Kitaaba Faaru'uu 143 - Kitaaba Woyyuu

Kadhaa Gargaarsa Rabbii Argachu'uuf Kadhatan

1Yaa Rabbi! kadhaa kiyya naa dhagayi;

dhuga'aan kadhaa kiyya naa dhagayi;

akka amanamumma'aa fi balchummaa keetiititti naa deebisi!

2Si afo'otti eennullee balchaan waan hin jirreef;

ana garbicha keetitti hin murteessin.

3Diinni kiyya hordofa'aa na ari'a;

dukkana keessatti hidhee na rakkise;

akka namoota woggaa dheera'aan dura du'anii ta'eera.

4Sababaa kanaaf hafuurri kiyya na keessatti dadhabe;

uf keessatti abdii kutadhe.

5Waan bara durii ta'e maraa hin qaabadha;

hujii kee maraa hin dhudhuma;

hujii harka keetii maraa hin yaadadha.

6Harka kiyya gara kee hiixadhee kadhadha;

akka lafti gogaan bisaan barbaadutti

akkasuma lubbuun tiyya si dheebotte.

7Yaa Rabbi! ani waan dadhabee uf ijibbaadhee hafuurri adda na citeef;

daddafii deebii naa kenni!

fuula kee na jalaa hin dhoffatin;

yookaan akka gara boolla ibidda asaabaa bu'anii ta'aa.

8Ka ani hedadhu waan si ta'eef

jaalala kee ka bara baraa akka beeku na gargaari;

waan lubbuu tiyya yaboo sitti kennadheef

karaa deemu natti mudhisi.

9Yaa Rabbi! waan si kadhadheef

diintota tiyya jalaa na hambisi.

10Ati Waaqa kiyya waan taateef,

akka fedha kee raawwadhu na barsiisi;

Hafuurri Woyyuun kee karaa qajeelaa na haa masakku.

11Yaa Rabbi! maqaa keetiif jedhii na jiraachisi;

balchummaa keetiin lubbuu tiyya rakkoo keessaa baasi.

12Jaalala keetiin diintota tiyya balleessi;

ani garbicha kee waan ta'eef

worra lubbuu tiyya muddan maraa balleessi.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help