Dubbii Nagayaa Ka Luqaasii 18 - Kitaaba Woyyuu

Mammaaka Waan Abbaa Seeraatii Fi Haadha Hiyyeessaa

1 isaan dhooggan.

16Yesuus ammo daa'imman gara ufii waamee, «dhiisaa hin dhoogginaa, daa'imman gara kiyya haa dhufanii, Jeennanni Rabbii worra akkanaa kanniiniif waan ta'eef.

17Mat. 18:3 Ani dhugamaan isiniin jedha, eennullee ka jeennata Rabbii akka daa'imaatitti hin fudhanne maruu sirimaa hin galu» jedhe.

Gaafii Namicha Dureessa Tokkoo(Mat. 19:16-30; Mar. 10:17-31)

18 10:25 Bulchoota keessaa tokko, «Barsiisaa arjaa'a! jireenna bara baraa argatu'uuf maal godhuu na barbaachisa?» jedhee isa gaafate.

19Yesuus, «Maaf arjaa naan jetta? Rabbii tokkicha malee namni arjaan tokkollee hin jiru.

20Ser. Ba'u. 20:12-16; Kes. Deb. 5:16-20 Ati seerran, ‹Hin seebarin, hin ajjeesin, hin hatin, sobaan hin ragin, Abba'aa fi haadha kee kabajji!› jedhu hin beetta» jedhe.

21Namichillee deebisee, «Ani waan kana maraa ijoollummaa kiyya irraa jalqabee eegeera» jedhe.

22Mat. 6:20 Yesuus waan kana dhagayee, «Ammallee waan tokkotu si hafa. Waan qabdu maraa gurguriitii hiyyeeyyi'ii kenni; Sami'itti hin duroomtaa; koottuu na faana deemi!» jedhe.

23Inni ammo haga kana dhagayeen maayessa dureessa waan ta'eef guddisee gadde.

24Yesuus akka inni guddisee gadde argee, akkana jedhe, «Worra dureeyyi'iif jeennata Rabbii galuun attamitti rakkisa'a!

25Dureessi jeennata Rabbii galuu irra, gaalli qaalawa limmo'oo keessa hulluuqu'utu irra salpha'a» jedheen.

26Worri waan kana dhagayan, «Eegasuu eentu ooluu danda'a ree?» jedhan.

2719:8-9; Mar. 14:36 Inni ammo, «Wonti namaaf hin danda'amne Rabbiif hin danda'ama» jedhe.

28Pheexroosillee, «Kunoo, nu waan maraa dhiifnee si faana deemneerra» jedheen.

29Innillee, «Ani dhugamaan isiniin jedha, namni waan jeennata Rabbiitiif jedhee ka mana ufii, maatii ufii, obboleeyyan ufii, haadhaa fi abbaa yookaan ijoollee ufii dhiise,

30Bara kanaa fi adunyaa dhuftutti eennullee ka dachaa hin arganne hin jiru» isaaniin jedhe.

Yesuus Hennaa Sadeesso'ootiif Waan Du'a Ufii Dubbate(Mat. 20:17-19; Mar. 10:32-34)

31Yesuus darasoota kudha lamaanuu gara ufii waamee, akkana isaaniin jedhe, «Amma gara Yerusaalemii deemna; wonti Ilma Namaa ka raattotaan barreeffame maruu hin raawwatama.

329:22,44 Ilma Namaa worra Yihuudota hin taaneef dabarsanii hin kennaniin, isaanillee itti baldan; asii fi achi daddarba'aa itti tufan.

33Haga isa dhaananiin maayessa hin ajjeesan; guyyaa sadeesso'ootitti hin ka'a» isaaniin jedhe.

34 24:45; Mar. 9:32 Isaan ammo waan kana maraa keessaa tokkollee hin hubanne. Hiikkaan dubbii sanii waan isaan jalaa dhokatee tureef wonti inni dubbate sun isaanii hin galle.

Yesuus Worra Ijji Isaanii Hin Argine Fayyise(Mat. 20:29-34; Mar. 10:46-52)

35Yesuus hennaa gara Iyyaariko'oo dhiyaate namichi ijaan hin argine tokko karaa irra taa'ee kadhata'aa ture.

36Inni akka namoonni baay'een karaa san irra lufa'aaran dhagayee, «wonti kun maal?» jedhee gaafate.

37Isaanillee, «Yesuusii Naazireeti'iititu karaa kana lufa'aara» jedhanii itti himan.

3817:13; Mat. 9:27 Inni, «Yesuus! Ilma Daawitii na maari!» jedha'aa iyye.

39Worri afo'otti deemaa turan akka inni cadhisu xixaniin. Inni ammo, «Ilma Daawitii na fayyisi!» jedha'aa guddisee iyye.

40Yesuusillee dhaabatee namicha ijaan hin argine gara isaa akka fidan ajaje. Hennaa gara isaa dhiyaate,

41Mar. 10:36 Yesuus, «Maal akka sii godhu barbaadda?» jedhee isa gaafate.

Innillee deebisee, «Gooftaa kiyya! arguu barbaada» jedhe.

42 7:50; 17:19 Yesuus deebisee, «Argi! amantiin kee si fayyiseeraa» jedheen.

437:16; 17:15 Ijji isaa yoosuu argitee namichi Rabbiin galatoonfata'aa Yesuusiin faanaa deeme. Gumiin sun maruu haga waan kana argan Rabbiin galatoonfatan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help