Kitaaba Lallabaa 6 - Kitaaba Woyyuu

1Sami'ii gaditti waan guddisee hama'aa ka nama irra gayu arge.

2Rabbi durummaa'a, qabeennaa fi kabajjaa namaa kenne; waan namni fedhu maraa hin dhoogganne; garuu qabeenna isaa kana ka biraatitu nyaata malee inni itti hin gammadu; wonti kun waan gatii hin qabne; dhibee hama'a.

3Namni ijoollee dhibbaa uduu uumatee woggaa hedduu jiraatee lubbuu ufiitiin uduu hara baafachuu baatee dhuma irratti garuu ulfinnaan gara du'aa yoo hin deemne ani waan nama saniitiif guddisee gadda; nama san irra ka gara'atti du'ee baye woyya jedhe.

4Sababaan ka garaa haadhaatitti du'e sun irraanfatamee gara dukkanaa waan isa fidaniif durumaa silaa uduu dhalachuu baatee isaa woyya.

5Inni ifa adu'uu uduu hin argine maalummaa jireennaa uduu hin beenne du'e.

6Kanaafuu hennaa lama woggaa kumaa qabeenna ufiitiin uduu hin gammanne yoo jiraate faayidaa maal isaa qaba? isaan lamaanuu hulema tokko ka wol fakkaatu waan dhaqaniif.

7Namni wonti dadhabuuf woma gara'aatiif; garuu «Nagaye!» hin jedhu.

8Eegasuu namni ogeessi nama gowwaa maali'iin caala ree? nama hiyyeessa jiraachise'eef faayidaa maal argata?

9Hawwi'iin jal jal jechuu irra ijaan arguu woyya; kunillee waan gatii hin qabne; akka waan qilleensa duukaa deemu'uuti.

10Wonti amma jiru maruu woma dura maqaan kennameef; wonti namni ta'u woma dur murtaayeef; waan jabaa hunna qabu ka isaan caalu uf irraa dhoogguu hin danda'an.

11Akkuma dubbiin baay'ateen wonti gatii hin qabne baay'ata; eeganaa kun namaa maal fayyada?

12Bara gatii hin qabne ka akka gaaddiddu'uutitti lufu keessatti namni waan namaa tolu beeku eennu? yookaan haga du'een maayessa sami'ii gaditti maaltu akka raawwatamu eentu namatti himuu danda'a?

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help