1«Akka lubbu'uun jiraattan, akka baay'attan, lafa Rabbi abboota teessanii kakate sanitti galtanii akka dhaaltan, seera ani adha isin ajaju maraa eega'aa amanamumma'aan raawwadhaa'a.
2Akka Rabbi Waandhi kee si qoru ajaja isaa ka onnee kee keessa jiru eegu'uuf eeguu dhabuu kee akka beeku lafa gammoojji'ii keessa haga woggaa afurtamaa rakkinna keessa akka si masakka'aa akka si dabarse yaadadhu.
3Namni jecha afaan Rabbiitii bawu maraan lubbu'uun jiraata malee buddeena calla'aan akka hin jiraanne si barsiisu'uuf si rakkise; si beelesse; mannaa abbootiin tee hin beenne ka atillee hin beenne si nyaachise.Mat. 4:4; Luq. 4:4
4Woggaa afurtamaa kanniin keessatti uffanni ati uffatte hin moofne; lutti keellee hin iitofne.
5Akkuma namni ilma ufii gorsu Rabbi Waandhi kee akka si gorsu beeki.
6Karaa isaa deema'aa isa sodaata'aa ajaja Rabbii Waaqa keetii eegi.
7Rabbi Waandhi kee gara lafa michu'uu gara lafa gaaraa fi dhooqa burqaa bisaanii burqisiisanii
8lafa qamadi'ii, lafa garbu'uu, muka hurbuu baaftu, muka roomaanii ka akka burtukaani'ii daraartu, ta ejersinii fi dammi keessa jiru,
9lafa buddeena quuftee itti nyaattu; lafa womaa irraa hin dhabne ta dhagaan isi'ii akka sibiilaa, gaara isi'ii keessaa ta sibiila diimaa baasanitti si galcha.
10hin nyaata; hin quuftalle'e waan Rabbi biyya michuu sii kenneef Rabbii Waaqa kee eebbifta.
Seerata Worra Rabbiin Dagataniif Kenname11«Seera, ajajaa fi murtii ani adha si ajaju eeguu dhabu'uun Rabbii Waaqa kee akka hin irraanfanne uf eegi.
12Haga nyaattee quufteen maayessa, haga mana mishaa ijaarattee itti galteen maayessa,
13tinni sa'aatii fi tinni hoola'aa haga sii horeen maayessa birri'ii fi worqiin wonti ati qabdu haga sii baay'ateen maayessa qalbii keetiin akka hin boonne,
14Rabbii Waaqa kee ka garbummaa biyya Misirii keessaa si baase; Waaqa bofaa fi buutii,
15bakka dheebisaa ka bisaan hin jirre, lafa gammoojjii nama sodaachisu keessatti hunna ufii gudda'aan si masakke dhagaa qarsa'aa keessaa ka bisaan sii baase,
16bara dhumaatitti waan mishaa sii godhu'uuf si qoree si salphisu'uuf mannaa abbootiin tee hin beenne ka lafa gammoojji'iititti si nyaachise ati Rabbii Waaqa kee hin irraanfatin.Hose. 13:5-6
17Onnee keetiinillee, ‹Hunna kiyyaa fi jabeenna harka kiyyaatitu qabeenna kana maraa naa fide› akka hin jenne.
18Garuu akkuma adha ta'e kana waadaa abboota keetiif kakate jabeessu'uuf akka ati qabeenna wolitti qabattu hunna sii kenneeraa Rabbii Waaqa kee qaabadhu.
19Rabbii Waaqa kee irranfattee waaqa tolfamaa biraa yoo hordofte, yoo isaan waaqeffattee isaanii sagadde sirima akka baddan ani adhuma isinitti hima.
20Isin jecha Rabbii Waaqa keessanii waan hin dhageenneef akkuma Rabbi orma afoo keessanii balleesse sanitti isinillee akkasuma balleessa.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.