee kuma kudhanii argatan; manni woyyuun Rabbii jidduu san ta'a.

11Huleen kun gadoota fiixaa Saadooqii keessaa worra dhalataniif ka addaan baye ta'a; hennaa worri Israa'elii martinii fi worri Leewwotaa kuuwwan na dhiisanii olii gad tatayyaran ijoolleen ammo ajaja kiyya irraa uduu hin fagaanne eega'aa worra jiraatan.

12Hulee woyyoome keessaa huleen kun hulee isaaniiti; huleen kun daangaa worra Leewwotaatiin wolitti maxxana.

13Hulee gadootaa kana ladda lafa worra Leewwotaa ka ciqileen isaa kuma diddamii shaniitii fi ka dalgi isaa kuma kudhaniititu jira; wolumatti qaba'atti lafti isaanii ka worra gadootaa woliin dheerinna ciqilee kuma diddamii shaniitii fi ka dalgi isaa ciqilee kuma diddamaatitu jira.

14Huleen Rabbiif kalamu lafa biyyattii keessatti argamu maraa caalaa hulee michu'u; lafa san keessaa ka qoodamee gurguramuu fi ka jijjiiramu, yookaan ka eennuufillee dhaalaan lufu hin jiraatu; inni ka Rabbiif woyyoomee adda baye.

15Hulee adda baye kana keessaa huleen addaan qoodamee hafu dheerinni isaa ciqilee kuma diddamii shaniitii fi dalgi ciqilee shan; lafa kana banii maratu itti fayyadama; hulee mana itti ijaaratanii fi hulee horii itti bobbaafatan ta'a; qachattiinillee jidduu sanitti ijaaramti.

16Lafattiin tun roga afur qabdi; ronni isi'ii maruu wol qixa; dheerinni roga maraatuu ciqilee kuma afurii fi dhibba shan ta'a.

17Qachattiin gara arfaniinuu hulee horii itti bobbaafatan qabdi; badhinni hulee horii itti bobbaafatan ka hulee maraatuu ciqilee dhibba lamaa fi shantama.

18Lafa woyyoome kana keessaa gara baya biiftu'uutiin lafti ciqilee kuma kudhaniitii fi gara dhiya adu'uutiin lafti ciqilee kudhanii qoodamee haga qachattiin itti ijaaramteen maayessa lafti hafu maasaa banii qachaa san keessa jiraatuu ta'a.

19Namni gosa kamiin keessattuu dhalate ka qachattii san keessa jiraatu maruu lafa san qotachuu danda'a.

20Huleen woyyuun lafa wodhakka'aa jirtu wolumatti qaba'atti dheerinni roga maraatuu hulee qachattiin itti ijaaramte woliin ciqilee kuma diddamii shaniiti.

21Kutaan hulee woyyu'uu fi qachattii jiddu'utti hafe ka ilma mooti'ii ta'a; lafti tun kolba gara baya biiftu'uutiin daangaa hulee woyyu'uutii ciqilee kuma diddamii shaniitii jalqabee haga hulee lafti itti dhaabattuuti; gara kolba dhiyaatiinillee daangaa ciqilee kuma diddamii shaniitii jalqabee haga daangaa lafti itti dhaabattuuti; dheerinni lafa bulcha'aa dheerinna lafa gosa kaawwaniitiinillee woluma qixa; akkaataa kanaan isaan mana woyyu'uu fi hulee woyyuu jidduu jiraatan jechu'u.

22Akkasuma lafti Leewwotaatii fi huleen qachattiin itti ijaaramte baya biiftu'uu irraa jalqabee haga dhiya adu'uu lafa bulcha'aa jiddu'utti argama; daangaa lafa Yihuuda'aa gara kibbbaatiin garuu lafa Biiniyaamiitiin daangeffama.

Lafa Gosa Kaawwanii Qoodan

23Gosa hafe kaawwaniifillee akkaataan lafa itti qoodan akkana; Biiniyaam lafa baya biiftu'uu irraa jalqabee haga dhiya adu'uu geettu gayee ufii argata.

24Simoon baya biiftu'uutii jalqabee haga dhiya adu'uu lafa gara lafa Biiniyaamiititti aantu gayee ufii argata.

25Yisaakoor baya biiftu'uu irraa jalqabee haga dhiya adu'uu lafa gara lafa Simooniititti aantu gayee ufii argata.

26Zaabiloon baya biiftu'uu irraa jalqabee haga dhiya adu'uu lafa gara lafa Yisaakooriititti aantu gayee ufii argata.

27Gaad baya biiftu'uu irraa jalqabee haga dhiya adu'uu lafa gara lafa Zaabilooniititti aantu gayee ufii argata.

28Daangaan Gaadii ka gara kibbbaa qachaa Taamaarii ka gara kibbaatii jalqabee haga burqaa bisaanii ta Qaadeesii Mariibaa keessatti argamtuu keessa lufee laga biyya Misirii biraan lufee haga galaana Meeditiraaniiyaanii gaya.

29Rabbiin maraa olii lafti isin akkaataa kanaan gosa Israa'elii maraa qooddan tana» jedhee dubbate.

Balballan Dallawa Yerusaalemii

30-31Ronni arfan balballan qachattii keessaa bayaniinii kana; ronni maruu balballan sadihi qaba; balbala maraafuu maqaa gosa tokkootitu kenname; dheerinni isaa kolba gara kaabaatiin ciqilee kuma afurii fi dhibba shan; balballan sadiin roga kanniin irra jiran irra maqaa Roobeelii, Yihuuda'aatii fi Leewwi'iititu irratti moggaasaniiran.

32Gara baya biiftu'uutiin dheerinna ciqilee kuma afurii fi dhibba shan qaba; balballan sadiin roga sanniin irra jiran irratti maqaa Yooseefii, Biiniyaamiitii fi ka Daanii itti moggaasaniiran.

33Kolba gara kibbaatiin dheerinna ciqilee kuma afurii fi dhibba shanii qaba; Balballan sadiin roga sanniin irra jiran irratti maqaa Simoonii, Yisaakoorii, fi Baabiloonii irratti moggaasaniiran;

34Gara dhiyaatiin dheerinni ijaarsa qachatti'ii ciqilee kuma afurii fi dhibba shan; balballan sadiin roga kanniin irra jiran maqaa Gaadii, Aseeriitii fi ka Niftaalemii itti moggaafameera.Mudh. Yoh. 21:12-13

35Dheerinni balballan dallawa qachatti'ii ka roga arfaniin jiru ciqilee kuma kudha saddeetii ta'a; maqaan qachattiin ammaa achi ittiin waamamtu «Rabbi achi jira!» ka jedhu ta'a.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help