1Ijoolleen dhiiraa ta Laaba'aa, «Yaaqoob qabeenna abbaa keennaa fudhate» jedhanii hennaa dubbatan Yaaqoob dhagaye.
2Yaaqoob hennaa fuula abba'aa laalu akka duraaniitii miti.
3Hennaa san Rabbi Yaaqoobiin « gara biyya abbeetii gara fira keetii deebi'i; ani si woliin ta'aa» jedheen.
4Kanaafuu Yaaqoob Raaheelii fi Liyaa nama itti ergee gara hulee hoolonni jirtuu isaan waamee,
5«Fuulli abbaa keessanii anaaf akka duraaniitii miti; ammo Waandhi abbaa kiyyaa na woliin jira;
6ani hunna qabu maraan akka abbaa keessanii hojjadhe hin beettan.
7Abbaan keessan ammo na sobee mindaa kiyya harka kudhanii jijjiire; Rabbi ammo akka inni na miidhu hin barbaanne.
8‹Hoolonni babarruun mindaa kee haa taatuu› naan jennaan hoolonni maruu ilmoolee babarruu dhalte; ammallee ‹Mindaan kee hoolota bibbiduu haa taatuu› jennaan hoolonni maruu bibbiduu dhalte;
9Rabbi hoolota abbaa keessan irraa fuudhee naa kenne.
10Hoolonni sunniin hennaa tola fuudhuu kajeelan re'iin korbeeyyii babarruu, bibbiduu, sassaaqaa qabanii hennaa itti bobbaasan arge.
11Maleekkaan Rabbii eebju'uun, ‹Yaaqoob!› naan jedhe; anillee ‹Yaa› jedheen.
12‹Ol jedhii laali korbeeyyiin hoolotaa fi korbeeyyiin re'iinitti hobobsan babarruu, sassaaqa'aa fi bibbidu'u; ani waan Laabaan si godhe maraa argeeraa» jedheen.
13Rabbi Waandhi Beeteelii ka ati soodduu dhaabdee muuddee fi silata qabdeef ana; ammallee ka'iitii biyya kanaa bayii gara biyya itti dhalattee deebi'i» jedhe. jedhee maqaa itti baase; Yaaqoobillee Gala'aad jedheen.
48Laabaanillee, «Tuulaan tun adha anaa fi si'i jiddu'utti ragaa taati» jedhe; kanaaf maqaan isi'ii Gala'aad jedhame.
49Akkasuma Mitsiphaa jedhame; «hennaa anii fi ati adda baane Rabbi nu haa eegu» jedhe.
50«Ijoollee tiyya yoo yakkite; isaan irratti intala biraa yoo fuute; nu woliin namni waan hin jirreef Rabbi anaa fi si'i jiddu'utti raga'a.
51Laabaanillee Yaaqoobiin, «Anaa fi si'i jiddu'utti soodduun tuula'aa kunooti» jedheen.
52Ani gara kee tuulaa dhaga'aa tana akka hin lufne; atillee hammeennaaf gara kiyya tuulaa tanaa fi soodduu tana akka hin lufne soodduun tun ragaa taati;
53Waandhi Abrahaamii, ka Naakooriitii fi Waandhi abbootaa nu jiddu'utti haa murteessu» jedhe; achiin maayessa Yaaqoob waadaa kana eegu'uuf maqaa Waaqa abbaa ufiitiin kakate.
54Yaaqoob gaara san irratti ciincaa ciincessee obboleewwan ufii buddeena akka nyaatan waame; isaanillee buddeena nyaatanii gaara san irra bulan.
55Laabaanillee ganamaan ka'ee ijoollee dhiiraatii fi ta intalaa dhungatee isaan eebbise; Laabaan deebi'ee gara biyya ufii gale.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.