1Kanaan maayessa Rabbi Muuse'een, «Fari'oonii fi biyya Misirii irratti balaa tokko callaa fida; achiin maayessa hennaa gad isin dhiisu ariisa'aan isin baasa;
2baniin Israa'elii ammallee dhiirtinii fi dubartiin ollaa ufii irraa mi'a worqi'iitii fi ka birri'ii akka fudhatan bani'itti himi» jedheen.
3Rabbi Muuse'ee banii biyya Misirii maraa afo'otti gaachena kenneef; Muuseen garboota Fari'oonii afo'otti guddisee nama kabajjamaa ta'e.
4Muuseen Fari'ooniin, « Rabbi ‹Ani halkan wodhakkaa banii jidduu lufa;
5hangafni biyya Misirii keessa jiru maruu, ilma hangafaa ka mooticha Fari'oonii irraa jalqabee haga ilma hangafaa ka garbittii dhagaa daattuu, ka horiin goromumma'aan dhale maruu hin dhuma;
6booya tanaan dura biyya Misirii maraa keessatti ta'ee hin beennee fi ka ammaa achillee hin taanetu ta'a.
7Rabbi ammo worra Israa'eliitii fi worra biyya Misirii jiddu'utti garaagarummaan akka beekkamuuf namaa fi horii isaaniititti sareenillee hin duttu.› »
8Muuseen, «Garboonni kee kunniin maruu gara kiyya dhufanii banii kee fudhadhuu deemi jedha'aa na kadhata'aa naa sagadan» jedheenii aaree bobayee Fari'ooniin biraa baye.
9Rabbi Muuse'een, «Haga Maalaleen biyya Misiriititti baay'attutti isinii hin dhagawu» jedheen.
10Muuseenii fi Aaroon maalalee kanniin maraa Fari'ooniin afo'otti godhan; Rabbi garaa Fari'oonii waan jabeesseef ijoolleen Israa'elii biyya san gad hin dhiifne.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.