Kitaaba Faaru'uu 3 - Kitaaba Woyyuu

Kadhaa Hennaa Baqatan Rabbiin KadhatanFaaruu Daawiti hennaa ilma ufii Abeseloomiin jalaa dheesse faarfate

1Yaa Rabbi! diintonni tiyya hagam baay'atan!

meeqatu na irratti ka'e!

2Namoonni baay'een lubbuu tiyyaan,

«Rabbi si hin oolchu» jedhaniin.

3Yaa Rabbi! ati garuu

wontee naannaya kiyya golgu;

ati anaaf ulfinna; ka ol na qabullee si'i.

4Ani laagaa ol qabadhee

Rabbitti iyyadha;

inni iyya kiyya gaara woyyuu ufii irra taa'ee

naa deebisa.

5Ani hin ciisa; hin rafa;

Waan Rabbi irkisee na qabeeruuf

hin dammaqa.

6Diintota kiyya ka karaa maraan

na marsan hin sodaadhu.

7Yaa Gooftaa! ka'i!

Waandhana! koottuu na oolchi;

boqoo diintota kiyyaa cabsi;

ilkaan hammeeyyi'iillee butuchi.

8Oolchuun ka Rabbiiti;

eebbi kee banii kee irra haa ta'u.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help