1Geedewooniin «Yiruba'aal» jedhamee fi baniin isa woliin jiru ganamaan ka'anii burqaa Haaroodii biratti quphatan; gandi worra Miidiyaamii isaaniin gara mirgaatitti tulluu Moore'ee ladda dhooqa keessa jiran ture.
2Rabbi Geedewooniin, «Baniin si woliin jiru baay'ateera; kanaaf worri Israa'elii ufiin uf oolche jedhee akka uf hin janye, ani worra Miidiyaamii dabarsee harka isaanii jala hin oolchu;
3kanaafuu ‹Ka nayee fi ka sodaate gaara Gala'aadiitii uf irra haa deebi'uu jedhii bani'itti himi»› jedheen; hennaa san banii keessaa namni kuma diddamii lamaa deebi'ee kumni kudhanii achitti hafe.
4Kanaan maayessa Rabbi Geedewooniin, «Baniin hafe ammallee baay'e'ee gara lagaa buusi achitti isaan qori; ka ani si woliin haa deemuu jedhe hin deema, ka ani si woliin hin deemu jedheen garuu hin hafa» jedheen.
5Baniillee gara lagaa buuse; Rabbi Geedewooniin, «Nama gad jedhee akka sareen arrabaan bisaan dhugutti gad jedhee dhugu maraa adda baasi; nama jilbiiffatee ganaa harkaatiin bisaan dhugu maraa adda baasi!» jedheen.
6Worri ganaa harkaatiin bisaan dhugan namoota dhibba sadihi. Baniin hafe garuu bisaan dhugu'uuf gad jilbiiffatan.
7Rabbi Geedewooniin, «Namoota dhibba sadihii ka ganaa harkaatiin bisaan dhugan sanniiniin diintota keessan jalaa isin oolcha, worra Miidiyaamii dabarsee harka keessan jala galcha; baniin hafe garuu gara qe'ee ufii haa deebi'uu» jedheen.
8Dhalee baniin harkaa qabuu fi xurumbaa fudhatanii namoota Israa'elii ka hafe maraa gara qe'ee keessanii galaa'a jedheen; namoonni dhibba sadihii ka hafan garuu isa woliin hafan; gandi worra Miidiyaamii goda isaan keessa jiraatanii gad jiran.
9Galgala gaafa sanii Rabbi, «Worra Miidiyaamii harka kee jala galchaa, ka'iitii gara gandiin isaanii gad bu'i,
10yoo gad bu'uu sodaatte, garbicha kee Furaa woliin gara gandaa gad bu'i.
11Waan jedhan dhageettaa; achiin maayessa ganda isaaniititti duulu'uuf hunna argattanii» jedheen; Geedewoonii fi garbichi isaa Furaan gara ganda duulli jiruu gad bu'an worri Miidiyaamii, worri Amaaleqiitii fi namoonni gara baya biiftu'uu maruu
12ka baay'inni isaanii akka awwaannisaa dhooqa keessatti quphataniiran; baay'inni gaala isaaniillee akka xidhacha galaanaa ka laakkobsa hin qabneeti.
13Hennaa Geedewoon achi gaye, namtichi tokko eebjuu eebjote san akkana jedhee ka himu dhagaye, «Bixileen garbu'uu diqqoon takka hennaa gangalata'aa gara ganda Miidiyaamiititti gad buutee daasee isaaniititti buutee dhoofte daaseen sunillee ka dalgatti gara galu arge» jedheen.
14Ka inni itti himellee deebisee, «Kun guraadee nama ilma Iyyoo'aasii Geedewoonii nama Israa'eliiti! malee waan biraatii miti; Rabbi worra Miidiyaamiitii fi loltoota isaanii harka isaanii jala oolcheera ka'aa'a!» jedheen.
15Geedewoon eebju'uu fi hiikkaa eebjuu sanii haga dhagaye Rabbiin galatoonfate; achii gara ganda Israa'elii deebi'ee Rabbi loltoota Miidiyaamii harka keessan jala galcheeraa ka'aa'a» isaaniin jedhe.
16Geedewoon namoota dhibba sadihii bakka sadihitti addaan qoodee namoota marattuu xurumba'aa fi ottee duwwaa keessa shawaa kaayee namootatti kenne.
17Achiin maayessa, «Na laala'aatii waan ani godhe godhaa'a,
18hennaa gara gandaa dhiyaanne yoo anii fi worri na woliin jiran xurumbaa afuufnu, isinillee naannoo ganda saniititti xurumbaa keessan afuufa'aa, ‹Rabbii fi Geedewooniif› jedhaa'a!» isaaniin jedhe.
19Halkan qixxeen uduu hin geenneen dura hennaa worri eegu wol jijjiirutti, Geedewoonii fi namoonni dhibbaa ka isa woliin jiran gara qe'ee dhufanii xurumbaa ufii afuufanii ottee harkaa qabanillee caccabsan.
20Namoonni bakka sadihitti qoodaman sunniin xurumbaa afuufanii ottee caccabsan; harka bita'aatitti garuu xurumbaa qabatanii Rabbii fi Geedewooniif» jedha'aa iyyan.
21Namni maruu naannoo isaanii marsanii dhaabatan; loltoonni maruu iyya dhageessisa'aa dheessan;
22Namoonni dhibba sadihii Geedewooniin woliin xurumbaa afuufan; Rabbi namoonni Miidiyaamiitii fi loltoonni isaanii maruu wolitti gara galanii guraade'een akka wol fixan godhe; loltoonni isaanii karaa Sireeroo'aatiin haga Beetishixa'aa, achiillee haga daangaa Abelimihoola'aa dheessan.
23Worri Israa'elii, Niftaaleem, Aseerii fi Minaaseen fa'a wol gayanii worra Miidiyaamii ari'an.
24Achiin maayessa Geedewoon worra gaara Efreemii gubbaa jiran maratti ergee «Koottaa gad bu'aatii laga Yoordaanosiititti gad bu'aa karaa Beetibaara'aatiin gad bu'aa karaa worri Miidiyaamii laga Yoordaanosii ceewuun qabadhaa'a» jedhe. Namoonni Efreemiillee wol gayanii karaa worri Miidiyaamii laga Yoordaanosii ceewuun Beetibaara'aa haga Yoordaanosii qabatan.
25Namoota gugurdaa Miidiyaamii lamaan Heereebii fi Zeebiin qabanii Heereebiin dhagaa qarsa'aa ka «Heereeb» jedhamu biratti ajjeessan; Zeebiiniin garuu, «Hulee woyinii itti cuunfan ta «Zeeb» jedhamtu biratti ajjeesan; worra Miidiyaamii ari'anii mataa Heereebiitii fi mataa Zeebiinii kutanii laga Yoordaanosii gamatti Geedewoonitti fidan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.