Kitaaba Seena'aa ka 2ffaa 7 - Kitaaba Woyyuu

Manni Woyyuun Eebbifame(Mot. 1ffaa 8:62-66)

1Solomoon haga Rabbiin kadhatee fixe ibiddi sami'ii bu'ee ciincaa ciincawuu fi ciincaa biraallee gube; ulfinni Rabbiillee mana san keessa guute;

19Isin garuu yoo ana duukaa deemuu dhiiftan, seeraa fi ajaja ani isinii kenne yoo dhiiftan, deemtanii waaqolee tolfamaa biraa waaqeffattanii yoo isaanii sagaddan,

20lafa abboota teessanii kenne irraa isin buqqisa; mana maqaa kiyyaaf woyyoomse kanallee hin dhiisa; banii maraa jiddu'utti worra mammaakaa isin godha.

21«Worri mana gurra dhagayate kana laala'aa bira lufan maruu ‹Rabbi biyya kanaa fi mana kana irratti maal godhe?› jedha'aa baaseffatan;

22baniin sun ‹Rabbii Waaqa abboota isaanii ka biyya Misiriitii isaan baase dhiisanii waaqolee tolfamaa biraa waaqeffatanii waan hordofaniif, waan isaanii sagadaniif› Rabbi waan hamaa kana maraa isaanitti fide» jedhan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help