1Halee luyaa!
arjaa waan ta'eef Rabbiin galatoonfadhaa'a;
jaalalli isaallee baraa haga bara baraa waan ta'eef.
2Waan hujii guddaa Rabbii eentu
dubbachuu danda'a?
galata isaa maraa hoo eentu dubbatee fixa?
3Worri akka haxxi hin dabne eegan;
worri hennaa maraa balchummaa raawwatan;
worra eebbaati.
4Yaa Rabbi!
hennaa banii keetii gaachena qooddu na yaadadhu;
hennaa isaan oolchitullee na gargaari.
5Kunillee akka durummaa worra ati filattee argu;
gammachuu banii keetiititti akka gammadu
sababaa ulfinna banii keetiitiif akka siin boonu
na taasisi.
6Nullee akkuma abboota teennaa cubbuu hojjanne;
hin yakkine; hamaa hojjanne.
7Abboonni teenna hennaa Misiriin jiran;
maalalee kee hin hubanne;
guddinna jaalala keetii hin yaadanne;
galaana laddatti; uduu galaana diimaa bira jiran
si didan.
8Inni ammo guddinna hunna isaa beessisu'uuf;
maqaa ufiitiif isaan oolche.
9Galaana diimaa hin xixe; innillee hin goge;
akkuma lafa irra deemaniititti
bisaan xiillaa wodhakkaa isaan masakke.
10Worra isaan jibban jalaa isaan oolche;
harka diina isaanii jalaa isaan hambise.
11Diintota isaanii irra bisaantu gara gale;
isaan keessaa tokkollee hin hafne.
12Kanaan maayessa dubbii isaa ka abdi'ii amanan;
faaru'uun isa galatoonfatan.
13Waan inni godhe ammo yoosuu irraanfatan;
gorsa isaatiin obsanii hin deemne.
14Lafa gammoojji'ii keessatti hawwa baay'eessan;
lafa udume'ee keessatti isa qoran.
15Inni waan isaan kadhatan hin kenneef;
ammo dhibee isaan huqqisu isaanitti gad dhiise.
16Qe'etti Muuse'etti;
Aaroonii Rabbii woyyoomettillee
hin hinaafan.
17Lafti banamtee Daataaniin liqimsite;
gosa Aberooniititti hin cufamte.
18Ibiddi gumii isaanii wodhakka'atti bobaye;
arrabni isaa hammeeyyii fixee balleesse.
19Kooreebitti waatiyyoo hojjatan;
fakii baffamee hojjatamee sagadan.
20Isaan Rabbii ulfinna isaanii ta'e
fakii sangaa marga dheeduutitti jijjiiran.
21Ka Misiritti maalalee hojjate;
Waaqa isaan oolche irraanfatan;
22Inni ammo biyya Kaamiititti maalalee hojjate;
galaana diima'atti waan nama maalalchiisu godhe.
23Kanaafuu akka balaa ufiitiin isaan hin balleessine;
balaa irraa akka deebi'u;
Muuseen inni filate isaan jidduu seenee
dhaabachuu uduu baatee;
akka isaan balleessu dubbatee ture.
24Achiin maayessa lafa michuu tuffatan;
dubbii isaa ka abdi'ii hin amanne.
25Daaseewwan ufii keessatti guunguman;
laagaa Rabbii hin dhageenne.
26Lafa gammoojji'ii keessatti isaan gatu'uuf
harka ufii ol kaasee kakate.
27Fiixaa isaanii banii gara garaa jiddu'utti gatu'uuf;
gara biyya gara garaa keessa isaan bittinneessu'uuf
kakate.
28Isaan waaqa tolfamaa «Ba'aal phegoor» jedhamu
waaqeffachu'utti gad taa'an;
ciincaa worri du'ee ciincessan nyaatan.
29Hujii ufiitiin Rabbiin aarsan;
balaan isaanitti bu'e.
30Finhaas ka'ee wodhakkaa seene;
balaan hin dhaabate.
31Kunillee dhalootaa haga dhalootaa;
baraa haga bara baraa balchumma'atti isaa laakkayame.
32Ammallee bisaan Mariba'aa biratti
Rabbiin aarsan;
Muuseenillee sababa isaaniitiif rakkate.
33Waan Hafuura Rabbii aarsaniif
Muuseen jecha hin barbaachifne afaanii baafate.
34Akkuma Rabbi isaan ajajetti
banii balleessuu irraa lash jedhan.
35Siri'ii bani'iin wolitti makaman;
waan isaan aadeeffatan irraa baratan.
36Waaqolee tolfamaa isaanii waaqeffatan;
kunillee siiboo isaanitti ta'e.
37Ijoollee ufii ta dhiiraatii fi ta intalaa
jinni'ii ciincessan.
38Dhiiga ijoollee isaanii ta dhiiraatii fi ta intalaa
waaqolee tolfamaa Kana'aaniitii ciincessan;
dhiiga qulqulluu jissan;
lafti dhiigaan faalamte.
39Hujii ufiitiin battaayan;
hujii ufiitiin seebartoota ta'an.
40Kanaaf dheekkamsi Rabbii banii irratti bobaye;
ristii ufii jibbe.
41Worra Yihuudota hin taanetti dabarsee isaan kenne;
diintonni isaanii isaan bulchan.
42Diintonni isaanii isaan cunqursan;
baallii ufii jala isaan taasisan.
43Inni hennaa heddu isaan oolche;
isaan ammo diddaa dhiisuu didan;
cubbuu ufiitiin salphatan.
44Ta'ullee hennaa iyya isaanii dhagaye;
hucuucama isaanii laale;
45Isaaniif jedhee waadaa ufii yaadate;
akkaataa jaalala ufii gudda'aatiin
dheekkamsa ufii irraa deebi'e.
46Worri isaan booji'an maruu
akka garaa isaanii laafan godhe.
47Yaa Rabbi; Waaqa keenna! nu oolchi!
maqaa kee woyyu'uuf akka galata dhiyeessinu;
boona'aa akka ulfinna sii kenninu;
banii jiddu'uu wolitti qabii nu fidi.
48Rabbi Waandhi Israa'elii
baraa haga bara baraa haa ulfaatu!
baniin maruu «Amiin!» haa jedhuu;
Halee luyaa.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.