1Solomoon mucattii Fari'oonii ta fuudheen ala dubartoota gosa Moo'aabii, gosa Amoonii, gosa Edoomii, gosa Sidooniitii fi dubartoota gosa Keexotaa guddisee jaalate. na dhiisee Astaarootii waaqa tolfamaa worra Siidoonii Kaamooshii waaqa tolfamaa Moo'aabii, Miilkoomii waaqa tolfamaa ijoollee Amooniitii waan sagadeef akka abbaan isaa Daawiti qajeelaa ta'e qajeelaa ta'ee ajajaa fi murtii kiyya eegee akka ani fedhutti waan hin jiraanneef.
34Mootummaa isaa maraa jalaa hin fudhadhu waan garbicha kiyya Daawitii seeraa fi ajaja kiyya eege ka ani filadheetiif jedhee bara jireenna isaa maraa bulchaa isa taasisa.
35Kanaafuu mootummaa isaa ilma isaa irraa fudhee gosa kudhaniitii kenna.
36Qachaa filatamtuu Yerusaalemiin garbicha kiyya Daawitiif akka hennaa maraa isaa iftu ilma isaatii gosa tokko kenna.
37Iyyoorbi'aam! ani mootii Israa'elii si taasisa; biyya ufii jaalatte maraa irrattuu mootii taata.
38Akkuma garbichi kiyya Daawiti godhe waan ani si ajaje maraa yoo dhageette, akka fedha kiyyaatitti yoo jiraatte, afoo kiyyatti waan qajeelaa yoo hojjatte, seeraa fi ajaja kiyya yoo eedde, ani si woliin ta'a; akkuma Daawitii ijaare mana jabaa sii ijaara; worra Israa'eliillee sii kenna.
39Kanaaf fiixaa Daawitii sababaa cubbuu Solomooniitiif hin adaba; garuu baraa haga bara baraatiifii miti.
40Solomoon Iyoorbi'aamiin ajjeesu'uuf barbaannaan Iyyoorbi'aam garuu ka'ee gara Shiishaaqii mootii biyya Misirii baqatee haga bara Solomoon du'uutitti achuma taa'e.
Solomoon Du'e41Seenaan Solomoonii ka hafe, beekkumsi isaa, wonti inni hojjate maruu kitaaba seenaa Solomoonii keessatti barreeffameera.
42Barri Solomoon Yerusaalemii fi Israa'eliin irratti mooyee bulche woggaa afurtama ture.
43Achiin maayessa Solomoon du'ee qachaa Daawitii abbaa isaa ta abboonni isaa itti awwaalamanitti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Roobi'aamitu mooye.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.