Seera Keessa Deebii 21 - Kitaaba Woyyuu

Yakka Ajjeecha'aa Ka Abbaa Ajjeese Hin Beennee

1«Lafa Rabbi Waandhi kee sii kennee dhaaltu irratti nama du'e yoo raasa'atti argite,

2namni isa ajjeese sun yoo hin beekkamne; jaarsonni keessanii fi abboonni murti'ii teessan dhaqanii hulee reeffi itti kufee kaasanii haga naannaya qachaa maraatuu fageenna isaa haa bikkanii,

3achiin maayessa jaarsonni qachaa hulee namichi itti du'eetitti dhiyaattu raada takka ta hujii hin geenne, ta qambaraan irra hin kaayamne fuudhanii

4gara hulee dhooqa bisaan hin jirree ka hin qotamnee fi ka sanyiin itti hin facaanee raada san qabatanii dhaqanii dhooqa san keessatti morma raada sanii cabsan.

5Gadoonni ijoollee Leewwi'ii dhufanii Rabbiin afo'otti akka tajaajilan maqaa isaatiin akka goorra'an Rabbi Waandhi waan isaan filateeruuf jecha isaan dubbataniin mormiin maruu, miidhaan maruu waan cituuf,

6qachaa naannaya namni sun itti du'ee biratti jaarsonni maruu raada dhooqa keessatti mormi isi'ii cabe irratti harka ufii haa dhiqatanii;

7akkanallee jedhanii yaada ufii haa ibsanii, ‹Nu dhiiga nama kanaa hin jissine, nama isa jissellee hin argine,

8yabo'oo banii Israa'elii irratti yakka dhiiga kanaa hin laakkayin› jedhanii dubbatan; banii Israa'eliitiillee hin dhiifama.

9Akkaataa kanaan waan Rabbi isin ajaje maraa yoo gootan yakkaa fi cubbuu nama du'eetiif hin gaafatamtan.

Qajeelfama Dubartoota Lola Keessatti Booji'amaniif Kenname

10«Hennaa diina keetiin lolu'uuf baate, hennaa Rabbi Waandhi kee dabarsee sii kenne, hennaa isaan boojite,

11Worra booji'aman keessatti intala bareeddu yoo argitee isii jaalattee hawwitee, fuudhuu yoo barbaadde,

12gara mana keetii isii fidda; isiinillee mataa ufii hin haadatti; qeensa ufiillee hin muratti,

13uffata ittiin booji'amtellee hin jijjiiratti; mana kee teettee abbaa ufiitii fi haadha ufiitii haga ji'a tokkoo bootti; achiin maayessa ati isii bira geetta; ati isi'ii abbaa worraa taata.

14Achiin maayessa yoo isiin sitti toluu baatte bilisa isii baaftee gara isiin barbaadde geegessita; garuu gati'itti isii hin gurguratin; waan isii shingeessiteef akka garbitti'iititti isii hin laakkayin.

Mirga Dhaaltummaa Ilma Hangafaa

15Namni tokko haadha manaa lama fuudhee takka jaalatee ta lammeesso'oo yoo jibbe isaan lachuu yoo ijoollee dhiiraa dayan ilmi dhiiraa ka hangafaa ka intala inni jibbu sanii yoo ta'e,

16guyyaa inni horii ufii ijoollee ufiitii qoodu ilma intala ufii jaalatuu san akka hangafaatitti hin laakkayin;

17garuu horii ufii keessaa dachaa lamaa isaa kennee ilma intala inni jibbu irraa dhalate san hangafa akka ta'e haa beessisuu; waan ilmi sun ilma isaa ka duraa ta'eef.

Qajeelfama Ilma Maati'ii Hin Ajajamnee Kenname

18«Eennullee ilma abba'aa fi haadhaa hin ajajamne morkataa yoo qabaatan;

19abbaanii fi haati isaa ilma san qabatanii murti'iif gara hulee jaarsonni jiranii haa fidanii,

20jaarsota biyyaatiinillee, ‹Ilmi keenna kun morkata'aa fi dhiba'a; nuu hin ajajamu; nama horii balleesuu fi machaaya'a› haa jedhaniinii.

21Namoonni qachaa sanii maruu haga inni du'utti dhaga'aan isa haa dhayanii; akka kanaan waan badaa jidduu keessanii balleessitan; worri Israa'elii maruu kana dhagayanii sodaatan.

Seera Gara Garaa

22«Eennullee cubbuu du'aaf isa geessu yoo hojjate yoo du'a itti murteessitee muka irratti isa fannifte;

23namni muka irratti fannifame Rabbii Waaqa afo'otti abaaramaa waan ta'eef reeffa isaa muka irra hin bulchin; garuu lafa Rabbi Waandhi kee sii kennu akka hin batteessine reeffa san guyyama san awwaali.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help