1 7:28; 13:53; 19:1; 26:1 Yesuus darasoota kudha lamaan seera ufii itti kennee haga bobbaaseen maayessa achii ka'ee gara qachoota naannaya Galiila'aa keessatti lallabu'uu fi barsiisu'uuf dhaqe.
214:3; Yoh. 3:24 Yohaannis cuuphaan mana hidha'aa uduu jiru hujii Kiristoosii dhagayee darasoota keessaa lamaan ergee,
3Mil. 3:1; Yoh. 1:15 «Ka dhufu si'i mo'o ka biraa eenna?» jedheen.
4Yesuusillee deebisee akkana isaaniin jedhe. «Deema'aatii ka argitanii fi ka dhageettan Yohaannisitti himaa'a.
5Isa. 35:5-6; 61:1; Luq. 4:18 Worri ijaan hin argine hin argan, worri hokkolan hin deeman, worri dhukkuba gogaa kukkutuun qabaman hin qulqullaayan, ka gurraan hin dhageenne hin dhagaya, worri du'anillee hin ka'an.
6Hiyyeeyyi'iifillee Dubbiin Nagayaa hin lallabama; Namni waan kiyya hin mamne ka eebbifame.»
7Darasoonni Yohaannisii cuupha'aa akkuma lixaniin Yesuus akkana jedhee bani'itti waan Yohaannisii himuu jalqabe; «Maal laalu'uuf gara lafa udume'ee baatan? Ooyyaa Leemmanii ka bubbe'een socho'u laalu'uuf moo?
8Maal laalu'uuf? nama uffata haarrii babbareedaa uffatee? Kunoo worri uffata haarrii babbareedaa uffatan mana moototaa keessa jiran.
914:5; Luq. 1:76 Moo maal laalu'uuf? Raagaa? Ee dhugamaan isiniin jedhaa, ka raaga caalu argitan.
10Ser. Ba'u. 23:20; Mil. 3:1; Mar. 1:2; Yoh. 3:28 Inni ka Barreeffamni Woyyuun,
‹Kunoo ergamaa kiyya ka karaa sii tolchu si afo'otti erga› jedhee dubbateeruuf.
11Dhugamaan isiniin jedha, worra dubartoota irraa dhalatan keessaa ka Yohaannis cuuphaa caalu hin argamne. Jeennata sami'ii keessatti ka maraa irraa diqqa'aatitu isa caala.
12Luq. 16:16 Bara Yohaannisii cuuphaa irraa jalqabee haga ammaa jeennanni sami'ii hunnaan dhiibama'aarti; worri itti galu'uuf jabaatanii tattaafatan hin argatan.
13Raattonninii fi seerri Muuse'ee haga bara Yohaannisii cuupha'aatitti raaganiiran.
14Mil. 4:5; Mat. 17:10-13; Mar. 9:11-13; Luq. 1:17 Yoo dubbii isaanii fudhachuu feetan Yohaannisiin kun Eeliyaasii hin dhufa jedhame san.
15Mar. 13:9; Mar. 4:23; Luq. 8:8; Mudh. Yoh. 13:9 Ka Gurra dhagayu qabu haa dhagayuu.
16«Dhaloota kana maali'iin wol fakkeessa? Inni akka ijoollee lafa gabaya'aa taa'anii hiriyyoota isaaniitiin,
17‹Xurumbaa isinii afuufne, isin ammo hin hamoommonne; faaruu booyaa isin dhageessifne, isin ammo hin gaddine.
183:4; Luq. 18:12; Yoh. 10:20 Yohaannis uduu hin nyaannee fi hin dhunne dhufe. Isaan ammo, ‹Inni jinnii qaba› jedhan.
199:10-15; Yoh. 2:2 Ilmi Namaa nyaata'aa dhuga'aa hennaa dhufe, Isaan ammo, ‹Daadhii woyini'ii dhugu'uuf ka nyaatee hin quufne hiriyyaa qaraxxootaatii fi cuubamtootaati› jedhaniin. Haa ta'uu ammo Ogummaan Rabbii hujii ufiitiin mirkanoofteerti» jedhe.
20Achiin maayii Yesuus worra qachoota maalalee ufii inni irra caalaa keessatti hojjate keessa jiraatan waan isaan cubbuu irraa deebi'uu didaniif isaan komate.
21Isa. 23:1-18; His. 26:1—28:26; Iyyu. 3:4-8; Amo. 1:9-10; Zakk. 9:2-4; Yon. 3:6 Kurraazii! si aanne'e! Beetasaayidaa'a! si aanne'e! Maalaleen isin keessatti godhame uduu Xiroosii fi Siidonaa keessatti godhamee jiraatee baniin achii yoosuu uffata gaddaa uffatanii, daaraa ufitti firfirsanii, silaa bara dheera'aan duratti cubbuu irraa deebi'aniiran.
22Maarre ani akkana isiniin jedha, guyyaa murti'ii san isin caalaa Xiroosii fi Siidona'aa hin salphata.
234:13; Isa. 14:13-15; Ser. Uma. 19:24-28 Atillee Qifirnaahoom! haga sami'ii ol uf qabuu feetee? gara asaabaa hin buuta. Maalaleen si keessatti godhame uduu Soodomitti godhamee jiraatee isiin silaa haga adhaa hin jiraatti.
2410:15; Luq. 10:12 Haa ta'uu ammo akkana isiniin jedha, guyyaa murti'ii san si caalaa biyya Soodoomiitii hin salphata.»
25Qor. 1ffaa 1:18-29; Isa. 29:14 Hennaa san Yesuus deebisee akkana jedhe, «Abbaa kiyya Gooftaa Sami'iitii fi Ardii kanaa! waan maraa ogeeyyi'ii fi beettota jalaa dhossitee, daa'immanitti mudhifteef si galatoonfadha.
26Ee! Abbaa kiyya! fedhiin kee si afo'otti akkana waan ta'eef ani waan kanatti gammadeera.
2728:18; Yoh. 3:35; 17:2; 1:18; 10:15; Filph. 2:9 Wonti martinuu Abbaa kiyya irraa naa kennameera. Abbaa malee ka Ilma beeku hin jiru. Akkasuma Ilma isaatii fi worra Ilmi isaa itti mudhisutu Abbaa beeka malee, eennullee ka Abbaa beeku hin jiru.
28Erm. 31:25 Isin dadhabdoonni worri ba'aan keessan isinitti ulfaate maruu gara kiyya koottaa'a. Ani hara isin baafachiisa.
29Erm. 6:16; Filph. 2:5 Qambaraa kiyya baadhaa'a. Narraallee baradhaa'a. Ani gara laafessaa fi Kasoo waan ta'eef, lubbuu teessaniin hara baafata argatanii.
30Yoh. 1ffaa 5:3 Qambaraan kiyya haphi'i; ba'aan kiyyallee salphaa waan ta'eef.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.