Kitaaba Mammaakaa 5 - Kitaaba Woyyuu

Seebaruu Irraa Fagaachuu'u

1Ilma kiyya! ogummaa tiyya qalbifadhu;

dubbii kiyya ka hubanna'aa qalbi'iin caqasi.

2Kun akka qalbii godhachuu horii kee godhattu;

akka arrabni kee beekkumsa eeggatuuf.

3Hidhiin dubartii seebartuu damma waan coccophsuuf

arrabni isi'ii akkuma dhadha'aa

nama hin quuqu.

4Dhuma irratti garuu akka hargiisaatitti hadhoofti;

akka guraadee gara lamaan qara qabuu taati.

5Lutti isi'ii gara boollaa gad bu'an;

tarkaanfiin isi'ii qajeeltoma gara asaabaa deeman.

6Waan karaa jireennaa hajaa hin qabdu,

karaan isi'ii daddaba'a;

garuu isi'itti hin beessisu.

7Eeganaa ijoollee tiyya na dhagayaa'a;

dubbii ani isinitti himu irraa hin siiqinaa'a.

8Karaa kee isii irraa fageessi;

balbala isi'ii irrallee hin lufin.

9Kunillee akka ati jabeenna kee ka biraatiif;

umurii keellee worra garaa jabaataniif

hin kennineef.

10Akka ormi qabeenna keetitti hin bashannanneef,

xaariin teellee akka mana nama biraa

hin duroomsineef.

11Foonii fi nafti kee hennaa si gane,

dhuma umurii keetiititti hin woyatta.

12Akkana jetta, «Maal! ani gorsa jibbe;

maal! garaan kiyyallee sirraayuu tuffate.

13Ani barumsa barsiisota tiyyaa hin dhageenne;

worra na leenjisanillee hin caqafne.

14Gumii maraa afo'otti;

gara badii guutu'uu dhiyaadhe.»

15Hulee kee ka bisaan itti kuufattuu

bisaan kee ka boolla keessaa burqu dhugi.

16Burqaawwan kee guutanii gara raasa'aa,

laggiin kee gara bayima itti bayanii yaa'uu barbaachisaa?

17Sima calla'aaf haa ta'anii;

ormi sitti hin falmin.

18Burqaan kee ka eebbaa haa ta'u;

haadha manaa tee ta bara ijoollumma'aatitti gammadi.

19Isiin bareedduu akka borofaa;

michuu akka kuruphe'eeti;

harmi isi'ii hennaa maraa dheebuu si haa baasanii;

jaalalli isi'ii hennaa maraa si haa booji'u.

20Ilma kiyya! maaf jaalala dubartii

seebartuutiin machoofta?

haadha manaa nama biraa maaf ammatta?

21Karaan namaa Rabbiin afo'otti waan mudhataa ta'eef;

Inni karaa irra deeman maraa hin qora.

22Nama hamaa hujiin hamaan isaatuu isa qaba;

haanni cubbuu isaatuu duudhatee isa qaba.

23Sababaa dhidhinna gorsaatiif du'a;

guddinna gowwummaa ufiitiin karaa irraa bada.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help