Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 16 - Kitaaba Woyyuu

Daawiti Mootii Ta'u'uuf Muudame

1Rabbi Saamu'eeliin «Saa'olii ani akka inni mootii hin taaneef tuffadhee haga yoomii bootta? Sayitii buucho'otti guuti; ani ijoollee isaa keessaa nama muudu qabaa gara Beeteel qe'ee worra Isseyii si ergaa» jedheen.

2Saamu'eel «Attamiin dhaqa? Saa'ol yoo dhagaye na ajjeesaa!» jedhe.

Rabbi, «Raada takka qabadhuu dhaqii isii ciincaa godhu'uuf dhufe› jedhi.

3Isseyiin gara ciinca'aa waami; waan gootu ani sitti himaa nama ani sitti himu san naa muudi» jedheen.

4Saamu'eel gara Beeteliheemii dhaqee waan Rabbi isatti hime maraa godhe; manguddoonni biyyaa hollata'aa gara isaa dhufanii «Ati maal nagayuma dhuftee?» jedhaniin.

5Innillee, «Nagayuma dhufe! ciincaa Rabbii dhiyeessu'uuf dhufe; woyyoota ta'aa'a! gara hulee ciinca'aa na woliin koottaa'a» jedhe; Isseyii fi ijoollee isaa gara hulee ciinca'aa waamee isaan woyyoomse.

6Haga achi gayan Saamu'eel ilma Isseyii Eeliyaabiin argee «Namni Rabbi muudu kana» jedhe.

7Rabbi garuu Saamu'eeliin «Fuula isaatii fi dheerinna hojjaa isaa hin laalin; akka namni itti laalutti Rabbi waan hin laalleef isa tuffadheera» jedheen. Namni fuula laala; Rabbi ammo keessa garaa namaa laala» jedheen.

8Kanaan maayessa Isseyi ilma ufii Aminaadaabiin waamee gara Saamu'eelii fide; Saamu'eel «Kana Rabbi hin filanne» jedhe.

9Isseyi ammallee ilma ufii Saamaa gara isaa fide; Saamu'eel garuu, «Kanallee Rabbi hin filanne» jedheen.

10Isseyiin «Rabbi kanniin maraa hin filanne» jedheen.

11Saamu'eel Isseyiin «Ilma biraa ka hafe qabdaa?» jedheen.

Inni, «Daa'imni diqqaan woyii hin jira; inni hoolota tissa» jedheen.

Saamu'eel Isseyiin, «Haga inni dhufuuf ciincaa hin dhiyeessinuu nama itti ergii isa nuu waamsisi» jedheen.

12Innillee nama itti ergee waamsisee fijjisiise; mucaan diimaa ija keessa bareedu ture; Rabbi «Namni ani filadhe kanaa ka'ii muudi» jedheen.

13Saamu'eel buuchoo sayiti'ii fuudhee obboleewwan isaa jiddu'utti isa muude; guyyaa san irraa jalqabee Hafuurri Rabbii hunna gudda'aan Daawitiin irratti bu'e; Saamu'eel ka'ee gara Raama'aa dhaqe.

Daawiti Mana Mootumma'aa Ka Saa'olii Keessatti

14Hafuurri Rabbii Saa'oliin irraa waan fagaateef hafuura hamaa Rabbi itti ergee isa rakkisa'aa ture.

15Garboonni Saa'olii, «Kunoo hafuurri hamaan Rabbi sitti erge si rakkisa'aara,

16nama kabalaa midhaassee sii dhawu akka sii soqan gooftaan worra isa tajaajilan keessaa namoota nuu haa ajajuu; yoo hafuurri hamaan Rabbi sitti erge sitti dhufe hennaa namni sun kabalaa dhawu ati fayyaa taata» jedhaniin.

17Saa'ol garboota ufiitiin «Nama kabalaa midhaassee dhawu soqa'aa naa fidaa'a» isaaniin jedhe.

18Garboota isaa keessaa namni tokko «Nama kabalaa midhaassee dhawu ilma Isseyii nama Beeteliheemii arge; inni nama jaba'a; dubbi'itti ogeessa; bifti isaallee bareeda; Rabbillee isa woliin jira» jedheen.

19Saa'ol gara Isseyii dhaamsa ergee «Ilma kee Daawitiin ka hoolota tissu naa ergi» jedheen.

20Isseyi buddeena qalqala daadhii woyini'ii uf keessaa qabu harre'etti fe'ee ilmoo re'e'eellee fuudhee ilma ufii Daawitii kennee gara Saa'olii erge.

21Daawiti gara Saa'olii dhaqee isa afoo dhaabate; Saa'olillee guddisee isa jaalate Daawiti loltuu isaa ta'e.

22Saa'ol gara Isseyii, «Daawiti na afo'otti waan gaachena argateef yabo'oo na bira haa dhaabatuu» jedhee dhaamsa itti erge.

23Hennaa san irraa jalqabee hennaa Rabbi hafuura hamaa gara Saa'olii ergu maraa Daawiti kabalaa ufii kaasee dhaya, yoo san hafuurri hamaan isa dhiisee waan deemuuf woyyatee fayyaa ta'a.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help