1Yesuus hennaa gumii hedduu arge gaara irra ol bayee taa'e; darasoonni gara isaa dhufan.
2Achiin maayessa inni akkana jedhee isaan barsiise.
Eebba Dhuga'aa(Luq. 6:20-23)3 Isa. 57:15 «Worri Ayyaanaan hiyyeeyyii ta'an, worra eebbifame,
Jeennanni sami'ii ta isaanii waan taateef!
4 Isa. 61:2 Worri gaddan worra eebbifame;
jajjabeenna waan argataniif.
5 Far. 37:11 Worri gad uf qabu worra eebbifame;
waan biyya lafaa dhaalaniif.
6 Isa. 55:1-2 «Worri qajeellummaa beelayanii fi dheebotan worra eebbifame;
waan quufaniif.
7 25:35-46; Yaq. 2:13 Worri namaa araaraman worra eebbifame;
Rabbi waan isaanii araaramuuf!
8 Far. 24:3-4 Worri yaanni garaa isaanii qulqulluu ta'e worra eebbifame;
isaan Rabbiin waan arganiif!
9 Ibr. 12:14 Worri nama wolitti araarsan worra eebbifame;
isaan ijoollee Rabbii jedhamanii!
10 Phex. 1ffaa 3:14 Worri qajeellumma'aaf ari'aman worra eebbifame;
Jeennanni sami'ii ta isaanii waan taateef!
11 Phex. 1ffaa 4:14 «Anaaf jedhanii yoo namoonni isin arrabsan,
yoo isin ari'an,
yoo sobaan waan hamaa maraa isin irratti odeessan,
isin worra eebbifame.
12 Sen. 2ffaa 36:16; Hu. Er. 7:52; Ibr. 11:32-38 Isaan raattota isiniin duraatuu akkasuma ari'aa turan.
Gatiin keessan waan samii gubba'atti guddaa ta'eef,
gammadaa ililfadhaa'a» isaaniin jedhe.
Fakkeenna Waan Sooqiddaatii Fi Ifaa(Mar. 9:50; Luq. 14:34-35)13Isin akka sooqidda lafaati; Sooqiddi yoo mi'aa sooqiddummaa ufii dhabe maali'iin mi'aaya? Gara diidaa gatamee namoonni irra deeman malee womaafuu bu'aa hin qabu.
14Yoh. 8:12; 9:5; Filph. 2:5 «Isin ifa adunya'aati. Qachaan gaara gubbaa jirtu dhokachuu hin dandeettu.
15Mar. 4:21; Luq. 8:16; 11:33 Namoonni ifaa ibsanii akka nama mana keessa jiru maraaf ifutti waan ifaan irra kaayamu irra kaayan malee gonbisoo jala hin kaayan.
16Efe. 5:8-9; Phex. 1ffaa 2:12 Hujii mishaa keessan arganii akka Abbaa keessan ka samii jiru kabajjan ifni keessan nama maraa afo'otti haa ifuu» jedheen.
Waan Seera Karaa Muuse'eetiin Kenname Barsiise17 3:15; Rom. 3:31 «Ani waan seeraa fi waan raattonni barsiisan diigu'uuf dhufe hin seeyinaa'a; raawwachu'uuf dhufe malee diigu'uuf hin dhufne.
18Luq. 16:17 Ani dhugamaan isiniin jedha, sami'ii fi ardiin haga luftutti seera keessaa tokkottiin yookaan qabxiin tokkottiinuu horoma hin diiggamtu hin raawwatamti malee.
19Yaq. 2:10 Eegasuu ka seera kanniin maraa keessa ka irra diqqa'aa tokkottiillee diigu, akka diiganillee ka namoota barsiisu, jeennata sami'ii keessatti nama maraa irraa diqqa'a jedhama. Namni seera kana eeguu fi akka eegan ka barsiisu ammo jeennata sami'ii keessatti gudda'a jedhama.
20Akkana isiniin jedha, qajeellummaan keessan qajeellummaa barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisotaa yoo caale malee horoma jeennata sami'ii hin galtan» isaaniin jedhe.
Lubbuu Ajjeesuun Hin Barbaachisu21 Ser. Ba'u. 20:13; Kes. Deb. 5:17; 24:17 Worra duraatiin, « ‹Hin ajjeesin, namni yoo nama ajjeese abboota murti'ii afo'otti itti murama› ka jedhame dhageettaniirtan.
22Yoh. 1ffaa 3:15 Ani ammo akkana isiniiniin jedha; eennullee yoo obboleessa yookaan obboleettii ufiititti mufate, abboota murti'ii afo'otti itti murama; namni yoo obboleessa ufiitiin «Gowwaa'a!» jedhe yaa'itu itti murteessa. Ka obboleessa ufiitiin ‹Duudaa'a!› jedhu maruu murtii ibidda asaabaatiif dhiyaata.
23Mar. 11:25 Eegasuu kennaa kee ka Rabbii kennitu hennaa mi'a kenna'aa irratti dhiyeessitu, obboleessi kee akka si komate yoo yaadde,
24Kennaa kee ka Rabbii kennitu achumatti dhiisiitii, duraan dursii obboleessa kee woliin araarami; achiin maayessa deebi'iitii kennaa kee Rabbii dhiyeessi.
25 18:35; Luq. 12:58-59 Nama si himate tokko woliin yoo gara hulee yaa'iititti uduma deemtu dafii karaa irratti isa woliin wolii gali; achi geettee jennaan abbaan murti'ii ka si hidhutti dabarsee si kennee, ka si hidhullee mana hidha'aatitti si galcha.
