1 ; shanan ammo qalbi qabeeyyi'i.
3Ceem'aaleeyyiin shanan ibsaa ufii qabatan malee sayitii ibsa'atti buufatan hin qaban.
4Qalbi qabeeyyiin ammo ibsaa ufii woliin sayitii bilille'etti qabatan.
5Idaayyaan uduu hin dhufin turraan isaan maruu muganii rafan.
6Hennaa halkan qixxee ta'e laagaa gudda'aan, ‹Idaayyaan Kunooti! Isa reebbachu'uuf bayaa'a!› jedhu dhagayame.
7 sunniin worra qalbi qabeeyyi'iin, ‹Ibsaan keenna waan dhaama'aaruuf sayitii keessan irraa diqqoo nuu kennaa'a› isaaniin jedhaniin.
9Qalbi qabeeyyiin ammo deebisanii, ‹Wa'a! Ka nu'uu fi isinii gayu hin jiru. Worra gurguru bira dhaqa'aatii bitadhaa'a!› jedhaniin.
10Hennaa isaan bitatu'uuf deeman idaayyaan hin dhufe; durbi qophoofteertu sunniin isa woliin gara mana cidhaa haga seenan balbalti hin cufame.
11 ta'uu kee waan beekuuf;
25si sodaadhee, dhaqee saantibii worqi'ii kee boollatti awwaale; kanaaf saantibiin worqi'ii kee kunooti› jedheen.
26Gooftaan isaa ammo, ‹Ati hojjataa hama'aa fi ceem'aaleessa! uduu hin facaafne akka haamadhu, uduu hin bittinneessine akka walitti qabadhu hin beettaa?
27Ati saantibii worqi'ii kiyya worra saantibii worqi'ii dhalaan fudhatutti kennu'utu si barbaachisa. Anillee dhufee waan qabu bu'aa woliin silaa hin fudha.
28Maarre saantibii worqi'ii irraa fuudha'aatii ka saantibii worqi'ii kuma kudhanii qabuuf kennaa'a.
2913:12; Mar. 4:25; Luq. 8:18 Ka qabu maraaf itti eda'amee waan kennamuuf, hin baay'ataafille'e; ka hin qabne ammo ta qabu sunuu irraa fudhatamti.
308:12; 22:13; Luq. 13:28 Hojjataa gatii hin qabne kana, dukkana diidaatitti gad gataa'a, achitti booya'aa ilkaan qaraa» jedhe.
Murtii Dhumaa31 16:27; 19:28; Mudh. Yoh. 20:11-13; Zakk. 14:5 Yesuus ammallee, «Ilmi Namaa hennaa ulfinna ufiitii fi Maleekkota Rabbii maraa woliin dhufu, teessoo ulfinnaa ka ufii irra taa'a.
32His. 34:17; Rom. 14:10 Worri Yihuudota hin taane maruu isa afo'otti wolitti qabaman; akkuma tisseen Hoolotaa fi Re'iin addaan fooyu, innillee akkasuma namoota addaan fooya.
33Hoolota mirga ufiititti, Re'iin ammo bitaa ufiitiin dhaabsisa.
34Worra mirga isaa jiraniin mootichi akkana jedhaan, «Isin eebbifamtoota abbaa kiyyaa! koottaa'a! Hennaa biyyi lafaa uumame irraa jalqabee jeennata isinii qophaaye dhaalaa'a!
35Isa. 58:7 Beelayee na nyaachiftaniirtan; dheebodhee na obaaftaniirtan; keessummaa ta'ee na keessummeessitaniirtan,
36daaree daara na baaftaniirtan; dhibamee na gaafattaniirtan; hidhameellee na gaafattaniirtan.
376:3 Balchoonni deebi'aniiti akkana isaan jedhan, ‹Gooftaa'a! beeloftee yoom si arginee si nyaachifne? Yookaan dheebottee arginee yoom si obaafne?
38Keessummaa taatee arginee yoom si keessummeessine? Yookaan daartee arginee yoom daara si baafne?
39Yoom dhibamtee, yookaan hidhamtee arginee si gaafanne?» jedhaniin.
4010:42; Mam. 19:17 Mootichillee deebisee, «Ani dhugamaan isiniin jedha, obboleeyyan tiyya worra maraa caalaa didiqqaa kanniin keessaa tokkoof ka gootan, akka waan naaf gootaniiti!» isaaniin jedhe.
41 7:23; Mar. 9:48; Mudh. Yoh. 20:10,15 Hennaa san worra bitaa irra jiraniin ammo, ‹Isin worra abaarame na biraa fagaadhaa'a; gara ibidda bara baraa ka seexanaa fi ergamtoota isaatiif qophaayeetitti deemaa'a!
42Yaq. 2:15,16; 4:17 Beelayee na hin nyaachifne, dheebodhee na hin obaafne,
43Keessummaa ta'ee na hin keessummeessine, daaree daara na hin baafne, dhibamee, hidhameellee na hin gaafanne› jedha.
44Achiin maayessa isaanillee deebisanii, ‹Gooftaa'a! beeloftee, yookaan dheebottee, yookaan keessummaa taatee, yookaan daartee, yookaan dhukkubsattee, yookaan hidhamtee si arginee yoom si gargaaruu dhabne?› jedhaniin.
45Hennaa san mootiin deebisee, ‹Ani dhugamaan isiniin jedhaa, worra maraa caalaa didiqqaa kanniin keessaa tokkoof waan hin gooneef, naafillee ammo womaa hin goone› jedhee isaanii deebise.
46Yoh. 5:29; Dan. 12:2 Worri kun gara adabbii bara baraa, qajeellonni ammo gara jireenna bara baraa galan» jedhe.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.