Kitaaba Naahimiya'aa 7 - Kitaaba Woyyuu

1Haga ijaarsi ijaarameen maayessa, haga balballan itti ijaareen maayessa, worri balbala eeganii fi faarfattoonni, worri Leewwotaallee haga muudamaniin maayessa,

2Obboleessa kiyya Anaani'ii fi Hannaaniya ijaarsa irratti baallii qabu Yerusaalemiin irratti isaan muude. Inni nama dhuga'aa ka namoota kaawwan caalaa Rabbiin sodaatu ture.

3Anillee haga aduun oo'itutti balballan Yerusaalemii akka hin banamne, uduma isaan dhaabatan balballan loosa'aan haa cufanii; namoota Yerusaalemii keessaa gari garii kore kore'een mara isaaniituu kolba manniin isaaniitiin, «Worra eegu kaayaa'a» isaaniin jedhe.

Maqaa Namoota Hulee Itti Booji'amanii Deebi'anii

4Qachattiin guddo'oo fi badhoo turte; baniin isii keessa jiru garuu hagoo ture, manniinillee itti hin ijaaramne ture.

5Waandhi kiyya worra jajjabaa'a, worra baallii qabanii fi baniillee wolitti qabee akka laakkayu na taasise; namoota dursanii dhufan galmee ragaa fiixaa isaanii argadhe. Isa keessatti ka akkana jedhanii barreessaniiran arge.

6Ijoolleen biyyaa worri booji'aman ka mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoor booji'e worri gara Yerusaalemii, gara Yihuuda'aatii fi gara qachaa ufii deebi'an kanniin.

7Masakkoonni isaaniillee Zarubaabeel, Iyyaasuu, Nahimiyaa, Azaariyaas, Ra'aamiyaa, Nahamaan, Mardokiyoos, Balaasaan, Misipheereet, Baguwaayi, Nahuumii fi Ba'aanaa fa'a woliin dhufan.

8Laakkobsi namoota banii Israa'elii kana.

Fiixaan Faaroosii kuma lamaa fi dhibba tokkoo fi torbaatamii lama.

9Fiixaan Safaaxiyaasii dhibba sadihii fi torbaatamii lama.

10Fiixaan Eera'aa dhibba jahaa fi shantamii lama.

11Fiixaan Iyyaasu'uutii fi ka Iyyoo'aabii, fiixaan gosa Fahaati Mo'aabii ta'an kuma lamaa fi dhibba saddeetii fi kudha saddeet.

12Fiixaan Eelaamii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamii afur.

13Fiixaan Zaatu'ii dhibba saddeetii fi afurtamii shan.

14Fiixaan Zakaayii dhibba torbaa fi jahaatama.

15Fiixaan Biiniwi'ii dhibba jahaa fi afurtamii saddeet.

16Fiixaan Beebaayii dhibba jahaa fi diddamii saddeet.

17Fiixaan Azgaadii kuma lamaa fi dhibba sadihii fi diddamii lama.

18Fiixaan Adooniqaamii dhibba jahaa fi jahaatamii torba.

19Fiixaan Baguwaayii kuma lamaa fi jahaatamii torba.

20Fiixaan Aadiinii dhibba jahaa fi shantamii shan.

21Fiixaan Axeerii gosa Hisqiyaasii sagaltamii saddeet.

22Fiixaan Hasuumii dhibba sadihii fi diddamii saddeeti.

23Fiixaan Beesaayii dhibba sadihii fi diddamii afur.

24Fiixaan Hariifii dhibba tokkoo fi kudha lama.

25Fiixaan Gabaa'oonii sagaltamii shan.

26Namoonni Naxoofa'aatii fi Beeteliheemii dhibba tokkoo fi saddeettamii saddeet.

27Namoonni Anaatootii dhibba tokkoo fi diddamii saddeet.

28Namoonni Beeti'aazimootii afurtamii lama.

29Namoonni Qiriyaatiyi'aarimii, namoonni Kaafira'aatii fi namoonni Bi'eerootii dhibba torbaa fi afurtamii sadihi.

30Namoonni Raama'aatii fi namoonni Geeba'aa dhibba jahaa fi diddamii tokko.

31Namoonni Maakimaasii dhibba tokkoo fi diddamii lama.

32Namoonni Beeteeliitii fi ka Gaayii dhibba tokkoo fi diddamii sadihi.

33Namoonni Naboo biraa keessa jiraatan shantamii lama.

34Fiixaan Eelaamii biraa keessa jiraata kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamii afur.

35Fiixaan Kaariimii dhibba sadihii fi diddama.

36Fiixaan Iyyaariko'oo dhibba sadihii fi afurtamii shan.

37Fiixaan Loodii, ta Hadiidiitii fi ta Oonoomii, dhibba torbaa fi diddamii tokko.

38Fiixaan Seena'aa kuma sadihii fi dhibba sagalii fi soddoma.

39Fiixaan Yoodaahe'ee gadoonni gosa Iyyaasu'uu dhibba sagalii fi torbaatamii sadihi.

40Fiixaan Iimeerii kuma tokkoo fi shantamii lama.

