1Wonti Rabbi Gooftaan banii maraa waan Moo'aabii jedhu kana,
«Nabo waan barbadooftuuf,
banii Naboo keessa jiraatuu hobbaas!
Qiriyaati diina ufii harkatti kufti;
kusheewwan isi'ii jajjabaanillee hin barbadaayan;
baniin isi'iillee salphinna irratti kufan.
2Ulfinni Moo'aabii hin lufa;
namoonni Hasebooniin kuffisu'uuf seera tumatan;
‹koottaa'a, akka isiin ammaa achi banii hin taane isii balleessinaa› jedhan;
isinillee namoota Maadime'ee! waan guraade'een isin ari'aniif
akka cadhiftan isin taasisan.
3Iyya diiggamsaa fi badii Horonaayiin irra gayu
caqasaa'a.
4«Moo'aab barbadoofteerti;
ijoolleen isi'iillee hin iyyan.
5Hennaa gara Luhiitii dhaqan mararamanii booya'aa dhaqan;
hennaa gara dhooqa Horonaayii gad bu'anillee
sababaa diiggamaniif rakkatanii iyyan.
6Isaan ‹uf oolchu'uuf ariifadha'aa fiigaa'a!
akka harree diidaa ka lafa gammoojji'ii keessa ooluutitti dheessa'aa jalaa bayaa'a!› woliin jedhan.
7«Isin banii Moo'aabii! hunna keessanii fi baay'inna qabeenna keessanii hedattanii turtan,
amma garuu isin maruu hin booji'amtan;
waandhi tolfamaan Kaamosh jedhamu abboota murti'ii jajjaba'aa fi gadoota woliin booji'anii fudhatan.
8Akkuma Rabbi dubbate
ka waa balleessu gara qachoota maraatuu hin dhufa;
qachaan milixxee jalaa baatu hin jirtu;
qile'ee fi raasaallee hin balleessa.
9Akka isiin sirima baddu biyya Moo'aabiititti sooqidda firfirsaa'a;
qachoonni isi'ii ona namni keessa hin jiraanne taati.
10Namni hujii Rabbiititti rincicu,
ka gara'aan hojjatee hin raawwanne ka abaarame haa ta'u!
namni hennaa Rabbi akka inni guraade'een balleessu isa ajaje hin goone ka abaarame haa ta'u!
Qachoonni Moo'aabii Diiggaman11Rabbi akkana jedha, «Akkuma daadhiin woyini'ii ka meeshaa tokko keessaa gara meeshaa biraa uduu gara hin galchine booruu woliin taa'u mi'aan isaa hin jijjiiramnee akkuma jirutti taa'a; urgaan isaallee ka hin jijjiiramnee akkasuma baniin Moo'aabii hennaa biyyi isaanii ijaaramte irraa jalqabee uduu hin raafamne jiraataniiran; booji'amaniillee hin beekan.
12Akka nama ottee tokko keessaa daadhii woyini'ii ottee biraatitti buusee ottee duwwaa cabsuutitti, ani Moo'aabiin ka isa diiguu fi ka banii isi'iillee achi keessaa bittinneessu isaanitti erga.
13Akkuma worri Israa'elii waaqa tolfamaa ufii dhaabatanii hedatan ka Beeteeliin keessa jirutti saalfatan, akkasuma worri Moo'aabiillee waaqa tolfamaa Kaamosh jedhamutti hin saalfatan.
14«Isin namoota Moo'aabii! ‹Nu'u loltoota jajjaba'aa fi
worra mala lolaa beeku jedha'aa maaf dhaadattan?
ka isin balleessu dhufeera.
15Biyyi Moo'aabiitii fi qachoonni isi'ii barbadaayaniiran;
dargaggeeyyiin babbareeddan isaaniillee bakka itti goorra'amanitti gad bu'an;
ani mootiin waan kana dubbadheera; maqaan kiyyallee ‹Waaqa banii maraati.›
16Badiin worra Moo'aabii dhiyaateera;
hennaan isiin itti diiggamtullee dafee dhufa.
17«Isin baniin gurra isi'ii beettanii fi worri naannaya isi'ii jiraattan maruu,
‹bokkuun hunna mootummaa isi'ii ka malkata baallii isi'ii
attamitti cabe› jedha'aa isi'ii booyaa'a!
18amma ka akka kusheewwan isi'ii diiggamee hafu taasisuu fi
ka Moo'aabiin diigu waan as jiruuf,
worri qachaa Diboonii keessa jiraattan maruu hulee ulfinnaa keessan irraa bu'a'aatii
lafa daara'aa irra taa'aa'a;
19Isin worri Aro'eeriin keessa jiraattan maruu,
karaa qaccee dhaabadha'aatii
dhiira dheessuu fi intala dheessitu maraa qaba'aa gaafata'aa
waan ta'e maraa hubadhaa'a.
20Moo'aab diiggamtee waan salphattee kufteef
banne banne jedha'aa booya'aaf;
akka isiin ona taatellee laga Aarnoonii laddatti dubbadhaa'a.
21-24«Qachoota Moo'aabii ta gaarran qotame irratti ijaarame ka badda'aa Hooloon, Yaahitsaa, Meefa'aat, Diboon, Naboo, Betidibilaataayim, Qiriyaataayim, Beetigaamul, Beetma'oon, Qaariyootii fi Bootsiraa jedhamanii waamamanii fi worra fago'oo fi dhiyoo jiran maraa irratti adabbiin murti'ii dhufeera.
