1Yaa Rabbi! Faatee kiyya naa dhagayi!
booyichi kiyya si bira haa gayu!
2Guyyaa rakkoo kiyyaa
fuula kee na hin dhoffatin;
gurra kee gara kiyya deebis;
hennaa si waame dafii naa deebis.
3Barri kiyya akkuma aaraatitti aaree waan dhumeef;
lafeewwan kiyyallee akka girgira'aatitti holataa ta'e.
4Garaan kiyya akkuma marga waagiin dhayeetitti gogeera;
nyaata nyaachuu dagadheera.
5Sababaa iyya kiyyaatiif;
lafeen goga'aan wolitti na maxxane.
6Huummoo lafa gammoojji'ii fakkaadhe;
akka urunguu hulee waan diiggamee jiru ta'e.
7Hirriba malee bula;
akka simbira utubaa mana kiyyaa gubbaa hojja jiraattuu ta'e.
8Diintonni kiyya guyyaa maraa natti baldan;
worri na busheessan
maqaa kiyya akka abaarsaatitti laalaniiran.
9Daaraa akka nyaataatitti waan nyaadheef;
dhuddoo kiyyallee imimmaaniin wolitti makeera.
10Sababaa bala'aa fi dheekkamsa keetiitiin;
ana nama ati ol kaaftee turte;
deebiftee gad na buufte.
11Barri kiyya akka gaaddisa galgalaati;
anillee akka margaatitti gogeera.
12Yaa Rabbi!
Ati ammo baraa haga bara baraa;
teessoo kee irra teetteerta;
maqaan kee dhalootaa haga dhalootaa
jiraata.
13Hin kaata; Tsiyooniin gara laafumma'aan laalta;
bara mishummaa kee is'itti mudhiftu waan ta'eef
hennaan murtaayellee gayeera.
14Tajaajiltoonni tee dhagaa isi'iititti hin gammadan;
biyyeen isi'iillee garaa isaan nyaata.
15Baniin maqaa Rabbii;
mootonni ardii irraa maruu
ulfinna kee sodaatan.
16Rabbi Tsiyooniin deebisee waan ijaaruuf;
ulfinna ufiitiinillee hin mudhata.
17Inni gara faatee worra rakkattootaa laala;
kadhaa isaaniillee hin tuffatu.
18Baniin uf afoo uumamu
akka Rabbiin jaju;
kun dhaloota dhufuuf
akkana jedhamee haa barreeffamuu;
19Rabbi mana woyyuu ufii ka ol gubbaa jiruu
waan gad laaleef,
samii taa'ee ardii argeera.
20Kunillee iyyansa worra hidhamanii
dhagayu'uuf;
worra duuti itti murteeffame
oolchu'uuf.
21Kanaaf maqaan Rabbii Tsiyoonitti;
galanni isaallee Yerusaalemiin keessatti labsama.
22Kunillee; baniinii fi mootonni;
hennaa Rabbiin Waaqeffachu'uuf
wolitti qabaman ta'a.
23Jajjabeenna kiyya kara'atti hambise;
umurii kiyya hin gabaabse.
24Ani akkana jedhe,
«Waaqa kiyya! wodhakkaa umurii kiyyaatitti
na hin fudhatin
baroonni kee dhalootaa haga dhalootaa jiraatan.»
25Ati duruma ardii hundeessite;
samiiwwanillee hujii harka keetiiti.
26Isaan hin badan; ati ammo jabaattee
jiraatta;
maruu akka uffataatitti moofan;
akka uffata gad dirataniititti isaan jijjiirta;
isaanillee yoosuu badan.
27Ati ammo sanuma;
woggoonni kee sirima hin dhuman.
28Ijoolleen tajaajiltoota teetii qanani'iin
jiraatan;
fiixaan isaanii jabaatee si afoo jiraata.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.