Raajii Sofoniyaasii 2 - Kitaaba Woyyuu

Waamsa Aagi'ii

1Isin banii hin saalfanne daddafa'aa gara Rabbii deebi'aa'a.

2Yoo kana hin goone ammo akka buraa qilleensi fudhatee deemuunii taatan; dheekkamsi Rabbii ka akka ibiddaa bobawu isinitti dhufa; guyyaan dheekkamsa Rabbii guddaan isinitti dhufa.

3Isin fayyaaleyyiin ajaja Rabbii raawwata'aa jiraattan gara Rabbii deebi'aa'a; hujii qajeellumma'aa hojjadhaa'a; gara laafumma'aan gad uf qabaa'a; akkaataa kanaan maal laataa guyyaa Rabbi dheekkamsa ufii mudhisu adabbii jalaa bawuu dandeettan ta'aa.

Murtii Banii Kaawwan Irratti Murteeffame

4Gaazaa keessaa bayanii ta namni keessa hin jiraanne taati; Asqaloonaanillee ona taati; worri Ashdoodiin keessa jiraatan guyyaa mana jireennaa ufii keessaa ari'aman, namoonni Aqaarooniillee qachattii keessaa buqqa'anii bayan.

5Isin worri Karitaawotaa ka galaana qaccee jiraattan jechuun worra Filisxeemii isin hobbaasi! murtiin Rabbii isinitti dhiyaateera; Kana'aanii biyya Fisxeemii taate si hobbaasi! namni tokkollee akka si keessa hin jiraanne taasisee si balleessa.

6Lafti teessan ka qarqara galaanaa jirtu ta horii itti bobbaasan, mana worri tisse'ee keessa jiraatanii fi moonaa loon keessa bulu taati.

7Rabbi Waandhi isaanii waan isaan kunuunsuu fi qabeenna isaaniillee waan isaanii deebisuuf akka horii ufii itti bobbaafatan lafti qarqara galaanaa jirtu ristii worra banii Yihuuda'aa irraa hafanii taati; hennaa isaanitti dhiye manniin Asqaloona'aa keessa bulan.

8Rabbi Gooftaan banii maraa akkana jedha, «Ani balda banii Moo'aabii ka banii kiyya irra gayee fi arraba banii Moo'aabii ka banii kiyya irra gaye dhagayeera; isaan attamitti akka isaanitti baldanii fi attamitti akka ristii isaanii fudhatu'uuf dhaadatan beekeera.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help