1Yaa Rabbi!
ati dhalootaa haga dhalootaatitti
irkoo nuu taate.
2Uduu gaarran hin uumamin;
uduu ardi'ii fi adunyaa hin uumneen dura;
Ati baraa haga bara baraa Waaqa.
3Namoota gara biyye'ee deebifta;
«Ilmaan namaa gara hulee keessanii deebi'aa'a» jetta.
4Woggaan kumaa si afo'otti;
akka guyyaa kaleessa luftee;
haga halkan keessa hennaa diqqo'ooti.
5Hennaa ati haxooftee isaan fudhattu;
akka eebju'uu badan;
akka marga ganamaatitti deebi'anii margan.
6Margi ganama mutee lalisa;
galgala quuree goga.
7Dheekkamsa keetiin waan dhumneerruuf;
balaa keetiin naaneerra.
8Yakka keenna uf afoo;
cubbuu keenna ka dhossa'aallee
ifa fuula keetii afoo keette.
9Barri keenna maruu dheekkamsa keetiin lufeera;
umurii keennallee mararo'oon fixanna.
10Barri umurii keennaa woggaa torbaatama;
yoo guddate saddeettama;
yoo achii olillee ta'e dadhabbi'ii fi rakko'o;
dafee waan lufuuf; nullee dafnee lufna.
11Hunna dheekkamsa keetii eentu beeka?
balaan kee haguma sodaatamuu keetiititti gudda'a;
12Onnee ogummaa qabdu akka qabaannu;
umurii keenna laakkayuu nu barsiisi.
13Yaa Rabbi! deebi'i;
kun haga yoomii ta'a?
tajaajiltoota teetii garaa laafi.
14Bara keenna marattuu akka gammannu;
akka usheexxinu;
jaalala kee ganamaan nu quubsi.
15Haguma bara rakkoo nutti mudhifteetitti;
bikkuma baroota waan hamaa argineetitti;
nu gammachiisi.
16Hujiin kee tajaajiltoota teetitti;
ulfinni keellee ijoollee isaaniititti haa mudhatu.
17Gaachenni Waaqa Gooftaa keennaa nu irra haa ta'u;
hujii harka keennaa nuu milkeessi;
Ee; nuu milkeessi.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.