1Ta machooftuu Efreemiitii yaadannoo taate;
ta sammuu dhooqa lalisee gubba'atti ol baatee;
abaaboo quurtuu bareedinna ulfinna isaa;
ta daadhiin woyini'ii isi'ii fiixaa isaaniitiif boona taate;
qachattii san hobbaasi!
2Kunoo Gooftaan waan cima'aa fi jabaa ta'e qaba;
kunillee akka kirfaffuu barada'aatitti;
akka haboonbolattii waa balleessuutitti;
akka dambalii jaba'aatitti;
akka rooba jaba'aatitti;
hunnaan gara lafaa isii darba.
3Qoobiin yaadanno'oo ka worra Efreemii ka machaayuu;
lukaan dhidhiitama.
4Abaaboon quurtuun sammuu dhooqa lalisa'aa;
irra teettee; ta ulfinna bareedaa;
akkuma haama'aan dura geette;
akkuma namni dimmaa argee isii kutu;
akkuma muka hurbu'uu ka namni liqimsuu taati.
5Guyyaa san Rabbi Gooftaan banii maraa;
banii isaa sodaatama'aa;
qoobii ulfinnaa;
gulloo bareedinnaa ta'a.
6Inni ka teessoo murti'ii irra taa'uu
hafuura haqaa;
worra woraana balbala qachatti'ii irraa deebisanii;
burqaa jabeennaa ta'a.
Isaayyaasii Fi Raattota Biyya Yihuuda'aa Ka Machaayan7Kunniin daadhii woyini'iitiin tittiman;
dhuddoo macheessuun gatantaran;
raattonninii fi gadoonni daadhii woyini'iitiin tittiman;
daadhii woyini'iitiin dubbiin harkaa bade;
dhuddoo macheessuun gatantaran;
yoo mudhata argan hin dogoggoran;
murtii kennu'uttillee hin gufatan.
8Gabataan isaan waa itti nyaatan maruu;
diddigaan guuttameera;
huleen haqqeen hin geenne hin jiru.
9Isaan akkana jedhan;
«Eennuun barsiisa?
ergaa hoo eennuu ibsa›
daa'imman aanna dhiiftee?
mo'o ta harma dhiifte?
10Ajaja irratti ajaja; ajaja irratti ajaja;
tumata irratti tumata; tumata irratti tumata;
asitti hago'o; achittillee hagoo waan ta'eef.
11Eegasuu Rabbi;
afaan ormaa; afaan keessumma'aatiin;
banii kanatti dubbata.
12Inni, «Tun hulee hara itti baafatan;
ka dadhabe hara haa baafatuu;
tun hulee hafuura itti galfatan» eennuun jedhe?
isaan garuu dhagayuu hin barbaanne.
13Kanaafuu dubbiin Rabbii;
ajaja irratti ajaja; ajaja irratti ajaja;
seera tumachuu irratti seera tumachuu;
seera tumachuu irratti seera tumachuu;
asitti hago'o; achittillee hagoo isaanitti ta'a;
kun akka uf duuba kufan;
akka madaayan,
akka siibo'oon qabamanii fi
akka booji'amaniif.
Dhagaa Bu'uuraa Ka Tsiyooniif Ta'u14Kanaafuu worri banii Yerusaalemiin jiru
bulchitan;
isin worri shaqqaaddan dubbii Rabbii
dhagayaa'a.
15Isin worra, «Du'a woliin waadaa galleerra;
hulee worri du'e jiru ka lafa jalaa woliin wolii galtee godhanneerra;
soba irkoo'o;
kijiba ka itti dhokannu godhanneerra;
balaan guddaan yoo haxaaya'aa lufu
nu tuquu hin danda'u» jechu'uun uf tuultaniirtan.
16Kanaafuu Rabbiin maraa olii akkana jedha,
«Kunoo dhagaa qoratame; dhagaa hunde'ee;
dhagaa jabaa hunde'eef ta'u roggee kabajjamaa;
Tsiyooniin keessa kaaya;
ka isatti amanu hin raafamu.
17Haqa haada bikkaniin;
balchummaa tumbii taasisa.;
kijiba irkoo keessanii rooba barada'aatitu
haxaaya;
hulee isin itti dhokattanillee bisaantu irra gara gala.
18Waadaan isin du'aan wolii galtan;
wolii galteen isin asaaba woliin gootan;
hin diiggama;
balaan guddaan yoo haxaaya'aa lufu;
isinillee hin haxaayamtan.
19Hennama dhufe maraa fudhatee isiniin lixa;
ganama ganama;
guyya'aa fi galgalallee;
isin haxaaya;
yoo dubbii kana hubattan;
soda'aan raafamni ta'a ture.
20Diriirfatanii akka hin rafne
sireen gabaabdu'u;
akka nafa hin dhoffanne
baanaan gabaaba'a;
isinillee akkasuma.
21Rabbi hujii ufii; ee hujii ufii ka hin baratamne hojjachu'uuf
hujii ufii; hujii ufii haarawa raawwachu'uuf
akkuma gaara Paarasiimii irratti godhe;
dhooqa Gabaa'ooniititti godhe godhu'uuf ka'a.
22Eeganaa balda keessan dhaabaa'a;
yoo ta'uu baate hidhaan isinitti jabaata;
Gooftaan; Rabbi Gooftaan bani'ii;
labsii ardii guutuu balleessu'uuf labse
dhagayeera.
Ogummaa Rabbii23Caqasaa'a; laagaa kiyya dhagayaa'a;
hubadhaa'a; dubbii kiyyallee dhagayaa'a.
24Qonnaan bulaan facaasu'uuf yoo lafa qopheessu;
hennama mara qotaa?
suqqaa yoo butuchu;
lafa bilcheessa'aa jiraataa?
25Qonna midhaassee;
dimbilaala gurraachaa fi urgoo hin facaasuu?
qamadii hoo akkaataa isaatiin;
garbuu hulee isaa ta'utti;
aajjaa hoo hulee isaaf ta'utti hin facaasuu?
26Waandhi isaa isa barsiisa;
karaa kolbaa itti mudhisa.
27Urgoo gurraattii meeshaa dhaya'aatiin hin dhayu;
urgoo gurraattii irra waa hin gangalchu;
dimbilaala gurraacha ule'een;
urgoo gurraattii bokku'uun dhaya.
28Buddeena godhu'uuf midhaan daaka;
kanaafuu namni tokko baraa haga bara baraa
midhaan dhaya'aa hin jiraatu;
faradoo irra oofee hin butuchu.
29Kun maruu Rabbii Gooftaa banii maraa
ka gorsaan maalale'ee,
ka ogumma'aan gudda'aatiin ta'e.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.