25Hunni Moo'aab lola uf irraa dhooggituun cabeera; baalliin isi'ii irraa fudhatameera; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
Salphinna Moo'aabii26Rabbi akkana jedha, «Moo'aab waan uf jajjee natti kaateef kootta'aa waan nama macheessu obbaasa'aa isii macheessaa'a, haqqiftee irratti gangalattee baniin itti haa kolfuu;
27Ati Moo'aab! yoma Israa'el hattoota woliin hin qabamneellee ati isii waan itti baldan godha'aa adaduma waan isi'ii dubbattuun mataa raasa'aa turte.
28«Isin worra Moo'aabiin keessa jiraattan! akkuma handariin afaan qile'eetitti mana ijaarattu akkasuma isinillee qachoota teessan dhiisa'aatii holqa dhaga'aa keessa jiraadhaa'a.
29Ani akka Moo'aab guddiftee boona'aa ol uf guddiftee uf tuulteertuu fi akka isiin onnee jabaatteertu dhagayeera.
30Ani uf jajuu isi'ii hin beeka; dhaaduunii fi hujiin isi'ii duwwa'a.
31Ani Moo'aabii bade bade jedhee booya; worra Moo'aabii maraaf laagaa kiyya ol qabadhee iyya; namoota Qirihaaresiitiif gadda'aa booya.
32Booya banii Yaa'izeeriitii booyu caalaa banii Sibima'aatii iyya'aa booya; qachaa Sibima'aa! ati akka dhaaba biqiltuu woyini'ii ka haafni isaa galaana du'aa lufee haga Yaazeerii gayuuti; garuu daraaraa kee ka gayee fi ka hurbuu kee balleessu dhufeera.
33Gammachu'uu fi burraaquun biyya Moo'aabii laliftuu irraa fudhatameera; hulee daadhii woyini'ii itti cuunfan keessaa akka daadhiin woyini'ii jigu taasiseera; ka laagaa gammachu'uu dhageessisa'aa cuunfu hin jiru; yoma laagaa dhageessisellee laagaan sun ka gammachu'uutii miti.
34Baniin Hasebooniitii fi baniin Eel'aale'ee laagaa ufii ol qabatanii iyyan; laagaan iyya isaanii haga Yaahatsii Tsoo'aarii haga Horonaayimiitii fi Eeglaat-shilishiya'aatitti dhagayameera; lanni Niimriiniituu gogeera.
35Ani worra hulee worri Moo'aabii itti sagadanitti ciincaa dhiyeessanii fi worra waaqa tolfamaa ufiitiillee ciincaa dhiyeessan hin balleessa jedha Rabbi.
36«Ani sababaa baniin biyya Moo'aabiitii fi Qireharasiin keessa jiraatan waan qaban maraa waan dhabaniif akka namoota boobaa afuufamu caqasa'aa booyaniititti isaanii booya.
37Baniin Moo'aabii gamo'oo fi karaa irratti booyan, baniin mata'aa fi areeda haadatan, harka ufii hin mummuran, uffata gaddaallee hin uffatan.
38Ani Moo'aabiin akka meeshaa hin barbaachifneetitti waan isii cabseef gamoo gubba'aa fi bayima marattuu booyaa achi wonti biraa hin dhagayamu.
39Moo'aab wonti boottuuf waan nama naasisu maaltu isii irra gayeeti? attamitti isiin salphattee dudda galti? kanaafuu isiin ollaa ufii maraa biratti ta itti baldanii fi ta naasu'uu taateerti.» jedha.
40Rabbi diinni Moo'aabiin irratti akka bajjaa koola badhisee gubba'aa gad bu'uutitti akka dhufa'aaran dubbate.
41Qachootaa fi kusheewwan isi'ii maraa hin qabatan; hennaa san loltoonni Moo'aabii akka dubartii ciniinsifattuutitti sodaatanii hollatan.
42Moo'aab waan natti uf jajjeef hin barbadoofti; ammaa achi mootummaa taatee hin beekkamtu.
43Banii Moo'aabii «Raafama, boolli nama gufachiisuu fi siiboo isaan qabutu isin eega» jedha Rabbi.
44Ka raafama jalaa dheessu boollatti bada; ka boolla keessaa utaalee bayu maraa siibo'otu qaba; ani guyyaa Moo'aabiin itti adabu hin fida» jedha Rabbi.
45Worri baqaan dheessanii dadhaban gaaddisa Haseboonii jalatti quphataniiran; sababaan wonti kun ta'eef ibiddi Haseboonii, arrabni ibiddaallee manniin Sihoonii keessaa bayee loltoota worra Moo'aabiitii fi qachoota isaan gargaaran maraa waan gubeef.
46Banii Moo'aabii isin hobbaas! baniin waaqa tolfamaa Kaamosh jedhamuu sagadan diiggamaniiran; ijoolleen isaanii ta dhiiraatii fi ta intalaa booji'amaniiran.
47«Ta'ullee hennaan ani qabeenna Moo'aabii deebisu hin dhufa» jedha Rabbi; murtiin waan Moo'aabiitiif murteeffame as irratti dhumata.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.