Raajii Isaayyaasii 16 - Kitaaba Woyyuu

Moo'aab Abdii Kutate

1Seelaa lafa gammoojji'ii gama jirtu keessaa;

bulchaa biyyaa;

gara gaara intala Tsiyoonii;

gibira korbeessa hoola'aa ergaa'a.

2Akka simbirran goom'ee ufiitii ari'amanii

jaanjuranii

intallan Moo'aabiillee

hulee laga Aarnoonii ceeyaniin biratti

akkasuma ta'an.

3«Gorsa nuu arjoomaa'a;

murtii nuu kennaa'a;

guyya'aan gaaddisa keessan;

akka halkaniititti nuun golgaa'a;

worra dheessan dhossaa'a;

baqattoota dabarsitanii hin kenninaa'a.

4Baqattoonni Moo'aabii isin bira haa turanii;

isin ka isaan balleessu irraa irkoo ta'aafii'i»

dhumti ka cunqursuu hin dhufa;

badiin isaa hin dhaabata

ka uf jajullee lafa irraa bada.

5Teessoon jaalalaan hundaaya;

ka mana Daawitii keessaa ta'e;

ka haqaan murtii barbaadu;

ka balchummaa ariifachiisu;

namni tokko amanamumma'aan isa irra taa'a.

6Boonuu Moo'aabii;

guddisee boonu'uu fi uf tuuluu isaa;

dhaadu'uu fi gad dhiifamaa ta'uu isaa dhageenneerra

boonuun isaa garuu duwwa'a.

7Kanaafuu worri Moo'aabii banne jedhan;

wolumaan waan Moo'aabiitiif bannee dhageessisan;

waan qaabii worra qachaa Qirihaaraaseetii

gaddaan booyan.

8Qonni Haseboonii;

biqiltuun woyinii Seebaama'aa quureera;

bulchoonni bani'ii;

Iyyaazeeriin lufanii

lafa gammoojji'ii keessa ceeyanii

worra hidda isaanii haga galaanaa dheereffatanii turan;

biqiltuu woyini'ii filatamaa irra deemaniiran.

9Kanaafuu akka biqiltuu woyini'ii ka Seebaama'aatitti

akkuma Iyyaazeer bootte;

anillee hin booya;

yaa Haseboon; yaa Eeliyaal;

imimmaan kiyyaan si jiisa;

wony'i hennaa ati daraaraa daraarte ture;

gammachuun hennaa midhaan kee gaye waan adda citeef.

10Gammachuunii fi usheexxuun hulee woyini'iitii badeera;

hulee biqiltuu woyini'ii faaruun hin jiru;

ililfachuunillee hafeera;

hulee cuunfaa woyini'iitittillee wonti cuunfan hin jiru;

woca worra cuunfuullee waan balleesseef.

11Kanaafuu garaan kiyya waan Moo'aabiitiif;

akka kiraara sagalee guddaa kennuu;

gadda mararo'oo dhageessifti;

madhumaan kiyyallee waan Qeriheereesiitii hin booya.

12Uduu Moo'aab gara tullu'uu bayee;

bu'aan isaa dadhabbima;

faateffachu'uuf uduu gara mana woyyuu waaqa tolfamaa ufii seenelle'ee;

gatii hin qabu.

13Wonti Rabbi bara durii waan Moo'aabii dubbate kana.

14Amma garuu Rabbi akkana jedha, «Akkuma namni hujii hennaa hago'ootiif qaxarame wolii galteen jalaa dhaabatu, ulfinni Moo'aabiitii fi baniin isi'ii maruu woggaa sadihii keessatti salphata; baniin hafe garuu hago'oo fi dadhabaa ta'a.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help