1Bara mootiin Ooziyaan du'e ani Rabbiin teessoo ulfinnaa ka ol dheeratu irra ka taa'eeru arge; handaarri uffata isaa mana woyyuu guutee ture.
4Hundeen mana woyyu'uullee sababaa laagaa guddaa saniitiif guddisee raafame, manni woyyuun aaraan guuttame.
5Ani, «Ani nama arrabni kiyya battaaye; banii arrabni isaanii battaaye jidduu jiraadha; ijji tiyya mootii, Rabbii Gooftaa banii maraa waan argiteef ani badeeraa na hobbaasi!» jedhe.
6Achii maleekkota suraafel jedhaman keessaa tokko hulee ciinca'aa irraa ibidda qadhaba'aan fuudhee barara'aa gara kiyya dhufe.
7Afaan kiyya ibiddaan tuqee «Kunoo kun waan afaan kee tuqeef yakki kee si irraa ka'eera; cubbuun keellee sii dhiifameera» naan jedhe.
8Achii laagaa Goofta'aa ka «Ani eennuun erga? eentu ergaa nuu dhaqa?» jedhu dhagaye;
anillee, «Ani hin dhaqaa na ergi!» jedheen.
9Innillee «Deemi! banii kanaan
‹dhagawuu ima dhageettan,
garuu hin hubattan, arguu ima argitan
garuu hin guuttattan jedhii isaanitti himi;
10Ammallee deebi'ee,
«Baniin kun akka ijaan hin argine,
gurra ufiitiin akka hin dhageenne,
onnee ufiitiinillee akka hin hubanne;
deebi'aniillee akka hin fayyine;
garaa banii kanaa jabeessi,
gurra isaanii duuchi;
ija isaaniillee jaamsi» naan jedhe.
11Anillee Goofta'aan
«Gooftaa kiyya! wonti kun
haga yoomii ta'a?» jedheen.
Innillee deebisee akkana naan jedhe,
«Qachoonni namoota keessa jiraatan dhabanii haga diiggamanitti,
manniin maraa keessaa haga namoonni
dhabamanii duwwaa ta'anitti,
haga lafti ona taatutti,
12Rabbi haga namoota fageessutti;
haga ardiin sirima duwwaa taatutti;
13Yoo kudhan keessaa tokkollee ardii irratti hafe;
innillee sirima bada;
garuu akkuma qilxuunii fi woddeessi yoo murame
gufuun hafe deebi'ee margu;
akkasuma fiixaan woyyuun
ardii irratti gufuu woyyoome.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.