1Kanaafuu waan dhageenne irraa maal laataa akka hin fudhatamne isaaf caalchifnee uf eeguu nu barbaachisa.
2Jechi Maleekka'aan himame yoo jabaa ta'e, ka dubbii kana diiguuf ka isaa hin ajajamne maruu adaba isaaf ta'u argata.
3Nullee fayyinna guddaa akkanaa kana yoo lash itti jenne, attamiin jalaa baana? Kun dura waan Goofta'aan himamee tureef; worri dhagayanillee nuu cimsan.
4Rabbuu malkataan, ajaa'ibaa fi maalalee gara garaatiin, akkasuma kennaa Ayyaana Woyyu'uu ka gara garaatiin waan kana rageera.
Jalqabni Fayyinna Ilmaan Namaa Yesuus5Rabbi adunyaa dhuftu, ta waan isi'ii dubbannu tana akka maleekkota jalatti bultu hin goonne.
6Haa ta'uu ammo kitaabbilee Woyyuu keessa hulee takkatti;
«Waan isaa akka yaaddu,
namni maali'i?
Yookaan nama tooyachu'uuf
ilmi namaa maali'i?
7Nama diqqoma Maleekkaa hanqifte,
gulloo ulfinnaatii fi galataa mataa isaa irra keette.
8Maraa luka isaa jalatti akka bulu taasifte» jedhee rage.
Waa maraa isa jalatti bulchite. Wonti isa jalatti hin bulle tokkollee hin jiru. Amma ammo akka wonti maruu isa jalatti bule hin arginu.
9Haa ta'uu ammo Ayyaana Rabbiitiin waan nama maraatiif du'a dhandhamu'uuf Yesuusii Maleekkaa diqqoo hanqatee ture, sababaa rakkinna du'aatiin gulloo ulfinnaatii fi galataa godhatee arginaan.
10Ijoollee hedduu gara ulfinnaa yoo fidu hundee fayyinna isaanii rakkinnaan raawwatu'uuf sababaa isaatiin maruu isumaan ta'e; maruu isumaaf ta'e.
11-12Ka woyyoomsuu fi ka woyyoomu maruu tokko irraa waan ta'aniif.
13Sababa kanaaf maqaa kee obboleeyyan tiyyatti hin hima, amantoota jiddu'uttillee weeddu'uun si galatoonfadha. Akkasuma, «Ani isa hedadha» akkasuma, «Kunoo anii fi ijoolleen Rabbi naa kennellee obboleewwan jedhee isaan waamuu hin saalfatu.»
14-15Eeganaa ijoolleen isaa worra foonii fi dhiiga qaban waan ta'aniif innillee akkasuma ka du'a irratti baallii qabu daabiloosiin akka diigu, worra jireenna isaanii maraan waan sodaa du'aatiif garbumma'aa jalatti hidhaman maraa bilisa baasu'uuf akkuma isaanii nama ta'e.
16Inni fiixaa Abrahaamii gargaaru'uuf malee Maleekkota gargaaru'uuf hin dhufne.
17Kanaaf banii irraa cubbuu dhiqu'uuf waan Rabbi maraaf araara godhuuf gadicha hayyicha amanamaa ta'u'uuf, obboleeyyan ufii fakkaachuun isa barbaachise.
18Inninuu qoramee waan rakkinna argeef worra qoraman gargaaruu hin danda'a.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.