Kitaaba Faaru'uu 33 - Kitaaba Woyyuu

Faaruu Galataa

1Isin balchoonni! Rabbiin gammadaa'a;

worri qajeelaan isa galatoonfachuu barbaachisa.

2Rabbiin masiinqo'oon galatoonfadhaa'a;

kiraara sagalee guddaa dhageessisu ka haada kudhan qabuun

isa faarsaa'a.

3Faaruu haarawaan faarsa'aanii!

meeshaa laagaa qabuun haala misha'aan faarsaa'a;

gammachu'uun ililfadhaa'a.

4Dubbiin Rabbii waan dhugaa ta'eef;

hujiin isaa maruu amanama'a.

5Inni balchumma'aa fi haqa jaalata;

lafti mishummaa isaatiin guuttamte.

6Rabbi jecha ufiitiin samiiwwan uume,

ajaja jecha isaatii urjiiwwan sami'ii uumaman.

7Galaana maraa hulee tokkotti wolitti qabe;

galaannan xiilla'aafillee

hulee qopheesse.

8Worri ardii irra jiraattan maruu Rabbiin sodaadhaa'a;

baniin ardii irra jiraattan maruu Rabbiin kabajjaa'a.

9Dubbii isaatiin adunyaan uumamte;

ajaja isaatiin wonti maruu jabaatee dhaabate.

10Rabbi gorsa bani'ii duwwaa taasisa;

karoora bani'iillee hin gachisiisa.

11Karoorri Rabbii garuu baraa haga bara baraa jiraata;

kaayoon isaallee dhaloota maraaf.

12Baniin Rabbi Waaqa ta'uuf ka eebbaati;

baniin Rabbi ka ufii godhee filate ka eebbifame.

13Rabbi sami'ii gad laala;

ilmaan namaa maraa hin arga.

14Teessoo ufii irra taa'ee

waan ardii irra jiru maraa hin laala.

15Ka garaa isaanii maraa uume isa;

waan isaan hojjatan maraa hin arga.

16Mootichi baay'inna loltootaatiin hin oolu;

jabaanillee hunna ufiitiin jalaa hin bayu.

17Fardillee gatii hin qabu; nama hin oolchu;

jabeenna hunna ufiitiin jalaa hin bayu.

18Ijji Rabbii gara namoota isa sodaataniitii fi

gara worra araara isaatitti amananiiti.

19Akka kanaan lubbuu isaanii du'a jalaa oolcha;

hennaa beelaa isaan nyaachisa.

20Lubbuun teenna Rabbiin abdii godhatti;

inni waan wonte'ee fi gargaaraa keenna ta'eef.

21garaan keenna waan isaan gammaduuf

maqaa isaa woyyuullee hedanneerra.

22Yaa Rabbi! arjummaa kee

nu'uu worra si abdate irra haa taatu.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help