41Fiixaan Faaskoorii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi afurtamii torba.

42Fiixaan Kaariimii kuma tokkoo fi kudha torba.

43Fiixaan Qadimi'eeliitii fi ta Iyyaasu'uu worri Leewwotaa worri gosa Hodaayiwa'aa namoota torbaatamii afur.

44Fiixaan Asaafii weeddiftoonni dhibba tokkoo fi afurtamii saddeeti.

45Worri balbala eegan fiixaan Saloomii, ta Axeerii, ta Xeelmoonii, ta Aquubii, fiixaan Haxiixa'aatii fi fiixaan Soobaayii dhibba tokkoo fi soddomii saddeet.

46Fiixaan hojjattootaa ka worra mana woyyuu keessatti hojjatan worri boojuu irraa deebi'an tajaajiltoota, fiixaa Siiha'aa, fiixaa Hasufa'aa,

47fiixaa Xabbi'ootii, fiixaa Keeraasii, fiixaa Si'aa,

48fiixaa Faadoonii, fiixaa Libana'aa,

49fiixaa Aggaaba'aa, fiixaa Simlaayii, fiixaa Hannaanii, fiixaa Gedeelii, fiixaa Gaaharii,

50fiixaa Raayya'aa, fiixaa Ra'aasoonii, fiixaa Neqooda'aa,

51fiixaa Gaaseemii, fiixaa Ooza'aa, fiixaa Faaseha'aa,

52fiixaa Beesaayii, fiixaa Mi'uunootaa,

53fiixaa Nifusasiimii, fiixaa Baaqbuqii, fiixaa Haqafa'aa, fiixaa Harhuurii,

54fiixaa Baasilootii, fiixaa Mihiida'aa, fiixaa Harsha'aa,

55fiixaa Barqoosii, fiixaa Siisaara'aa, fiixaa Teema'aa,

56fiixaa Nisiya'aatii fi fiixaa Haxiifa'aa fa'a.

57Hojjattoonni Solomoonii worri boojuu irraa deebi'an fiixaa Sooxaayii, fiixaa Soofereetii, fiixaa Firuuda'aa, fiixaa Yayya'ila'aa,

58fiixaa Darqoonii, fiixaa Gedeelii,

59fiixaa Safaaxiyaasii, fiixaa Haxiilii, fiixaa Fakaraatii, fiixaa Hatsibooyimii, fiixaa Amoonii,

60Worri tajaajiltootaa maraa fi fiixaan garboota Solomoonii dhibba sadihii fi sagaltamii lama.

61Worri Teelmeellaa, Teelaareesaa, Kiruub, Addaanii fi Iimeeriin keessaa bayan kanniin. Isaan garuu hortee manniin abboota isaanii yookaan fiixaa Israa'elii ta'uu isaanii uf beessisuu hin dandeenne.

62Fiixaan Daalaya'aa, fiixaan Xoobbiya'aatii fi fiixaan Neeqoda'aa dhibba jahaa fi afurtamii lama.

63Gadoota keessaallee fiixaa Eebbiya'aa, fiixaa Aaqosii, fiixaa Beerzeeli'ii ka nama gosa Gala'aadii irraa haadha manaa fuudhee ijoollee Beerzeeli'ii irraa argatee maqaa isaatiin waamame.

64Kunniin kitaaba maqaan hortee isaanii keessatti barreeffame keessa soqan; garuu maqaan isaanii hin argamne, isaan akka gadoota hin taane dhooggaman.

65Kanaafuu bulchaan Yihuuda'aa, «Haga gadichi uurimii fi Tumiimiin murteessu ka'uuf waan qulqullaaye irraa hin nyaattan» isaaniin jedhe.

66-67Worri boojuu irraa deebi'an wolumatti qabaa namoota kuma afurtamii lamaa fi dhibba sadihii fi jahaatama. Kunniin tajaajiltoota dhiiraatii fi ka intalaa kuma torbaa fi dhibba sadihii fi soddomii torbaa uduu hin eda'anne.

68Faradoon isaanii dhibba torbaa fi soddomii jaha. Gaangiin isaanii dhibba lamaa fi afurtamii shan.

69Gaallan isaanii dhibba afurii fi soddomii shan. Harriin isaanii kuma jahaa fi dhibba torbaa fi diddama turan.

70-72Bulchoonni maati'ii gari gariin waan mana woyyuu deebisanii ijaaru'uuf gargaaru godhaniiran; isaan keessaa,

Bulchaan biyyaa; worqii kiilograamii 8 madaalu, saanii golboo 50, uffata gadootaa 530 kenne.

Worri gosa bulchu; worqii kiilograamii 168 madaalu, birrii kiilograamii 1,250 madaalu kennan.

Namoonni hafanillee, worqii kiilograamii 168 madaalu, birrii kiilograamii 1,100 madaaluu fi uffata gadootaa 67 kennan.

73Worri gadootaa, Leewwonni, worri balbala eeganii fi worri faarfattootaa, banii keessaallee namoonni baay'een, tajaajiltoonni mana woyyu'uutii fi worri Israa'elii maruu qachama ufii keessa jiraatan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help