Seera Bayu'uu 15 - Kitaaba Woyyuu

Faaruu Muuse'ee

1Kanaan maayessa Muuseenii fi baniin Israa'elii akkana jedhanii faaruu Rabbiif faarfatan;

Rabbi waan ulfinnaan guddaa ta'eef,

farado'oo fi worra faradoo yaabbatan waan galaanatti gateef

Rabbiif faarfadha.

2Hunninii fi faaruun kiyyallee Rabbiif;

inni qoricha naa ta'e

Inni Waaqa kiyyaa hin galatoonfadhaan;

Inni Waaqa abbaa kiyyaallee waan ta'eef ulfinna kennaaf.

3Rabbi lolaa jaba'a;

maqaan isaallee Rabbi.

4«Konkolaataa fardaa ka Fari'ooniitii fi loltuu isaallee galaanatti gate;

ajajoonni lolaa filatamoonni galaana diima'aan liqimfaman.

5Galaanni xiillaan isaan fudhate;

akkuma dhaga'aatitti xiillaa jala lixan.

6«Yaa Waandhana; hunni harka kee ka mirgaa gaachena qaba;

diina caccabsee gata.

7Worra sitti ka'an jabeenna ulfinna keetiitiin balleessite;

Aariin kee akkuma ibiddi buraa fixutti isaan fixe.

8Hennaa ati aari'iin bisaanitti hafuura kee baafatte

bisaan ol ka'ee akka girgidda'aatitti dhaabate;

dambaliinillee galaana keessatti hin cadhise.

9‹Diinni ari'ee isaan qaba;

qabeenna isaaniillee hin qoodama;

waan barbaadellee hin fudhadha;

guraadee kiyya luqqifadhee harka kiyyaan isaan balleessa› jedhee ture.

10Garuu yaa Waandhana; bubbee bubbisiiftee galaanni isaan liqimse;

akka sibiila xiillaa galaana gad fago'ootitti gatamaniititti

liqimfamanii hafan.

11«Yaa Waandhana; waaqolee jiddu'utti Waandhi akka keetii eennu?

ati Waaqa gaachenaan sodaatamtee fi

ka maalalee hojjattee ka akka keetii eennu?

ati Waaqa woyyumma'aan kabajjamtee ka akka keetii eessa jira?

12Harka kee ka mirgaa hennaa diriirsite laftillee diina kenna liqimsite;

13banii kee arjummaa keetiin furte;

jabeenna keetiin gara biyya woyyitti'ii akka galan goote.

14Worri Yihuudota hin taane dhagayanii hollatan;

worri Filisxeemiillee hin muddaman.

15Hennaa san bulchoonni Eedoomii abdii kutatan;

jajjaboonni Moo'aabiillee hin hollatan;

Worra Kana'aanii maraa naasu'uun onneen isaanii baxxe.

16Yaa Waandhana; haga baniin kee ceeyuuf

baniin ati furte haga ceeyuuf;

isaan naasu'uu fi soda'aan liqimfaman;

jabeenna irree keetiitiin akka dhaga'aa cadhisan.

17Yaa Waandhana; ati isaan hulee ufiif qopheeffatte,

gaara ristii keetii irratti isaan dhaabda;

yaa Waandhana hulee ufii jiraattu

hulee woyyittii harki kee qopheesse keessa isaan galchita.

18Rabbi

baraa haga bara baraa mooya.

Faaruu Maariyaamii

19«Faradoon Fari'oonii worri konkolaataa fardaa oofanii fi worri faradoo yaabbatanillee faradoma ufii woliin galaanatti dhuman; Rabbi galaana isaan irra gara galche; baniin Israa'elii garuu galaana jidduu lafa gogaa irra ceeyan.»

20Obboleettiin Aaroonii Maariyaam raattittiin dibbee ufii fudhatte; dubartoonni maruu faarfata'aa isii faana yaa'an.

21Maariyaamillee,

«Inni farado'oo fi worra faradoo yaabbatanillee galaanatti gate;

ulfinnaan waan kabajjameeruuf

Rabbii faarfadhaa'a» jedha'aa isaanii faarfatte.

Bisaan Hadhaayaa'a

22Kanaan maayessa Muuseen Israa'eliin galaana diimaa biraa kaasee lafa gammoojji'ii keessa guyyaa sadihii deeman; garuu bisaan woyiituu hin arganne.

23Hennaa lafa maaraa jedhamu gayan bisaan maara'aa waan hadhaayaa ta'eef dhuguu hin dandeenne; wonti maaraa jedhameefillee kanumaaf.

24Baniin Muuse'een «Eeganaa maal dhunna?» jedhanii itti gunguman.

25Muuseen Rabbiin kadhate Rabbi muka tokko itti mudhise; innillee muka san fuudhee bisaan irra buufnaan bisaan mi'aaye; achitti Rabbi seeraa fi akkaataa ittiin jiraatan kenneefii isaan qore

26Ati yoo jecha Waaqa keetii jabeessitee eedde, yoo afoo isaatitti waan mishaa goote, yoo isaa ajajamtee seera isaa maraa eedde, dhukkubni worra biyya Misirii irra gawu sirra hin gawu; waan fayyisaan kee ana Rabbiin ta'eef» jedheen.

27Achiin maayessa gara Eeliimii dhaqan; achi boolla burqaa bisaanii kudha lamaa fi mukkiin Temir jedhamu torbaatamatu ture; isaan bisaan san biratti quphatan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help