26«Ani dhugamaan siin jedha, waan sitti murame keessaa saantibiin cabduunillee uduu hin hafin haga kaffaltutti sirimaa hin baatu» jedhe.
Seebaruun Hin Barbaachisu27 Ser. Ba'u. 20:14; Kes. Deb. 5:18 Yesuus ammallee akkana jedhe, « ‹Hin seebarin› akka jedhame dhageettaniirtan.
28Sam. 2ffaa 11:2; Iyyo. 31:1 Ani ammo akkana isiniin jedha, ‹namni ija hawwi'iitiin dubartii laale, garaa ufii keessatti isii woliin seebareera.›
2918:9; Mar. 9:47 Yoo ijji mirgaa cubbuu si hojjachiifte, uf keessaa baasi; nafti kee guutuun gara asaabaa ka gatamee mannaa, nafa kee keessaa tokko fafaayuu sii woyya.
3018:8; Mar. 9:43 Yoo harki kee ka mirgaa cubbuu si hojjachiise uf irraa murii gati; ka nafti kee guutuun gara asaabaa gatamee mannaa, nafa kee keessaa tokko fafaayuu sii woyya.»
Barumsa Waan Wol Hiikuu Abbaa Manaatii Fi Haadha Manaa(Mat. 19:9; Mar. 10:11-12; Luq. 16:18)31 19:7; Mar. 10:4; Kes. Deb. 24:1-4 Ammallee Yesuus akkana jedhe, ‹Namni haadha manaa ufii hiiku maruu, barreeffama isii hiikuu isaa ibsu haa kennuufii› jedhameera.
3219:9; Mar. 10:11-12; Luq. 16:18; Qor. 1ffaa 7:10-11 Ani ammo akkana isiniin jedha, «Yoo isiin seebarte malee, ka haadha manaa ufii hiiku maruu seebartuu isii taasisa; namni ta abbaa manaa jalaa baate fuudhullee hin seebara.»
Kakachuu33 Ser. Lew. 19:12; Ser. Lak. 30:2; Kes. Deb. 23:21 Ammallee worra duraatiin, ‹Sobaan hin kakatinaa'a; waan Goofta'aaf kakattan ammo raawwadhaa'a› akka jedhame dhageettaniirtan.
3423:22; Hu. Er. 7:49; Yaq. 5:12; Isa. 66:1 Ani ammo akkana isiniin jedha, «Horoma hin kakatinaa'a; Sami'iin hin kakatinaa'a; teessoo Rabbii waan taateef.
35Far. 48:2 Ardi'iin hin kakatinaa'a; ejjata luka Rabbii waan taateef. Yerusaalemiinillee hin kakatinaa'a qachaa guddittii mooti'ii waan taateef,
36Rifeensa mataa keetii tokkocha adii yookaan gurraacha godhuu waan hin dandeenneef ufiinillee hin kakatin.
37Yaq. 5:12; Qor. 2ffaa 1:17 Dubbiin keessan yoo dhugaa ta'e ‹Ee› yoo soba ta'e ‹Wa'a› jedhaa'a; wonti kanaan alaa garuu hammeenna irraa dhufa» jedhe.
Haluu Bayuun Hin Barbaachisu(Luq. 6:29-30)38 Ser. Ba'u. 21:24; Ser. Lew. 24:20; Kes. Deb. 19:21 « ‹Ijji ijaaf; ilkaan ilkaaniif› akka jedhame isinuu dhageettaniirtan.
39Yoh. 18:22-23 Ani ammo akkana isiniin jedha; nama waan hamaa si irratti hojjate haluu hin bayin. Namni tokko yoo boqoo mirgaa si dhabanaase, taanillee itti deebis.
40Qor. 1ffaa 6:7 Namni tokko yoo shamisii tee fudhachu'uuf barbaadee si himate, kootii keellee kenniif.
41Namni tokko yoo karaa hagoo na geegessi jedhee si giddisiise, ati ammo san caalaa geegessiin.
42Kes. Deb. 15:7-8 Ka waa si kadhatee kenni; ka si irraa liqeeffachu'uuf barbaadu jalaa hin miliqin.»
Diintota Ufii Jaalachuu(Luq. 6:27-36)43 Ser. Lew. 19:18 Ammallee Yesuus akkana jedhe, « ‹Hiriyyaa kee jaaladhu, diina kee jibbi› akka jedhame dhageettaniirtan.
44-45Ser. Ba'u. 23:4-5; Luq. 23:34; Hu. Er. 7:59; Rom. 12:14-20 Ani ammo akkana isiniin jedha, «Diintota keessan jaaladhaa'a; worra isin miidhuufillee Rabbiin kadhadhaa'a; yoo kana gootan ijoollee abbaa keessan ka samii jiruu taatan; Inni worra hammeeyyi'ii fi worra misha'aafillee aduu baasa; worra qajeela'aa fi worra qajeelaa hin taaneefillee hin roobsa.
46Yoo worra isin jaalatu callaa ka jaalattan ta'e gatii maal qabdan? Worri Rabbitti hin bulle akkanuma godhaniimii ree?
47Yoo obboleeyyan teessan callaa nagaya oo'aa gaafattan, worra kaawwaniin maali'iin adda taatan? Worri Yihuudota hin taanellee akkanuma godhaniimii?
48Ser. Lew. 19:2; Kes. Deb. 18:13 Akkuma Abbaan keessan ka sami'ii guutuu ta'e, isinillee akkasuma guutuu ta'aa'a.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.