1Worqiin attamitti bifa dhabe!
worqiin qulqulluun attamitti jijjiirame!
dhagaan kabajjamaan daangaa
karaa maraatittuu bittinnaayeera;
2Ijoolleen dhiiraa ta Tsiyoonii kabajjamoonni
ta akka worqii qulqullu'uutitti laallama'aa turan;
attamitti akka meeshaa faaraa
ka namni ogeessi hojjatuu ta'an!
3Jeedallanuu ilmoolee ufii hoosifachu'uuf
mucha ufii kennan;
baniin kiyya garuu akka guchiiwwan lafa gammoojji'ii
gar jabeeyyii ta'an.
4Sababaa dheebotaniif arrabni isaanii
laaga'aan wolitti maxxane;
ijoolleen isaanii waan nyaatan kadhatan;
garuu eennullee isaanii hin kennine.
5Worri nyaata filatamaa nyaata'aa turan;
rakkatanii karaa irratti kufaniiran;
worri uffata diimaa dhiilgee uffatanii guddatan;
amma tuulaa daara'aa irra ciisaniiran.
6Adabbiin banii kiyya irra gaye;
adabbii Soodomii ka harki eennuullee isii hin gargaarre
ta dimmaa diiggamtee caalaa gudda'a.
7Abboonni isi'ii ka murti'ii worra baradaa caalaa ifan;
worra aannan caalaa addaatan turan;
nafti isaanii ka waan diimaa gatii gudda'aa caalaa diimate;
bifti isaaniillee akka dhagaa samperii ture.
8Amma garuu cilee caalaa gurraachateera;
ka karaa irratti isaan beeku hin jiru;
gogaan isaanii lafe'een wolitti maxxaneera;
akka mukaatitti goganiiran.
9Worra beelaan dhuman caalaa
worra guraade'een ajjeefaman woyya;
sababaa waan nyaatan raasaa keessaa hin arganneef
beelaan goganii dhuman.
10Baniin kiyya hennaa dhumetti;
akka nyaata isaanii ta'aniif
haawwonni garaa laafan harkuma ufiitiin
ijoollee ufii affeelan.
11Rabbi balbala balaan bayuun bane;
lola ufii jabaa dhangalaase;
akka hundee isi'ii nyaatuuf
Tsiyoonitti ibidda qabsiise.
12Mootonni biyya lafaa yookaan baniin Adunya'aa
diina ta'ee'e, loltoonni eennullee
balballan Yerusaalemii cabsanii seenan jedhanii hin amanne.
13Kun garuu sababaa cubbuu raattotaa;
sababaa yakka gadoota isi'iitiif ta'e;
waan isii keessatti dhiiga balchootaa jissaniiraniif.
14Akka namoota jaamaniititti
karaa keessatti dammaqan;
haga namni tokkollee uggee uffata isaanii tuquu hin dandeennetti;
guddisee dhiigaan battaayeera.
15Namoonni, «Deemaa'a! isin worri battooftan» jedhanii isaanitti wocan;
«Deemaa'a! deemaa'a! nu hin tuqinaa'a!» isaaniin jedhan;
hennaa dheessanii jal jal jedhan;
namoonni worra Yihuudii hin taane keessa jiraatan
«Ammaa achi as taa'uu isaan hin barbaachisu!» jedhan.
16Rabbuu isaan bittinneesseera;
ammaa achi isaan hin eegu;
gadoonni hin kabajjamne;
jaarsonnillee kabajjaa hin arganne.
17Maraa caalaa uduu gargaarsa gatii hin qabne eeggannu;
ijji teenna dadhabde;
gamoo ijaarsaa keenna gubbaa teennee
banii nama oolchuu hin dandeenne irraa
gargaarsa eegganne.
18Namoonni nu faanaa deeman;
kanaafuu nu karaa keenna deemuu hin dandeenne;
dhumti keenna dhiyaateera;
guyyaan keenna laakkobsatti galeera.
19Bajjaawwan sami'ii caalaa
diinni keenna guddisanii ariifatan;
gaarran irra nu ari'an;
lafa gammoojji'ii keessattillee nutti luuxan.
20Hafuurri lubbuu keennaa ka Rabbi dibe;
siiboo isaaniitiin qabame;
gaaddisa jala
worra Yihuudii hin taane keessa jiraanna jennee
yaannee turre.
21Isin banii Edoomiyaasii worri biyya Uuzii keessa jiraattan
gammadaa'a! burraaqaa'a!
garuu isinillee mijuun kun hin gaya;
hin machooftan; qullaa taatanii ifa baatan.
22Isin banii Yerusaalemii! adabbiin keessan hin dhaabata;
inni bara baqa keessanii hin dheeressu;
garuu banii Edoomiyaasii!
cubbuu keessan hin adaba;
hammeenna keessanillee ifa baasa.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.