1Kanaan maayessa Akixoofeel Abeseloomiin, «Ani namoota kuma kudha lamaa filee halkanuma kana ka'ee Daawitiin ari'a;
2uduu inni dadhabee harki isaallee laamshayee hadoodee jiru dimmaa balaa itti buusee isa sodaachisa; baniin isa woliin jirullee hin dheessa; mooticha addatti qabee dhaya;
3akkuma idaayyittiin abbaa worraa ufiititti deebitu banii maraa gara kee deebisa; baniin maruu nagayaan jiraata; namni nagayaan jiraata namni ati ajjeeftu namuma tokko» jedhe.
4Dubbiin kun Abeseloomii fi jaarsota Israa'elii maraa hin gammachiise.
5Abeseloom, «Kuusii nama gosa Arka'aa waamaa'a; waan inni jedhu dhageennaa» jedhe.
6Hennaa Kuusi gara Abeseloomii dhaqe Abeseloom, «Wonti Akixoofeel dubbate kana, waan inni nutti hime kana godhuu nu barbaachisaa ree? Yoo hin taanee nutti himi» jedheen.
7Kuusi garuu Abeseloomiin, «Gorsi amma Akixoofeel si gorse misha'aa miti;
8Kuusi akkuma yeyyiin ilmooleen isi'ii yoo jalaa fudhatamte hamaa taatu akkasuma abbeetii fi namoonnillee, hammeeyyi'ii fi jajjabaa akka ta'an hin beetta; abbee loltuu jabaa waan ta'eef loltoota woliin akka hin bulle hin beetta.
9Ammallee maal laataa boolla yookaan hulee woyiititti dhokataniiran ta'a; namni akka Daawiti loltoota tee irratti balaa buuse dhagaye maruu yoma san loltoonni tee akka waan mooyatamanii godhee odeessa.
10Abbee loltuu jabaa akka ta'ee fi worri isa woliin lolan loltoota jajjabaa akka ta'an worri Israa'eliin keessa jiraatan maruu waan beekaniif loltoonni tee ta akka leencaatitti janna ta'anuu guddisanii sodaachuu danda'an.
11Kanaafuu wonti ani si gorsu worra daangaa lafaa kallattii arfaniin jiran Daanii haga Beersaabeehiitii fi worra Israa'elii ka akka xindhacha galaanaatitti baay'atan maraa hulee tokkotti wolitti qabii atumti isaaniif ajajaa ta'ii isaan duulchisi.
12Daawiti eessattillee yoo dhokatee jiraate sondhee argina; akkuma baradaan lafatti harca'utti nullee isaanitti harcaana; isaa fi worra isa woliin jiru maraa tokkollee hin hambifnu.
13Yoo dheessanii gara qacha'aallee galan baniin keenna maruu haada fuudhanii qacha'aa harkisa'aa qilee isi'ii gadi jirutti darbanii isii gatan; gooba irratti dhagaan tokkollee hin hafu.» jedheen.
14Abeseloomii fi namoonni Israa'elii maruu «Gorsi Kuusii gosa Arka'aa gorsa Akixoofeelii caala» jedhan; Rabbi balaan akka Abeseloomiin irra gawu gorsi Akixoofeelii mishaan akka fudhatama hin qabne godhe.
Daawiti Miliqee Baye15Kanaan maayessa Kuusi gadoota Saadooqii fi Abiyaataritti, «Akixoofeel Abeseloomii fi jaarsota Israa'elii gorsa akkamii akka gorsee fi ani ammo gorsa akkamii akka gorse isaanitti hime;
16Eeganaa amma mootichinii fi baniin isa woliin jiru maruu akka hin dhumanne daddafa'aa Daawititti dhaqa'aatii «Daddafii ariifadhuu lafa onaa kana keessa hin bulinii halkanuma kana laga Yoordaanosii ceeyi› jedha'aatii itti himaa'a» isaaniin jedhe.
17Yoonaataanii fi Akimaas addaataa gara qacha'aa seenuu waan sodaataniif burqaa Aniroogeelii bira taa'an; garbittiin takka dhaxxee hennaa isaanitti himtu isaan garuu dhaqanii Daawititti hima'aa turan.
18Mucaan tokko isaan argee Abeseloomitti hime isaan garuu dafanii hulee sanii deemanii gara Biraaqimii gara mana nama tokkoo dhaqan; dallawa san keessa boollatu jira, boolla san keessa bu'an.
19Haati manaa namicha sanii boolla cuftee akka namni hin argine midhaan boolla san guba'atti badhifte.
20Hojjattoonni Abeseloomii gara mana dubartittii sanii seenanii «Akimaasii fi Yoonaataan eessa jiran?» jedhanii gaafatan; dubartittiin ammo «laga ceeyanii lixan» isaaniin jette; isaanillee haga jara san soqanii dhaban gara Yerusaalemii deebi'an.
21Haga hojjattoonni Abeseloomii dhabanii deemaniin maayessa boolla keessaa bayanii deemanii mooticha Daawitiin bira dhaqanii Akixoofeel gorsa akkanaa waan keessan namoota gorseeraa ka'aa daddafa'aa laga kana ceeyaa'a» jedhaniin.
22Daawitii fi worri isa woliin jiru maruu ka'anii laga Yoordaanosii ceeyan; haga lafti bariitutti namni tokkollee uduu hin hafne ceeyan.
23Akixoofeel baniin akka gorsa isaa faana hin deemne haga arge harree ufii fe'atee gara qacha'aa mana ufiititti galee waa maraa makkeeffatee uf hudhee du'ee awwaala abba'aa biratti awwaalame.
24Abeseloomii fi worri Israa'elii hennaa galaana Yoordaanosii ceeyan Daawiti qachaa diqqoo Mannaayim jedhamtee waamamtu gayeera.
25Abeseloom loltoota ufii irratti bakka Iyyoo'aabii Amisaayiin muude; Amisaayi ilma Yooteerii gosa Israa'elii ture; inni Abigiyaa mucattii Naa'oosii obboleettii Tsuuriya'aa haadha Iyyoo'aabii fuudhe.
26Worri Israa'eliitii fi Abeseloom biyya Gala'aadiititti quphatan.
27Daawiti hennaa gara Mannaayimii gaye qachaa Raaba'aa ta bulchiinsa Amoonii jala turte keessaa dhufe ilma Naa'oosii Shoobii Maakirii ilma Ami'eelii ka qachaa loodoobaariitii dhufee fi Baarziliinii qachaa Roo'ilimii bulchiinsa Gala'aadii jala turte keessaa dhufe arge.
28-29Baniin lafa gammoojji'ii keessatti beelayanii dheebotaniiran; dadhabeeralle'e jedhanii waan lafatti afatan, Daakaa, meeshaa faaraa, waan nyaatan, qamadii, garbuu, daakuu, hamaamoo woddame, baaqeelaa, misira, shumburaa akaayame, damma, dhadhaa, hoolotaa fi Itittuu loonii Daawitii fi banii isa woliin jiranii fidan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.