1Ani Rabbiin ka hulee ciinca'aa dhaabateeru arge; inni akkana jedhee ajaje, «Haga huleen utubaa mana woyyu'uu raafamutti ginnoo mana woyyu'uu dhayii caccabsii akka sammuu namootaa irratti diiggamee kufu godhi; worra achi irraa hafan ammo ani guraade'een fixa; eennullee dheessee jalaa bayuu hin danda'u.
2Yoma isaan lafa qotanii worra du'anitti eda'amanillee achi keessaa butee isaan baasa; yoo gara sami'ii ol butamanillee ani achii deebisee isaan buusa;
3Yoo gaara Qarmeloosii irra bayanii dhokatanillee faana dhayee achii isaan baasa; yoo galaana xiillaa keessa seenanii na jalaa dhokatuu badadan akka isaan iddu jawwee galaana keessaa ajaja.
4Yoo diintota ufiitiin booji'amanii fudhataman akka achitti ajjeefaman isaan taasisa; akkaataa kanaan akki ani xiinxallee itti isaan hordofu kun isaan miidha malee isaan hin fayyadu.»
5Biyyi maruu akka laga Abbaayii
ka biyya Misirii olii gad raafaman;
Rabbi Gooftaan banii maraa hennaa lafa tuqe hin baxxi;
worri isii keessa jiraatan maruu hin booyan.
6Ka hulee jireennaa ufii samii godhate,
ka ardi'ii olitti samii jabeesse,
ka bisaan galaanaa ajajee
akka lafa irra jigu godhu,
maqaan isaa Rabbi.
7Rabbi akkana jedha, «Banii Israa'elii! ana biratti worri Itoophiya'aa isinii gad hin ta'an; akkuma ani biyya Misiriitii isin baase akkasuma worra Filisxeemii Qarxeesiin keessaa, worra Sooriya'aa Qiiriin keessaa hin baafnee? baaseera.
8Ani Rabbi Gooftaan gara cubbamaa mootii Israa'elii hin laala; ani lafa irraa isii balleessa; ta'ullee fiixaa Yaaqoobii mara hin balleessu; ka waan kana dubbate ana Rabbi.
9Ani baniin Israa'elii akka banii keessa bittinnaayan ajaja; akkaataan isaan itti bittinnaayan akkaataa midhaan gingilcha'aan itti gingilfamuutitti; hennaa gingilchaan socho'u hansaraa malee midhaan takkattiinillee hin faca'an.
10Worri cubbamtootaa ‹hamaan woyiituu nu irra hin gayu yookaan nu hin argu› jedha'aa banii kiyya keessa jiraatan maruu lolaan dhuman.»
Abdii Deebi'uu Banii Israa'elii11Rabbi akkana jedha, «Hennaan mootummaan Daawitii ka akka mana diiggamee jiru deebisee itti dhaabu hin dhufa; dallawa hin ijaara; ka diiggame hin haarawoomsa; akka bara duriititti deebisee ijaara.
12Akkaataa kanaan isaan worra biyya Eedomii irraa hafanii fi banii biraa ka maqaa kiyyaan waamaman maraa hin dhaalan jedha» Rabbiin waan kana godhu.
13Rabbi akkana jedha,
«worri midhaan haaman uduu haamanii hin findhe,
worri lafa qotan hulee itti dhaabsifatanii fi worri woyinii cuunfan cuunfanii
uduu hin findhe,
yeroon woyinii dhaaban isaan irratti gaya;
hennaa san gaarran daadhii woyini'ii mi'aayaa burqan;
tulloota irra daadhii woyini'iititu yaa'a.
14Ani banii kiyya Israa'eliin deebisee gara biyya isaanii isaan fida;
isaan qachoota ufii ka diiggaman deebisanii ijaaranii keessa jiraatan;
woyinii dhaabanii daadhii woyini'ii dhugan;
biqiltuu gara garaa dhaabanii daraaraa isaa nyaatan.
15Ani banii kiyya Israa'eliin biyya isaanii kenne irratti isaan dhaaba;
lammata buqqa'anii achii hin bayan.»
ka waan kana dubbata'aaru Rabbii Waaqa keessan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.