1Rabbi akkana jedha,
«Ati qachaa Baabiloonii ta eennullee si hin uggine!
teessoo ulfinnaa kee irraa bu'ii
daaraa irra lafa taa'i;
ammaa achi qananiitu'uu fi kasoo jedhamtee waamamuun kee hin hafa.
2Eeganaa majjee kee fudhadhuu midhaan daaki;
haguugguu kee ol qabadhuu uffata ulfinnaa uf irraa mulqadhu;
shinshinii kee uf irraa mulqii sarbaa qulla'aan laga ceeyi.
3Baniin maruu akka ati qullaa taate si argan;
saalli kee ifa baya;
ani eennuullee hin araaramu; maraa haluu baya»
4Ka nu furu Waaqa banii maraati;
maqaan isaallee woyyicha Israa'eliiti.
5Rabbi akkana jedha,
«Baabiloon! cadhisii dukkana keessa taa'i;
ammaa achi ‹mootittii moototaa› jedhanii si hin waaman.
6Ani banii kiyyatti aaree
akka waan batti'iititti isaan laalee,
dabarsee isaan sitti kenne;
ati garuu isaanii garaa hin laafne;
manguddoota isaanii irratti qambaraa rakkinnaa ka ulfaatu feete.
7‹Ani baraa haga bara baraa mootittii ta'ee jiraadha› jetteerta;
waan goote kana hin dhudhumne;
bu'aan hujii keetii maal akka ta'e hin hubanne.
8«Ati ta garaa kee keessatti ‹ka akka kiyyaa hin jiru;
akka dubartii abbaan worraa jalaa du'ee ta'ee hin jiraadhu;
yookaan finni na jalaa hin du'u› jettee
boona'aa shallaltu
waan kana dhagayi.
9Wonti lamaan kunniin dimmaa guyyama tokko si irra gaya;
haguma fedhellee yoo falfalli kee guddatee fi
guddiftee mortellee duuti ijoollee teetii fi abbaa worraa
kee irrallee hin gaya.
10«Ati hammeenna keetiin boontee ‹eennullee na hin argu› jette;
beekkumsi keetii fi ogummaan kee si tatayyarsan;
ati garaa kee keessatti ‹eennullee ka akka anaa hin jiru› jette.
11Waan hamaa mita keetiin balleessuu hin dandeennetu sitti dhufa;
rakkoo uf irraa dhoogguu hin dandeennetu si irra gaya;
badii na irra gaya jettee hin yaannetu dimmaa si irra gaya.
12Mee yoo ka sii ta'uu falfala kee ka nama hadoochuu fi dhamaasu
ka ijoollummaa kee irraa jalqabdee itti fayyadama'aa turte lafa kaayi;
maal laataa hennaa diqqo'oof si gargaaruu danda'an;
yookaan diintota kee ittiin sodaachisuu dandeetta.
13Gorsi ati nama irraa fudhatte maruu si dadhabsiisa malee
womaa si hin fayyadu;
worri jalqaba ji'aa urjii laakkayan, worri urjiiwwan laalaan gara afo'oo dhufanii
rakkoo si irra gayu irraa mee si haa oolchanii.
14«Akka bura'aatitti ibiddi isaan guba;
hunna arraba ibiddaa jalaallee uf oolchuu hin danda'an;
buraan barbadaa ibiddaa ka oo'ifataniin isaanii hin ta'u.
15Worri moru ka hennaa ijoollummaa keetii irraa jalqabee si woliin moran maruu
akkuma kana karaa dogoggoraatiin tatayyaran;
kanaafuu eennullee si oolchuu hin danda'u»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.