1 Erm. 49:36; Dan. 7:2; Zakk. 6:5 Asiin maayii kallattii arfaniin Maleekkota afuurii ka lafa irra dhaabataniiran arge; isaanillee qilleensi yoo lafa irra jiraate, yookaan galaana, yookaan muka kamittillee kallattii arfaniin akka hin bubbifne dhooggan.
2Maleekkaan biraa ka chaappaa Waaqa jiraata'aa qabu gara baya biiftu'uutii hennaa bayu arge. Maleekkota arfan lafaa fi galaana miidhu'uuf baalliin kennameefiitti laagaa gudda'aan iyya'aa,
39:4; His. 9:4,6 «Garboota Waaqa keennaa haga kallacha isaanii chaappeessinuuf lafa, galaana yookaan mukkiin hin miidhinaa'a» isaaniin jedhe.
4Gosa ijoollee Israa'elii maraa keessaa worri chaappeeffame nama kuma dhibba tokkootii fi kuma afurtamii afuriiti.
5Ser. Ba'u. 1:1-4 Gosa Yihuuda'aa keessaa kuma kudha lama; gosa Roobeelii keessaa kuma kudha lama; gosa Gaadii keessaa kuma kudha lama; gosa Aseerii keessaa kuma kudha lama;
6Gosa Niftaalemii keessaa kuma kudha lama; gosa Minaase'ee keessaa kuma kudha lama,
7Gosa Simoonii keessaa kuma kudha lama; gosa Leewwi'ii keessaa kuma kudha lama; gosa Yisaakoorii keessaa kuma kudha lama;
8Gosa Zaabiloonii keessaa kuma kudha lama; gosa Yooseefii keessaa kuma kudha lama; gosa Biiniyaamii keessaa kuma kudha lamaatitu chaappeeffame.
Namoota Uffata Adii Uffatan9Asiin maayii banii eennullee laakkayuu hin dandeenne baniinii fi gosa worra afaan maraa keessaa namoota heddu guddaa arge. Uffata adii uffatanii qaccee meexxi'ii harka ufiititti qabatanii teesso'oo fi hoolaa Rabbii afoo dhaabatan.
10 5:13 Laagaa gudda'aan,
«Fayyinni Waaqa keenna ka teessoo irra ta'ee fi
ka hoolaa Rabbiiti» jedhan.
11Maleekkonni maruu naannoo teessoo manguddootaatii fi
busaayota arfaanii dhaabatanii turan.
Afoo teesso'ootitti kallachaan gad kufanii
Rabbii sagada'aa,
12«Amiin! eebbii, ulfinni, ogummaan,
galanni, jajamuun, hunninii fi
jajjabeennillee baraa haga bara baraa
Waaqa keennaaf haa ta'u! Amiin!» jedhan.
13Manguddoota keessaa tokko deebisee,
«Kunniin ka uffata adii uffatan eennuun fa'a?
eessaa dhufan?» naan jedhe.
14 Mat. 24:21; Mar. 13:19 Anillee, «Gooftaa kiyya, situ beeka» jedheen. Innillee akkana naan jedhe, «Kunniin worra rakkoo guddaa keessaa dhufan. Uffata ufiillee miicanii dhiiga hoola'aatiin qulqulleessan.
1521:3 Kanaaf worri teessoo Rabbii afoo jiran halkanii fi guyyaa mana woyyuu keessatti isa waaqeffatan. Ka teessoo irra taa'e isaan keessa jiraata. Ammaa achi hin beelayan;
16Isa. 49:10; Far. 121:5-6 Ammaa achi hin dheebotan; aduunii fi oo'i maruu sirima isaan hin miidhu.
175:6; 21:4; Far. 23:1-2; Isa. 25:8; 49:10; His. 34:23 Hoolaan teessoo wodhakkaa jiru tissee isaanii ta'a. Gara burqaa bisaan jireennaa isaan geessa; Rabbillee imimmaan maraa ija isaanii irraa haqa.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.