Kitaaba Faaru'uu 112 - Kitaaba Woyyuu

Gammachuu Nama Misha'aa

1Hale luyaa!

namni Rabbiin sodaatu;

ka ajaja isaatitti guddisee gammadu

ka eebbaati.

2Fiixaan isaa lafa irratti jajjabaa ta'an;

fiixaan worra qajeela'aa hin eebbifaman.

3Qabeenninii fi durummaan mana isaa keessa ol guuta;

balchummaan isaa baraa haga bara baraa jiraata.

4Arjaa, gara laafessa fi balchaa waan ta'eef;

dukkana keessatti nama misha'aaf ifatu bayaaf.

5Namni arjaan; ka uduu hin shakkine liqeessu;

ka hujii ufii sirri'itti raawwatu

waan misha'atu ta'aaf.

6Baraa haga bara baraa hulee ufiitii waan hin sochooneef;

namni balchaan uduu qaabatamu jiraata.

7Oduun hamaan isa hin raasu;

garaan isaa Rabbiin abdachu'uun ka jabaate.

8Garaan isaa jaba'a; hin sodaatu;

dhuma irratti kufa diintota ufii arga.

9Hiyyeeyyi'ii arjumma'aan kenne;

balchummaan isaa baraa haga bara baraa jiraata;

inni namoota jiddu'uttuu hin kabajjama.

10Namni hamaan kana argu'uun aara;

ilkaan ciniinnata; huqqatee bada;

hawwiin hammeeyyi'ii hin baddi.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help