1Rabbi gudda'a;
qachaa Waaqa keennaatitti;
gaara woyyuu irratti;
galata gudda'atu ta'aaf.
2Ka gammachuu ardii maraa ta'e;
gara kaabaatiin ka fago'otti mudhatu;
ka gubba'atti bareedee mudhatu
gaarri Tsiyoonii qachaa guddoo Gooftaa keennaati.
3Rabbi galma isi'ii keessa ta'ee,
akka kushee jabaa isi'ii ta'e mudhiseera.
4Kunoo mootonni wol ta'anii dhufan;
tokko ta'anii deeman.
5Isii arganii maalalfatan;
nayanii dheessan.
6Akka dubartii ciniinsifattuu;
achitti sodaan isaan qabe;
7Akkuma bubbeen baya biiftu'uu
markaba Tarseesii caccabsu;
ati isaan hollachiifte.
8Waan Rabbi godhe dhageenneerra;
akkasuma ammallee Gooftaan waa maraa danda'u
waan inni qachattii ufii keessatti godhe
ija keennaan argine.
Inni qachattii san baraa haga bara baraa
jabaattee akka jiraattu taasisa.
9Waandhana! mana woyyuu kee keessa taanee;
jaalala kee ka bara baraa yaanna.
10Waandhana! galanni kee akkuma maqaa keetii;
haga daangaa lafaa dhaqa;
harki kee ka mirgaallee ka balchumma'aan guuttame.
11Waan murtii keetiitiif;
gaarri Tsiyoonii haa burraaxxu;
gandiin Yihuuda'aa haa gammadanii.
12Naannaya Tsiyoonii deddeebi'aa'a;
naannaya isi'ii irra deemaa'a;
worra gamoo isi'ii eegan laakkayaa'a.
13Dhaloota dhufuuf akka dabarsuu dandeettan,
dallaya isi'ii ka dhaga'aa jabaa san hubadha'aa laalaa'a;
kushee isi'iillee argaa'a.
14Waandhi kun baraa haga baraa Waaqa keenna waan ta'eef;
ka haga dhumaa nu masakku isa.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.