1Namni hiyyeeyyi'ii yaadu ka eebbaati;
isaallee Rabbi guyyaa hamaa hin oolchaan.
2Rabbi isa eega;
isa jiraachisa;
lafa irrattillee isa eebbisa;
diintota isaatittillee dabarsee isa hin kennu.
3Hennaa inni dhibamee siree irra ciisu
hin kunuunsaan;
hennaa dhibame fayyisee siree irraa kaasaan.
4Anillee «Yaa Rabbi!
garaa naa laafi;
waan si yakkeeruuf lubbuu tiyya fayyisi» jedheen.
5Diintonni tiyya worri waan hamaa na irratti dubbatan
«Yoom du'a? maqaan isaallee yoom irraanfatamee hafa?» jedhan.
6Ka na gaafachu'uuf dhufu yoo jiraate,
garaa ufii keessatti arraba qabatee;
mormaa oliin dubbata;
bayee oduu odeessa.
7Diintonni tiyya maruu garee uumanii
waan kiyya wolitti hasaasan;
akkana jedha'aa waan hamaa natti dhayan;
8«Dhibee hama'atu qabeeraan;
ammaa achi hulee ciisee hin ka'u» jedhan.
9Ka na woliin nyaata qoodamee nyaate;
jaalalloon kiyya ka dhiyo'oo ka ani hedadhu
diina natti ta'e.
10Yaa Rabbi! garaa naa laafi;
ani diintota kiyya akka haluu bayu
fayyaa naa kenni;
11Diinni kiyya akka na mooyatetti waan hin hafneef;
akka ati natti gammadde hin beeka.
12Ati akka qajeellummaa kiyyaatiif na gargaarta;
baraa haga bara baraa afoo kee na jiraachifta.
13Rabbi Waandhi Israa'elii
baraa haga bara baraa ka eebbifame haa ta'u!
Amiin! Amiin!
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.