Kitaaba Seena'aa ka 1ffaa 7 - Kitaaba Woyyuu

Fiixaa Yisaakoorii

1Yisaakoor ijoollee dhiiraa afur uumate; isaanillee Tolaa, Fuwaa, Yaashuubii fi Shimiroon.

2Tolaan ijoollee dhiiraa jaha uumate; isaanillee Uuzi, Rafayaa, Yiri'eel, Himaayi, Yibsa'aa fi Shaamu'eel; abboonni maatii Tola'aa fiixaan isaanii worra jajjaba'aa fi ka baallii qaban tura; bara mootichi Daawiti jiru baay'inni isaanii kuma lamaa fi dhibba jaha ture.

3Uuzi ilma Yiziraahiyaa jedhamu uumate; Yiziraahiya'aa fi ijoolleen isaa ta dhiiraa shananuu Mikaa'eel, Abdiyyu, Iyyu'eelii fi Yishiyaan kunniin maruu bulchoota maatii ufii turan.

4Isaan haawwota manaa baay'e'ee fi ijoollee baay'ee waan qabaniif fiixaa isaanii keessaa namoota duula gayan namoota dhiiraa kuma soddomii jaha dhiyeessuu hin danda'an ture.

5Fiixaa Yisaakoorii keessaa namoota dhiiraa ka umuriin isaanii duulaaf gaye haga namoota kuma saddeettamii torbaa akka ta'an galmeen fiixaa isaanii hin ibsa.

Fiixaa Biiniyaamiitii Fi Ka Daanii

6Biiniyaam ijoollee dhiiraa sadihi uumate; isaanillee Beelaa, Beekeerii fi Yidaa'eeliin fa'a.

7Beelaan ijoollee dhiiraa shan uumate; isaanillee Heseboon, Oozi, Uuzi'eel, Iyyaarimuutii fi Iiri; isaan gosa ufii keessatti bulchoota maatii ufiitiif duultota janna gurra dhagayatan turan; fiixaa worra isaanii keessaa namoonni dhiiraa ka umuriin isaanii duulaaf gaye namoota kuma diddamii lamaa fi soddomii afur.

8Beekeer ijoollee dhiiraa sagal uumate; isaanillee Zimiraa, Iyyo'aas, El'eezar, Elyoo'eenaayi, Oomri, Iyyaarimuut, Abiyaa, Anaatootii fi Aleemeetiin fa'a.

9Fiixaa maatii isaanii keessaa worri umuriin isaanii duulaaf gaye namoota dhiiraa kuma diddamaa fi dhibba lama turan.

10Idi'eel Bilihaaniin uumate, Bilihaan Ya'uus, Biiniyaam, Ehuud, Kani'aanaa, Zeetaan, Tarseesii fi Akisa'aar worra jedhaman ijoollee dhiiraa torba uumate.

11Isaan fiixaa ufii keessatti bulchoota maatii ufiitiif duultota janna gurra dhagayatan turan; isaan fiixaa maatii ufii keessaa namoota dhiiraa ka umuriin isaanii duulaaf gaye namoota kuma kudha torbaatii fi dhibba lama turan.

12Akkasuma Saafiin, Huufiin ijoolleen Iirii Huushiim ijoollee Aheeriiti.

13ijoolleen Niftaalemii Yaaxeel, Guun, Yuuxeer, Shaam; isaan fiixaa Baala'aati.

14Ijoolleen Minaase'ee ta inni mata gala itti galu ta gosa Sooriya'aa deetteef Isri'eelii fi Maakirii abbaa Gala'aadii fa'a.

15Maakiri gosa Huufimiitii fi gosa Saafinii keessaa intala fuudhe; obboleettiin isaa Ma'aakaa fi ta lammeesso'oo Solofa'aad; isiin ijoollee intalaa ta ufii deette qabdi.

16Haati manaa Maakirii ijoollee lama deetteef; maqaan isaanii Faareesii fi Soroosi.

17Ulaan ilma dhiiraa ka Baadaan jedhamu uumate; kunniin maruu ilma ilma Maakirii gosa Minaase'ee ka fiixaa Gala'aadiiti.

18Obboleettiin Gala'aadii Malakeet ijoollee dhiiraa sadihi deette; isaanillee Isuudiin, Abi'eezirii fi Maahilaa fa'a.

