1Mootittiin biyya Saaba'aa hennaa gurra Solomoonii mishaa dhageette urgooftu'uu fi worqii hedduu, mi'a gatiin isaa gudda'aa gaala irratti feesiftee namoota kabajjaman woliin Yerusaalemiin keessatti gaafi'iin Solomooniin qoru'uuf isa bira dhaxxee hulee inni jiru seentee waan gara'atti yaadde maraa isatti himte.
2Solomoon waan isiin isa gaafatte maraa womaa uduu hin hambifne hiikeef;
3mootittiin biyya Saaba'aa ogummaa Solomoonii, mana inni ijaare,
4waan inni nyaatu, akkaataa bulchoonni isaanii itti hojjatanii fi itti uffatan, worra daadhii ansaadanii fi akka isaan uffata itti uffatan, ciincaa inni mana woyyuu keessatti Rabbiif dhiyeessu maraa haga argite waan kanniin maraa argitee, waan dura yaadde caalaa maalalchiisaa ta'ee argite.
5Isiin mootichaan «Wonti keetii fi wonti ogummaa keetii, gurri kee ka ani uduu biyya kiyya jiru dhagaye dhuga'a!
6Ani garuu haga dhufee ija kiyyaan argutti waan natti himan maraa hin amanne; worri waan kee ogumma'aa fi jabeenna keetii wodhakkamallee natti hin himne; ati garuu waan ani gurraan dhagaye maraa caalta;
7namoonni hennaa maraa sii hojjatan ka ogummaa kee si irraa dhagayan, hojjattoonni kee kunniin worra eebbifame.
8Rabbi Waandhi kee ka akka ati mootii taatee hojjattuuf jaalatee si muude haa eebbifamu; Waandhi kee Israa'eliin baraa haga bara baraa jabeessee isaan dhaabuu waan barbaadeef akka ati murtii qajeelaa murteessituuf isaan irratti si muude» jetteen.
9Mootittiin biyya Saaba'aa mooticha Solomooniif worqii saqilii dhibbaa fi diddamaa, urgooftuu baay'ee, mi'a gatii gudda'aa kabajjamaa kenniteef; urgooftuun akka mootittiin biyya Saaba'aa mooticha Solomoonii kennitee fakkaatu eessallee jiru ture.
10Hojjattoonni mooticha Kiraamiitii fi hojjattoonni Solomooniillee muka sandalaatii fi mi'a gatii gudda'aa kabajjamaa fidan.
11Mootichi muka sandali'ii saniin woggaa mana woyyu'uutii fi mana mootumma'aa faarfattootaafillee masiinqo'oo fi meeshaa faaru'uu ka laagaa guddaa kennu hojjate; wonti akka inni hojjatee kun biyya Yihuuda'aa maraa keessattuu hin argamne.
12Waan mootittiin biyya Saaba'aa mooticha Solomoonii kennite caalaa mootichi Sololmoon waan isiin isa kadhatte maraa kenneef; kanaan maayessa isiinillee achii kaatee hojjattoota ufii woliin gara biyya ufii deemte.
Baay'inna Qabeenna mooticha Solomoonii(Mot. 1ffaa 10:14-25)13Mootichi Solomoon wogga wogga'aan worqii saqilii dhibba jahaa fi jahaatamii jaha argata.
14Mootonni biyya Arabaatii fi bulchoonni biyya sanii birri'ii fi worqii Solomoonii fida'aa turan.
15Mootichi Solomoon wontee dhibba lamaa ka worqii saqilii dhibba jahaan itti maxxanfamee fi
16wontee dhibba sadihii didiqqaa ka worqii saqilii dhibba sadihiitiin itti maxxanfame hojjachiise; wontee kanniin maraa hulee «Bosona Libaanonii» jedhamu keessa kaaye.
17Mootichi Solomoon ilkaan Arbaatiin teessoo ulfinnaa hojjachiisee worqii mishaa itti maxxanse.
18-19Teessoon ulfinnaa ka inni hojjate waan irra ol bayaniin jaha qaba; waan irra ol bayaniin kana bita'aa fi mirga isaatitti fakii leencaa tokko tokkotu jira; isaan maraa irra wolumatti qabaa fakii leencaa kudha lamatu jira; hulee irra ijjatanillee teessoo ulfinnaa saniin wolitti qabsiisanii hojjataniiran; hulee harka itti irkifatan ka gamaa gamanaatittillee fakii leencaatitu jira; teessoon ulfinnaa ka kana fakkaatu biyya kamiin keessallee hin jiru.
20Kobbee mootichi Solomoon waa itti dhuguu fi meeshaan hulee «Bosona Libaanonii» jedhamu keessa jiru maruu worqii mishaa irraa hojjataman; bara mootichi Solomoon bulchu birriin waan guddisee baay'ateef akka waan gatii qabuutitti hin laakkayamu ture.
21Mootichi Solomoon hojjattoota hojjattoota mootii Kiraamii woliin gara Tarseesii markabaan deeman qaba ture; isaan woggaa sadihi sadihiin worqii, birrii, ilkaan Arbaa, qamalee baay'e'ee fi jaldeessa baay'ee fida'aafii turan.
22Mootichi Solomoon mootota biyya maraa jiran irra qabeennaa fi ogumma'aan hin caala ture.
23Mootonni biyya maraa jiran ogummaa Rabbi isaa kenne laalu'uuf mootii Solomooniin hawwa'aa turan.
24Namni maruu kennaa isaa kennan meeshaa worqi'ii fi birrii irraa hojjatame uffataa fi meeshaa woraanaa, urgooftuu, farado'oo fi gaangiin baay'ee qabatanii wogga wogga'aan fida'aafii turan.
25Solomoon moonaa loonii ka farado'ootii fi ka gaarii fardaa keessa kaayan kuma afurii fi worra farda yaabbatanii lolan namoota kuma kudha lamaa qaba; inni isaan maraa qachaa Yerusaalemii keessa uf bira isaan jiraachise.Seenaa Mooticha Solomoonii Gabaabamatti(Mot. 1ffaa 11:41-43)
29Seenaan Solomoonii ka biraa jalqabaa irraa haga dhumaa seenaa raatticha Naataanii raaga raatticha Akiyaa nama Seelo'otti dhalateetii fi wonti Iyyoorbi'aamii mootii Israa'eliillee mudhata raatticha Ido'oo irratti argama.
30Mootichi Solomoon Yerusaalemiin keessa jiraata'aa woggaa afurtamaa Israa'eliin bulche.
31Achiin maayessa du'ee qachaa Daawitii keessatti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Roobi'aamitu mooye.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.