1Ilma kiyya! barumsa kiyya hin irraanfatin;
ajaja kiyyallee garaa kee keessatti eegi;
2Isaan guyyoota sii eda'an, barootallee sii dheeressan;
jireenna, durumma'aa fi nagaya sii baay'isan.
3Jaalallinii fi amanamummaan sirima si irraa hin fooyamin;
morma keetitti isaan hidhadhu;
gabatee qalbii teetii keessatti barreeffadhu.
4Hennaa san gaachenaa fi maqaa mishaa
namaa fi Rabbiin birattillee argattaa.
5Garaa kee guutu'uun Rabbiin abdadhu;
hubannaa keetitti hin irkatin.
6Karaa kee marattuu isa beeki;
inni karaa kee sii qajeelchaa.
7Yaada keetiin ani ogeessa ufiin hin jedhin;
Rabbiin sodaadhu;
hamaa irraa fagaadhu.
8Kun nafa keetiif fayyaa;
lafee keetiifillee jabeenna ta'a.
9Rabbiin durummaa keetiin,
midhaan kee maraa keessaa
ka duraa kennu'uun kabajji.
10Yoo kana goote sheemaxeen kee guutee irraa hafa;
huleen cuunfaa woyini'ii keellee guutee cambalaqa.
11Ilma kiyya! gorsa Rabbii hin tuffatin;
xixa isaatittillee hin mararamin.
12Akkuma abbaan ilma ufii ka itti gammadu maraa adabu
Rabbillee ka ufii jaalatu hin adaba.
13Namni ogummaa argatu,
ka hubannaa horii ufii godhatu ka eebbaati.
14Isiin ta meetii caalaa gatii fiddu;
ta worqii caalaallee faayidaa argamsiiftu waan taateef.
15Isiin mi'a diimaa gatii gudda'aa caalaa mi'a'a;
wonti ati hawwitu maruu ka isii gayu hin jiru.
16Harka isi'ii ka mirgaa irra umurii dheera'atu jira,
harka ufii ka bita'aatitti durumma'aa fi ulfinna qabatteerti.
17Daandiin isi'ii nama gammachiisa;
karaan isiin deemtu maruu ka nagayaati.
18Isiin worra isii ammataniif muka jireennaati;
worri isii qabatanillee hin eebbifaman.
19Rabbi ogumma'aan lafa jabeessee uume;
hubannaa ufiitiin samiiwwan hulee isaaniititti jabeesse.
20Ogummaa isaatiin burqaawwan gad fago'oo adda qoodaman;
duumessillee fixeensa coccophsan.
21Ilma kiyya! murtii sirri'iitii fi
hubatanii gar gar baafachuu jabeessii qabadhu;
kunniin ija kee afo'oo hin fagaatin.
22Lubbuu keetiif jireenna;
morma keetiifillee faaya ta'an.
23Achiin maayessa karaa kee nagayaan deemta;
lutti teellee hin gufattu,
24yoo raftu hin sodaattu;
hirribni keellee sitti mi'aaya.
25rakkoo dimmaa dhufu,
badii worra hammeeyyii irra gayullee hin sodaatin.
26Rabbi waan hedoo kee ta'eef,
akka lutti tee siibo'oon hin qabamne eega.
27Worra waan mishaa barbaadanii
uduu waan mishaa isaanii godhuu dandeettu
godhuu hin dhiisin.
28Amma uduu harkaa qabdu,
ollaa keetiin «Turii koottu, boru sii kennaa» hin jedhin.
29Nama si hedatee si bira taa'uu fi
ollaa keetittillee hamtuu hin yaadin.
30Uduu miidhaa si irra hin geessine
sababaa malee nama hin himatin.
31Nama hama'atti hin hinaafin,
karaa isaa kamiinuu hin filatin,
32Rabbi dabaa maraa waan balfuuf,
nama qajeela'atti garuu dhossaa ufii ibsa.
33Abaarsi Rabbii mana worra hammeeyyi'ii irra;
mana worra balcha'aa garuu hin eebbisa.
34Inni worra murugutti hin balda;
worra kaso'oof garuu gaachena kenna.
35Ogeeyyiin ulfinna argatan;
gowwoota garuu salphinnatti isaan baasa.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.