1Guyyaa saddeetesso'ootitti Muuseen Aarooniin, ijoollee isaatii fi jaarsota Israa'elii waamee;
2Aarooniin akkana jedhe, «Ciincaa cubbu'uutiif hoolota keessaa korbeessa mudaa hin qabne, loon keessaa jibicha mudaa hin qabne fuutee Rabbiin afo'otti dhiyeessita.
3-4Ijoollee Israa'eliitiin adha Rabbi waan isinitti mudhatuuf ciincaa waan cubbu'uutiif dhiyaatu korbeessa re'e'ee, jibicha woggaa tokkoo, korma, korbeessa hoola'aa ka mudaa hin qabnee fi ciincaa midhaanii ka dhadha'aan sukkuumame Rabbiin afo'otti ciincaa ciincawu godha'aatii Rabbii dhiyeessaa'a» jedhii isaanitti himi jedheen.
5Isaanillee waan Muuseen isaan ajaje gara balbala daasee wol gayi'ii fidan; baniin maruu dhufanii Rabbiin afoo dhaabatan.
6Muuseen, «Wonti akka gootaniif Rabbi isin ajaje kana; ulfinni Rabbiillee isinitti mudhata.» isaaniin jedhe.
7Kanaan maayessa Muuseen Aarooniin, «Gara hulee ciinca'aa dhiyaadhuutii ciincaa cubbuu keetiitii fi ciincaa kee ka gubamu dhiyeessi; ufii fi banii irraallee cubbuu baasi; akkuma Rabbi ajaje kennaa bani'ii dhiyeessii isaanii araarsi» jedheen.
8Aaroon waan cubbuu ufiitiif gara hulee ciinca'aa dhiyaatee jibicha kenname goorra'e.
9Ijoolleen Aaroonii dhiiga dhiyeessaniif; inni quba ufii dhiiga keessa kaayee gaaffan hulee ciinca'aa jiraniin tuqee dhiiga hafe ammo hulee ciinca'aa jalatti jisse.
10Kanaan maayessa akkuma Rabbi Muusee ajaje kennaa ciincaa cubbu'uu, cooma, kalee, moora tiruu irraa hulee ciinca'aatitti gube;
11foonii fi gogaa ammo gandaan ala raasaa baasee gube.
12Horii ciinca'aallee goorra'ee ijoolleen Aaroonii dhiiga fidaniifii innillee naannaya hulee ciinca'aatitti facaase;
13horii ciinca'aa ka gubamu akkaatama fooniitiin mataallee fidaniifii inni hulee ciinca'aa irratti gube.
14Mi'a gara'aatii fi kottiinillee miicee hulee ciincaa itti ciinceessan irratti ciinceesse.
15Achiin maayessa korbeessa re'e'ee ka baniin waan cubbu'uutiif kenne fuudhee goorra'e; akkuma ka duraatitti waan cubbu'uutiif ciinceesse.
16Ciincaa ciincawu godhee akkuma seeraatitti dhiyeesse.
17Kennaa midhaaniillee dhiyeessee isa irraa ganaa tokko fuudhee ciincaa ganama gubatuun alatti hulee ciinca'aatitti ciinceesse.
18Waan bani'iitiif ciincaa fayyinnaa jibichaa fi hoolaa goorra'e; ijoolleen Aaroonii dhiiga fidaniifii inni naannaya hulee ciinca'aatitti facaase.Ser. Lew. 3:1-11
19Cooma hoola'aatii fi ka jibichaa, duma, moora mi'a gara'aa dhossu, kaleewwan, moora tiru'uu fidaniif;
20cooma sanniin maraa handaraafa irra kaayaniifii inni hulee ciinca'aa irratti ciinceesse;
21akkuma Rabbi Muusee ajaje Aaroon handaraafaa fi irree mirgaa kennaa ciinca'aa ka sosocho'u godhee Rabbiin afo'otti sosochoose.
22Aaroon harka ufii ol fudhatee banii eebbise; ciincaa fayyinnaa ka cubbu'uuf dhiyaate haga kenneen maayessa gad bu'e.Ser. Lak. 6:22-26
23Muuse'ee fi Aaroon daasee wol gayi'ii seenanii deebi'anii bayanii banii eebbisan; ulfinni Rabbii bani'itti mudhate.
24Ibiddi Rabbiin biraa bu'ee ciincaa hulee ciinca'aa irratti dhiyaate coomallee nyaate; baniin maruu kana argee ililfatee kallachaan gad kufee sagade.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.