19Ijoolleen Shamida'aa Aayyaan, Seekeem, Liqihi'ii fi Ani'aamiin fa'a.

Fiixaa Efreemii

20Efreem Shutulaa uumate; Shutulaan Baarediin uumate; Baaredi Tahaatiin uumate; Tahaati Eel'aadaa uumate; Eel'aadaan Tahaatiin uumate;

21Tahaati Zabaadiin uumate; Zabaadi Shutulaa uumate; Efreem Shutula'aan alattillee ijoollee dhiiraa lamaan Eedirii fi Eelaadiin uumate; Isaan uduu horii isaanii hata'aaran arganii worri Geetii isaan ajjeesan.

22Abbaan isaanii Efreem waan guyyaa baay'ee isaanii gaddeef obboleewwan isaa isa jajjabeessu'uuf gara isaa dhaqan.

23Kanaan maayessa Efreem haadha manaa ufii bira gaye; isiinillee ulfooftee ilma deetteefii waan mana isaa keessatti rakkoon uumameef Bari'aa jedhee maqaa itti baase.

24Efreem mucattii Si'aaraa jedhamtu uumate; isiin qachoota lamaa jalaa fi gubba'aan Beetihoorii fi Uzaan She'eeraa jedhamu hojjachiifte.

25Efreem ilma Reefaahi jedhamu uumate; fiixaan Reefaahii Reeshiif, Teelaahi, Tahaan,

26Laa'idaan, Amihuud, Eelshaamaa,

27Nawwe'ee fi ilma isaa Iyyaasuu fa'a.

28Bulchiifni fiixaan Efreemii fudhatanii ka ufii taasifatan qachoota didiqqaa, Beeteelii fi naannoo isi'iititti argaman yoo ta'u gara baya biiftu'uutiin haga Naa'iraanii, gara dhiya adu'uutiin haga Geezeeriitii fi qachoota didiqqaa naannaya isi'iititti argaman maraa wolumatti qabata; Seekeemii fi Ayaaniin ka naannaya isaanii jiru maraa qachoota didiqqaallee hin eda'ata.

29Fiixaan Minaase'ee Beetishaan, Taa'inaag, Magidoonii fi Doori; akkasuma qachoota didiqqaa naannoo isaaniititti argaman bulchiinsa ufii jala taasisan; kunniin maruu hulee fiixaan Yooseefii ilma Yaaqoobii keessa jiraatan.

Fiixaa Aseerii

30Aseer ijoollee dhiiraa afurii fi intala takka uumate. Isaanillee Yuuminaa, Yesuwaa, Yesuwi'ii fi Bari'aa yoo ta'an, obboleettiin isaanii Seeraahi;

31Bari'aan ijoollee dhiiraa lamaan Heebeerii fi Malki'eel jedhaman uumate; Malki'een ilma Beerzaawii jedhamu uumate.

32Heebeer ijoollee dhiiraa sadihi uumate; isaan Yaafleex, Seemeerii fi Kootaamiin fa'a; obboleettiin isaanii Soolaani.

33Yaafleex ijoollee dhiiraa sadihi Feseek, Bimihaalii fi Asiitiin uumate.

34Saameeri ijoollee dhiiraa Aakii, Ro'aagaa, Yixuuba'aa fi Aaraamiin uumate.

35Ijoolleen obboleessa Eelaamii ta dhiiraa Xoofaa, Yiminaa, Seeleesii fi Amaaliin fa'a.

36Fiixaan Xoofa'aa Suwaa, Harneefir, Soogaal, Beerii, Yimiraa,

37Bexiir, Hood, Saamaa, Saalisaa, Yitira'aa fi Bi'eeraa fa'a.

38Fiixaan Yuuterii Yurooni, Fissipha'aa fi Aaraa fa'a;

39Fiixaan Ula'aa, Eeraa, Hani'eelii fi Raxiyaa fa'a.

40Kunniin maruu fiixaa Aseeriiti; isaan bulchoota maatii ufiitiif loltoota jannaa fi masakkoota filataman turan; fiixaan Aseerii hujii lolaatiif worri gayaa ta'an dhiira kuma diddamii jaha qaban.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help