1Waan tajaajila woyyootaatiif ta'u isinii barreessuu na hin barbaachisu.
2Fedha keessan mishaa waan beekuuf, jajjabeenni keessanillee kaawwan kakkaase, «Waan Worri Akaayiyya'aa bara dheengaddaa irraa jalqabee godheef» worra Maqedooniya'aa biratti isiniin boona.
3Haa ta'uu ammo akkuma isaaniin jedhe worra qophooftan akka taatan waan kanaanillee booni ani isiniin boonu akka duwwaa hin taane obbooleewwan erga.
4Maal laataa namoonni Maqedooniya'aa na woliin dhufan uduu isin hin qophoofne yoo isin argan isin callaa uduu hin ta'in nu worri isin abdannellee hin saalfanna.
5Obboleewwan naan dura gara keessan dhufanii gargaarsa arjoomu'uuf waadaa galtan dura keessan akka qopheessitan akka isin qaabsisaniif isaan gara keessan erguun barbaachisaa akka ta'e yaadeera.
6 Mam. 11:24-25; 19:17; 28:27 Kanallee akkana jedha, «Ka diqqoo facaasu diqqoma haamata; ka guddisee facaasu akkasuma guddisee haamata»
78:8; Rom. 12:8; Kes. Deb. 15:10 Rabbi ka gammachu'uun kennu waan jaalatuuf marti isaaniituu akkuma garaa ufiititti yaadeen haa kennu; gaddaan yookaan giddi'iin akka hin taane.
8Filph. 4:19 «Bittinneesse, hiyyeeyyi'ii kenne, qajeellummaan isaa baraa haga bara baraa jiraata» jedhamee akkuma barreeffame.
9Rabbi hennaa maraa waan maraanuu dandeettii maraa argattanii hujii misha'aan akka baay'attan badhaadhummaa maraan isin guddisuu danda'a.
10Isa. 55:10; Yaq. 3:18 Ka facaasuu sanyii, ka nyaatuufillee xoroshoo guddisee ka kennu sanyii facaaftan isinii kenna; isinii barakachiisa; daraaraa qajeellumma'aa keessanillee isinii baay'eessa.
11Karaa keennaan nu'u kennaa galata Rabbiitiif sababa ta'u mara akka mudhiftaniif waa maraanuu dureeyyii akka taataniif.
12Tajaajilli gargaarsaa kun woyyoota jalaa waan hanqatu marumaa ka guutu callaa uduu hin taane, Rabbiifillee galata guddaa akka dhiyeessan godha.
13Tajaajila kanaan waan qoramtaniif Dubbii Nagayaa Kiristoosii amantanii ajajamuu keessaniin isaanii fi worra biraallee gargaarsa arjumma'aa kanaan Rabbiin kabajjan.
14Isaan hennaa Rabbiin isinii kadhatan badhaadhummaa waa maraa caalu saniif isin yaadan.
15Rom. 6:23 Kennaa isaa ka hagana hin jedhamneef Rabbiin galanni haa gawu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.