1Yaa Rabbi! iyya kiyya dhagayi;
kadhaa kiyyallee naa caqasi.
2Hennaa onneen tiyya dadhabde;
daangaa lafaatii si waama;
gara goda naa olii jiruu na qajeelchi.
3Ati irkoo kiyya;
dhagaa jabaa diina kiyya jalaa
itti daadayadhu waan naa taateef.
4Baraa haga bara baraa
daasee kee keessa haa jiraadhuu;
gaaddisa koola keetii jalatti haa dayadhuu.
5Waandhana! waan woreega kiyya naa dhageetteef;
lafa namoota maqaa kee sodaatanii
naa kennite.
6Umurii mootichaa dheeressiif
bara isaallee haga dhaloota baay'e'ee eda'iif.
7Rabbiin afo'otti baraa haga bara baraa haa mooyu;
akka isa eeganiif araaraa fi
amanamummaa kee qopheessiif.
8Kanaaf hennaa maraa maqaa keetiif jajuu
dhiyeessa;
woreega kiyyallee hennama henna'aan raawwadha.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.