1Ilma kiyya! yoo jecha kiyya fudhatte,
yoo ajaja kiyya garaa kee keessa kaayatte,
2gurra kee gara ogumma'aa yoo qajeelchite,
qalbii kee gara hubanna'aa yoo deebifte,
3akkasuma yoo ogummaa gar gar baafachu'uuf yoo worwaatte,
laagaa kee ol qabattee yoo ogummaa waamte,
4Akka meeti'iititti yoo isii barbaadde,
akka qabeenna dhokata'aatitti jabeessitee yoo isii hawwite,
5Hennaa san Rabbiin sodaachuu hubatta;
Waaqa beekuulle hin argatta.
6Rabbi waan ogummaa namaa kennuuf;
afaan isaa beekkumsaa fi hubannaa dubbata.
7Inni worra qajeela'aaf mootee kenna;
worra mudaa malee jiraataniif wontee ta'a.
8Akkaataa deemsa haqaa hin eega;
jireenna worra amanama'aa hin jabeessa.
9Hennaa san qajeellumma'aa fi haqa
madaalu'uu fi
karaa mishaa maraa hin hubatta.
10Ogummaan garaa kee keessa waan seentuuf;
beekkumsi lubbuu tee hin gammachiisa.
11Dandeettiin gar gar baafachu'uu si golga;
hubannaanillee si eega.
12Ogummaan namoota dubbiin isaanii hamaa ta'e irraa,
karaa hammeeyyi'ii irraallee si oolchiti.
13Kunniin worra karaa dukkanaa deemu'uuf
karaa qajeelaa dhiisan.
14Worra waan hamaa hojjachu'utti gammadan,
worra karaan hammeennaa itti tolu,
15karaan isaanii daba'a;
deemsi isaanii micciirama'a.
16Dubartii seebartu irraallee si eeddi;
ta afaaniin si sobdu,
ta saala hin qabne jalaallee si oolchiti.
17Dubartiin tun ta abbaa worraa ufii ka ijoollumma'aa dhiifte,
ta waadaa Waaqa ufii afo'otti galte salphifte.
18Manni is'ii gara du'aa fida;
karaan isi'ii gara hafuura worra du'anii masakka.
19Ka gara isi'ii seenu eennullee hin deebi'u;
karaa jireennaallee hin argatu.
20Ati karaa namoota mimmisha'aa deemta;
karaa worra balcha'aallee qabattee deemta.
21Worri qajeelaan lafa irra jiraatan;
worri mudaa hin qabne isii irratti ijaaramanii jiraatan.
22Hammeeyyiin garuu lafa irraa badan;
worri amanamummaa dhidhu'uu isii irraa buqqa'an.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.