1Haga wonti kun maruu raawwatameen maayessa worri Israa'elii ka achitti argaman maruu gara qachoota biyya Yihuuda'aa dhufanii soodduu maraa caccabsanii sirima balleessan; fakii waaqa tolfamaa asheera'aa ka jalatti waaqeffatanillee hin muran; hulee itti sagadan ka biyya Yihuuda'aatii fi ka biyya Biiniyaamii maraa, akkasuma ka biyya Efreemiitii fi ka biyya Minaase'ee, hulee itti sagadan ka gaarran gubbaa jiru, hulee ciincaa irratti dhiyeessan maraa diiganii worri Israa'elii maruu gara lafaa fi gara qachoota ufii deebi'an.
2Mootichi Hisqiyaas seera worra Leewwotaatii fi ka worra gadootaa akkuma garee isaaniitiin deebi'ee dhaabe; ciincaa fayyumma'aatii fi ciincaa ciincawu balbala mana woyyu'uu ka hulee itti gad bayaniititti akka ciincaa dhiyeessan, akka isa tajaajilan, akka Rabbiin galatoonfatanii fi akka Rabbiin kabajjaniif worra gadootaatii fi worra Leewwotaa dhaabsise.
3Mootichi akkuma seera Rabbii irratti barreeffame ciincaa ciincawu ka ayyaanaa ka jalqaba ji'aatii fi ka sambattanii halkanii fi guyyaa dhiyeessu'uuf waan ufii keessaa waan kennu murteeffate.Ser. Lak. 28:1-29
4Mootichi banii Yerusaalemiin keessa jiraatan akka worri gadootaatii fi Leewwotaa tajaajilan mana woyyuu keessatti akka jabaataniif baniin waan ufii qaban keessaa waan kennuu isaan barbaachisu akka isaanii kennan banii Yerusaalemiin keessa jiraatan ajaje.
5Akkuma mootichi waan kana isaan ajajeen worri Israa'elii daadhii woyini'iitii fi ka midhaanii, ka dhadhaa ejersaatii fi ka dammaa, midhaan qotatanii argatan keessaa ka dura gale kennan; waan qaban maraa keessaa kurneessoo kennan.Ser. Lak. 18:12-13; 21
6Baniin biyya Israa'eliitii fi biyya Yihuuda'aa ka qachoota Yihuuda'aa keessa jiraatan sangootaa fi hoolota keessaa waan woyyoome Rabbii Waaqa ufiitiif kurneessoo kennan; kennaa biraallee ka woyyoome fidanii tuulan.
7Kennaallee ji'a sadeesso'ootitti fiduu jalqaban; ka kennaa kennanii itti fixan garuu wol faanaa kennaa ufii san fida'aa tuulanii ji'a torbeesso'ootitti fixan.
8Mootichi Hisqiyaasii fi bulchoonni bani'ii dhufanii hennaa tuulaa san argan Rabbii fi banii Israa'elii maraa eebbisan.
9Hisqiyaas worra Leewwotaatii fi worra gadootaa waan midhaan wolitti kuusanii san gaafate.
10Azaariyaas gadichi guddaan gosa worra Saadooqii «Baniin kennaa ufii gara mana woyyuu Rabbii haga fiduu jalqabaniin maayessa nyaannee quufneerra, Rabbi waan banii eebbiseef midhaan gudda'atu irraa hafe, ka hafellee tuulaa guddaa kana» jedhee dubbate.
11Hisqiyaas akka isaan mana Rabbii keessatti gootaraa ijaaran banii ajaje isaanillee gootaraa ijaaranii,
12Kennaa midhaanii kurneesso'oo fi waan woyyoome maraa amanamumma'aan gootaraa sanitti galchan; Koonaaniyaa gosa Leewwi'ii midhaan kana irratti baallii kennaniif; obboleessa isaa Saame'iinillee baallii kennaniifii nama lammeesso'oo godhanii kaayan.
13Mootichi Hisqiyaasii fi Azaariyaas gadichi bulchaan mana Rabbii worra isaan jala taa'anii hojjatan Yihi'eel, Azaaziyaa, Naahoot, Asaaheel, Yireemoot, Yoozaabaat, Eeli'eel, Samaakiyaa, Mahaat, Banayaas, Kenaaniyaanii fi obboleessi isaa Saamee'i isaan jalatti haa hojjatani'iif ramadaman.
14Qoreen balbala mana woyyu'uu ka gara baya biiftu'uutiin eegu ilmi Leewwichaa Yiminaan kennaa Rabbiitii fi waan Rabbii woyyoome akka qoodu, waan baniin fedha ufiitiin Rabbii kennan irratti baallii argate.
15Qachoota gadoonni keessa jiraatan keessatti worra gugurda'aa fi didiqqaallee akka garee isaaniitiin amanamumma'aan akka gargaaran Eed, Mimiyaam, Iyyaasuu, Shamayaa, Amaariya'aa fi Sekeniyaan isa jala turan.
16Ammallee waan adda addaa ka guyyaa guyya'aan hojjatan, ijoollee dhiiraa ka umuriin isaanii woggaa sadihiitii fi ka achii ol ta'an ka gara mana woyyu'uu seenan akka baallii isaaniitii fi akkuma ramaddii isaanii gayee isaanii qooda'aafii turan.
17Ramaddiin gadootaa akkuma gosa isaaniitiin ka umuriin isaanii woggaa diddamaatii fi ka achii ol ta'an akka gayee isaaniitiin waan hujuu danda'aniin murteeffama.
18Worri gadootaatii fi worri Leewwotaa kunniin worra uf woyyoomsan amanamtoota waan ta'aniif isaan haadha manaa ufii, ijoollee ufiitii fi worra isaan jalatti bulan maraa woliin tokkumma'aan galmaayan ture.
19Worri gadootaa ka qachoota ijoollee Aaroonii keessa jiraatan, yookaan lafa dheedaa ka qachoota kanniinii irra jiraatan, worra dhiiraa worra galmee maqaa worra Leewwotaa keessa jiru keessa jiraataniif waan nyaatan isaanii qoodu'uuf namoota baallii qaban turan.
20Mootichi Hisqiyaas biyya Yihuuda'aa maraa keessatti, Rabbii Waaqa ufii afo'otti waan mishaa, waan qajeela'aa fi waan dhuga'aa hojjate.
21Hujii mana woyyu'uu, seeraa fi ajaja maraa eegu'uuf hujiin inni hojjate maruu Rabbii Waaqa ufiitiif amanamumma'aa fi hinaaffaa Hafuuraatiin waan ta'eef wonti maruu isaa qajeele.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.