1«Ati qachaa loltoota qabdu loltoota kee hiriirsi! jabeessanii nu marsaniiran; bulchaa Israa'elii ule'een boqoo keessa dhayan.»
2Rabbi akkana jedha, «Ati Beeteliheemiin biyya Eefraata'aa keessatti argamtu! yoma qachoota Yihuuda'aa didiqqoo keessa taatellee akkuma armaan dura bulchaan si keessaa jalqabe baraa haga bara baraa ka banii kiyya Israa'eliin bulchu achi keessaa naa baya» jedha. irra bayan worra eegu torbaa fi bulchoota saddeetii isaan irratti kaafna.
6Qachaa biyya bulchiinsa Naamruudiin jala turte hunna loltoota ufiitiin mootii biyya Asoorii mooyatanii qabatan; worri Asoorii uduu biyya keenna marsanii fi uduu daangaa keenna irra ejjatanii inni isaan jalaa nu oolcha.Ser. Uma. 10:8-11
7Baniin Israa'elii ka du'a irraa hafan banii heddu keessatti akka fixeensaatii fi akka shinina Rabbii akka lafa irratti shininu godhuu ta'an; isaan nama heddatanii eeggatuu dhiisanii Rabbiin callaa hedatan.
8Leenci bineensa bosonaa hedduu irratti, leenci darmiinillee tika hoolotaa irra utaalanii bu'anii ciccira'aa hennaa deeman bineensi biraa ka isaan gargaaru hin jiru; ijoollee Yaaqoobii ka du'a irraa hafan banii hedduu keessatti akkasuma godhan.
9Worri Israa'elii maruu diintota ufii irratti ka'an; diintonni isaanii maruu hin badan.
10Rabbi akkana jedha, «Ani dursee faradoo keessan isin keessaa balleessa; gaarii fardaa keessanillee hin diiga.
11Qachoota biyya keessan keessatti argaman hin balleessa; kusheewwan keessan maraa hin diiga.
12Mita keessan hin balleessa; worri moran ammaa achi isin keessatti hin argaman.
13Ani waaqolee tolfamaa keessan ka bocamanii fi utubaawwan keessan ka isin itti sagaddan hin balleessa; isin ammaa achi waaqolee tolfamaa harka keessaniin hojjattanii hin sagaddan.
14Fakii waaqa tolfamtuu Asheeraa jedhamtuu biyya keessan keessaa bubuqqisa; qachoota teessan hin diiga.
15Mootota anaa ajajamuu didan maraa lola kiyya gudda'aan haluu isaan baya.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.