Gara Worra Ibrootaa 1 - Kitaaba Woyyuu

Rabbi Karaa Ilma Ufiitiin Dubbate

1Rabbi dur irraa jalqabee hennaa gara garaatii fi karaa gara garaatiin raattotaan abboota teennatti dubbatee,

2bara dhumaa kanatti ammo karaa ilma ufii ka waa maraa harka isaa jala galchee fi ka adunyaa ittiin uumeen nutti dubbate.

3Inni ka ulfinna Rabbii calanqisiisuu fi fakkeenna sirrii ka amala isaa ta'ee dubbii ufii jaba'aan maraa irkisee qabeera; haga cubbuu qulqulleesseen maayessa sami'itti gaachena ulfinna isaa mirga taa'e.

Ilmi Rabbii Maleekkotaa Oli

4Kanaaf akkuma maqaan Rabbi isaa kenne maqaa maleekkotaa caalu, Inni ka maleekkota caalu ta'eera.

5Maleekkota keessaa,

«Ati ilma kiyya; ani adha si uumadhe»

akkasuma eennuun,

«Ani Abbaa isaa ta'a; innillee Ilma naa ta'a» jedhee beeka?

6Akkasuma hennaa hangafa gara adunya'aa erge,

«Maleekkonni Rabbii maruu isaa haa sagadanii» jedha.

7Hennaa waan Maleekkota ufii dubbatu,

«Inni Maleekkota ufii qilleensa;

tajaajiltoota ufii ammo arraba ibiddaa godha» jedhe.

8Waan ilma ufii ammo,

«Waaqa kiyya, teessoon kee haga bara baraa jiraata;

qajeellummaan ulee jeennata teetiiti.

9Qajeellummaa jaalattee dhara jibbite;

kanaaf Waandhi Rabbiin kee,

hiriyyaa kee caalaa muudama gammachu'uutiin si muude» jedha.

10Akkasuma,

«Gooftaa kiyya, ati dura ardii uumte;

samiinillee hujii harka keetiiti.

11Isaan hin badan;

ati ammo hin jiraatta;

maruu akka uffataatitti moofan,

12Ati akka woya'aatitti isaan mammarta;

isaanillee akka uffataa hin jijjiiraman.

Ati ammo sanuma;

woggoonni kee sirimaa hin dhumatu» jedha.

13Maleekkota keessaa eennuun,

«Haga diina kee ejjannaa luka keetii sii godhuuf

mirga kiyya taa'i» jedhe?

14Maleekkonni Rabbii maruu ayyaanota worra fayyinna argatan tajaajilu'uuf ergamaniimii?

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help