Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 28 - Kitaaba Woyyuu

1Hennaa hago'oon maayessa worri Filisxeemii worra Israa'eliitiin lolu'uuf loltoota isaanii wolitti qabatan; Ankus yoo san Daawitiin «Atii fi namoonni kee na woliin lola akka dhaxxan hubadhu» jedhe.

2Daawitillee hennaa san «Waan ani garbichi kee hojjadhu arguu hin dandeetta» jedheen;

Ankus ammo «Baay'ee misha'a! yoo san ani ammo eedduu hennaa maraa na eegu si godhadha!» jedhe.

Saa'ol Worra Ekeraa Waamuu Gaafate

3Bara san Saamu'eel duunaan worri Israa'elii maruu booyaniifii qachattii isaa Raamaa keessatti isa awwaalan; hennaa san Saa'ol Ekeraa dubbiftu'uu fi mortuu biyya keessaa baasee ture.

4Worri Filisxeemii hiriiranii dhufanii naannoo qachaa Shuneemii keessatti hennaa quphatan Saa'ol ammo worra Israa'elii maraa wolitti qabee tulluu Gilbo'a'aa qabate.

5Saa'ol loltoota Filisxeemii hennaa arge hin sodaate; garaan isaa guddisee raafame.

6Kanaafuu maal godhuu akka isa barbaachisu Rabbiin gaafate; Rabbi ammo eebju'uun yookaan Uuriim yookaan raagaan deebii hin kennineef.Ser. Lak. 27:21

7Kanaan maayessa Saa'ol hojjattoota ufiitiin «Dubartii ekeraa dubbiftu naa barbaada'aa qoradha'aatii anillee gara isi'ii dhaqee gorsa gaafadhaa.› jedhe; hojjattoonni isaallee deebisanii «Dubartiin ekeraa dubbiftu takka Ayindooriin keessa jirti» jedhaniin.

8Saa'ol uffata jijjiiratee akka isa hin beenne ta'ee namoota lamaa qabatee halkaniin gara mana dubartii sanii dhaqee ekeraa dubbiftu'uun «Nama ani sitti himadhu du'aa naa kaasi» jedheen.

9Dubartittiin, «Waan Saa'ol hojjate worra ekeraa dubbisanii fi mortuu biyya keessaa akka balleesse atinuu hin beetta; maaf na ajjeesu'uuf siiboo na afoo keetta?» jette.

10Kanaan maayessa Saa'ol, «Dhugaa Rabbii jiraata'aa sababaa kanaaf miidhamni tokkollee akka si irra hin geenne maqaa Rabbiitiin sii kakadha.» isi'iin jedhe.

11Dubartittiin sun, «Eennuun sii kaasa?» jetteen; inni ammo «Saamu'eeliin naa kaasi?» jedheen.

12Dubartittiin hennaa Saamu'eliin argite laagaa gudda'aan iyyitee Saa'oliin, «Ati Saa'olii mii? maaf na sobde?» jetteen.

13Mootichi ammo dubartitti'iin, «Hin sodaatinii amma maal arga'aarta?» jedhee dubartittii gaafate;

Isiinillee Saa'oliin «Waan akka gaachena Waaqaa qabu tokko uduu lafa keessaa ol bawu arge» jette.

14Inni ammo, «Bifti isaa maal fakkaata?» jedhee isii gaafate; isiin ammo deebiftee «Nama jaaree kaabbaa uffateerutu ol baya'aara» jetteen; hennaa san inni Saamu'eeliin akka ta'e beekee haga lafa gawutti gad jedhe.

15Saamu'eel Saa'oliin, «Maaf hara baafannaa na dhooggita?» jedheen; Saa'ol ammo «Filisxeemoonni naan lola'aaran Rabbi ammo na irraa gara gale; raagaan yookaan eebju'uun naa deebisuu dide; ani rakkata'aa jira; kanaaf waan godhuu na barbaachisu akka natti himtu si waamadhe» jedheen.

16Saamu'eel ammo «Erga Rabbi si irraa gara galee si morme maaf na gaafatta?

17Rabbi akkuma dura karaa kiyyaan sitti dubbate mootummaa si harkaa fuudhee firticha kee Daawitiif kenneera.Sam. 1ffaa 15:28

18Ati waan dubbii Rabbiitii ajajamuu diddeef dheekkamsi Rabbii ka ati worra Amaaleqii irratti waan ati hin raawwanneef Rabbi adha kana sitti fide.Sam. 1ffaa 15:3-9

19Amma Rabbi worra Israa'elii si woliin dabarsee Filisxeemotaa kenna; boru atii fi ilmaan kee duutanii natti eda'amtan Rabbi Israa'eliin harka worra Filisxeemiititti kenna» jedhe.

20Saa'ol dubbii Saamu'eel itti himeen nayee hollatee kufee halkanii fi guyyaa san guutuu midhaan waan hin nyaanneef dadhabee ture.

21Dubartittiin sun gara Saa'olii dhuftee akka inni nayee hollata'aaru argitee «Waan ani garbittiin tee jettu dhagayi; ani waan ati na ajajje lubbuu kiyyatti murteessee godhe.

22Ati ammo waan ani garbittiin tee sitti himu akka dhageettu si kadhadha; amma buddeena diqqoo sii dhiyeessa; ati ammo akka nyaatee jabaatee deemtu» jetteen.

23Saa'ol garuu, «Ani waan tokkollee hin nyaadhu» jedhee dide; garuu loltoonni isaatii fi dubartittiin akka nyaatu waan isa jajjabeessaniif «Maarre» jedhee lafa kufee ka'ee siree irra taa'e;

24Achiin maayessa dubartittiin jibicha manatti gabbifame tokko qabdi; isiin ariifattee jibicha qaltee daakuu fuutee dukkuuftee xoroshoo gootee,

25Saa'olii fi hojjattoota isaatii kennite; isaanillee nyaatanii halkanuma san ka'anii deeman.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help