1Nuuf uduu hin taane; yaa Rabbi!
nuuf uduu hin taane,
jaalalaa fi dhugaa keetiif jedhii
maqaa keetiif ulfinna kenni.
2Worri yihuudota hin taane, «Waandhi isaanii eessa jira?»
maaf jedhan?
3Waandhi keenna samii jira;
Inni waan fedhe godha.
4Waaqoleen tolfamaan isaanii ammo
birri'ii fi worqii harki namaa hojjate.
5Afaan hin qaban ammo hin dubbatan;
ija hin qaban ammo hin argan.
6Gurra hin qaban ammo hin dhagayan;
funyaan hin qaban ammo hin ulatan.
7Harka hin qaban ammo hin qaqqaban;
luka hin qaban ammo hin deeman;
laagaa isaanii keessattillee sagaleen hin uumamu.
8Worri kanniin hojjatan,
worri isaan hedatan maruu akkuma
isaanii haa ta'an.
9Yaa mana Israa'elii! Rabbiin abdadhaa'a;
gargaara'aa fi wonteen isaanii isa.
10Yaa mana Aaroonii! Rabbiin abdadhaa'a;
gargaara'aa fi wonteen isaanii isa.
11Isin yaa worri Rabbiin sodaattan;
Rabbitti amanaa'a;
gargaaraanii fi wonteen isaanii isa.
12Rabbi nu yaadata; nu eebbisalle'e;
Inni mana Israa'elii hin eebbisa;
mana Aaroonillee hin eebbisa.
13Worra Rabbiin sodaatan maraa;
didiqqa'aa fi gugurdaallee hin eebbisa.
14Rabbi isinii fi ijoollee teessan;
eebba ufiitiin isin haa baay'essu.
15Rabbii ardi'ii fi samii uumeen
worra eebbifamtan ta'aa'a!
16Samiin samiiwwanii ta Rabbiiti;
lafa ammo ilmaan namaatii kenne.
17Worri Rabbiin galatoonfatan;
worra du'ee miti;
worra gara dukkana awwaalaa bu'anii miti.
18Ammaa jalqabee haga bara baraa;
ka Rabbiin galatoonfatu nu'u;
Rabbiin galanni haa gawu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.